Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yukireen: Raashiyaan haleellaa ijibbaataa Maariyupuul irratti bannaan Zeleniskiin gargaarsaaf watwaataa jiru
Qondaalonni Yukireen Raashiyaan karaa hundaa warshaa oomisha sibiilaa Azovistal irratti haleellaa bante jechuun himan. Bakki kun Maariyupuul keessaa bakka dhumaa loltootni Yuukireen qabatanii jiranidha.
Humnootni Yuukireen gidduugala warshichaa keessa jiran guyyoota lamaaf walitti aansuun, ''waraana jabaa,'' gaggeessaa jiru jedhan ajajaan waraana adda Azoov.
Haleellaa walitti aansuun gaggeessanii humnootni Raashiyaa ''daangaa gidduugalichaa'' galaniiru jedhama.
Ijoollee dabalatee namootni nagaa 200 tahan gidduugalicha keessa daheeffatanii jiru jedhamee amanama.
Haleellaa Raashiyaan gidduugalicha irratti gaggeesite jedhame BBC'n hin mirkaneeffanne.
Viidiyoo gabaabduu Telegiraamii irratti maxxansaniin ajajaan waraanaa Azoov Deenis Pirokopenkoo, ''loltootakoo haleellaa diinaa qolachuuf waan dhalli namaa hojjetuun ol dhama'aa jiranitti hedduun boona...haalichi akka malee hamaadha,'' jedhan.
Pirezidaanti Zeeleniskiin lubbuu namoota gidduugalicha keessatti hafanii baasuuf deeggarsa UN gaafachaa jiru.
''Namni hundiyyuu nuuf gatii qaba. Lubbuu isaanii baraaruuf deeggarsa keessan barbaanna,'' jechuun bilbilaan Antooniyoo Guutireez, Barreessaa Ol Aanaa UNtti himan.
Torban darbe UN fi Waldaan Qaxxaamura Diimaa wal tumsuun namoota nagaa waraana gidduutti danqamanii turan akka bahan gargaaruu isaaniif Zeleniskiin Antooniyoo Guutereez galateeffataniiru.
Raashiyaan Kamisa har'aa irraa eegaluun dhukaasa dhaabuun lammiilee nagaan gidduugala Azovistal keessaa haa bahan jette.
Humni waraanaa Raashiyaa hulaa namootni nagaan irra bahan sa'a 7:00 hanga 11:00tti gaafa Caamsa 5,6 fi 7 banaa taha jedhan.
Yeroo kanatti humni waraanaa Raashiyaa dhukaasa dhaabuun humna isaas bakkicha irraa gara fageenya naga qabeessatti ni baasa jedhe humni waraanaa Raashiyaa.
Xiinxalli akka agarsiisutti haleellaa boombii tokkicha Raashiyaan Maariyupuul irratti gaggeesiteen namootni 600 ol ajjeefamaniiru.
Kun erga weerarichi jalqabee haleellaa hamaa lubbuu namoota hedduu galaafate jedhame.
Maariyupuul bakka murteessituu Raashiyaan weerara Yuukireeniif itti fayyadamtu kana loltootni Raashiyaa marsuun haleeluu erga jalqabanii torbanootni darbaniiru.
Raashiyaan Maariyupuul guutummaatti yoo qabatte carraa riqicha lafa irraan daangaa Raashiyaa waliin wal qunnamtu kennaaf.
Akkasumas naannoo finciltootni qabatan Donbaasii fi Kiriimiyaa kan bara 2014 ofitti dabalte waliin walitti baastee to'achuuf ishee gargaara.
Raashiyaan ammayyuu waraana osoo hin taane ''oppireeshinii waraanaa gaggeessa jira'' jechuun ibsiti.