Ansoolaa siree keenyaa yeroo hagam hangamitti geeddaruu qabna?

Woman making bed

Madda suuraa, Getty Images

Namootni tokko tokko matadureen kun bakkeetti waan haasa’amuu qabu miti jedhanii yaaduu malu, garuu kun wanta hunda keenya miidhuu maludha: Ansoolaa siree keenyaa yeroo ammamiitti geeddaruu fi miiccuu qabnaa?

Qorannoon akka agarsiisutti ummatni deebii kanarratti walii hin galu, akkasumas qorannoon haaraa lammiilee UK 2,250 irrati gaggeeffame ammas yaada wal faallesu ibsa.

Dhiirota jaalallee hin qabne keessaa walakkaan ol takka takka gara ji’oota afuriif ansoolaa isaanii hin miccatani, isaan keessa %12 kan ta’an yoom akka miccanillee hin beekani – kana jechuun yeroo dheeraa tureera jechuu ta’uu danda’a.

“Kun karoora gaarii miti,” jechuun Dr Linsee Biraawoning, ogeettin xiinsammuu, saayinsii sammuu fi oggeettii hirribaa sagantaa BBC Radio 1 Newsbeat’tti himteetti.

Dubartoonni jaalallee hin qabne yeroo yeroon geeddaru, %62 kan ta’an ansoolaa isaanii torban lama lamaan jijjiiru. Jaalalleewwan ammoo akka ragaa kaampanii ansoolaatti, torban sadii sadiin jijjiiru.

Ansoolaa siree keenyaa maaliif jijjiruun nu barbaachisa?

Salphaatti jetti Dr Biraawoningi ansoolaa keenya torbanitti al tokko jijjiiruu qabna ykn yoo baayyate torbanitti al lama jijjiruu qabna.

Qulqullinni sababa isa guddaadha, sababni biraa inni tokko dafqadha. Bulluqa keessa rafuu yoo yaaltanittu ta’e, hagam akka cimu beektu.

“Dafqi ansoolaa keessa yeroo seenu foolii hamaa fiduu qofa hin taane darbeeyyu akka duudu godha,” akka Dr Biraawoniing jettutti.

Woman waking up

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo rafnu akka qabanna argannuuf qilleensi jiraachuu qaba. Garuu waa’ee dafqaa qofa miti kan yaaduu qabnu, seeliin googaa keenya du’aa ta’e kan yeroo rafnu harcaasnus yaaddoo biraadha.

“Ansoolaa kee yeroo yeroon hin miiccitu taanaan, googaankee du’aa ta’e ansoolaa kana keessatti walitti kuufamuu eegala.”

Hamaa fakkaata mitii? Kanarra hammaata. Walitti kuufamni gogaa kun, ilbiisota xixxiqoo maayits jedhaman seelii kana nyaachuun, gogaan keenya akka miidhamuu godhu, haala nutti hin tolle keessa nu galchu.

“Xurii dafqaa fi seelii du’aa keessa qofa utuu hin taane, kan ilbiisa maayitii keessa rafta jechuudha.”

Waqtiin murteessaadhaa?

Hanga tokko.

“Waqtii gannaatti hanga tokko salphisuu dandeenya,” jetti Dr Biraawoning, ta’us garuu torbanitti al tokko miiccuun ‘waan gaariidha’.

Yoo torban lama lamaan miiccuun irra dabarsitee tursite “haala badaa gaarii hin taane keessa galta.”

Waqtii gannaa yeroo qorri jirutti badaa qorruu yoo baatteyyu, ammayyuu seelii gogaa du’anii ni harcaasta jetti.

“Akkasumas ammayyuu haarka xurii fi hafuura walfakkaataa afaan keessaa baafnuu waliin rafna.”

Qorannoo gaggeffameen %18 kan ta’an ansoolaa isaanii kan yeroo yeroon hin jijjiirre galgala galgala dhaqna waan dhiqannuuf, ansoolaan hi xuraa’u sababa jedhuunidha.

Dr Biraawoning akka jettutti bonni ammoo rakkoo alarjii waqtii waliin dhufuu fi ija daraaraa fida.

“Ansoolaa keenya yeroo yeroon miiccuun baayyee barbaachisaadha sababiin isaa alarjiinota kana siree keenyatti fidna, sun ammoo dhibee funyaan duuchuu nutti fida.”

Hotel

Madda suuraa, Getty Images

Bakka boqonnaa

Miiccachuu dagachuu (%67), dhimma qabaachuu dhiisuu (%35) akkasumas ansoolaa qulqulluu geeddaratan biraa qabaachuu dhabuu (%22) sababoota namootni ansoolaa isaanii yeroo yeroon hin geeddarre dhiyeessanidha.

Namootni %38 ta’an ammoo aansolaa “yeroo yeroon” miiccuun barbaachisaa miti jedhanii namoota amananidha, akka qorannoo Pizuna Linens’tti.

Dr Biraawoning kutaan ciisichaa keenya hirribaaf “bakka boqonnaa” akkasumas “bakka gaarii, faara tolaa itti nuti gammannu” ta’uu qaba jetti.

Ogeettiin kun maamiltoota hirriiba dhabuun rakkatan qabdi, “yoo ansoolaan keessa hin miiccamu ta’e fi xurii fakkaata ta’e, foolii ni qabaata, kun ammoo miira sireen keessan bakka isin ta’uu hin qabne akka ta’e sinitti fida,” jetti.

“Yoo siree keenya keessa seenne, nutti tolee, boqonnee fi gammanne, foolin ansoolaa qulqulluu ammoo miira tasgabbii fi gammachuu akka qabaannuuf nu gargaara.”