'Eenyuun dhaalchisuuf hojjetta, siilaa dhalahoo hin qabduu siin jedhu' - maatii waggaa 18 booda ilmoo argatan

Madda suuraa, Daniel T.
Abbaan warraa fi haati warraa kun erga bulti ijaarratanii jireenya waliinii eegalanii amma waggootni 18 lakkaa’amaniiru. Waggoota 18 darbe waliin jiraatan kana keessatti garuu dhala hin godhanne.
Gaa’ila isaanii keessatti dhala dhabuun garuu bultii isaanii irratti dhiibbaa cimaa osoo hin uumiin waggoota kana obsaan jiraachaa turan.
Obbo Tasfaa Tolasaa fi Aadde Baanchaayyoo Asaffaa jedhamu. Kan jiraatan ammoo Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambidoollooti.
Maatii ijaarratanii dhala malee waggoota 18'f erga jiraatanii booda, baatii lamaan dura daa'ima isaanii jalqabaa argatan.
Maatiin kun dhiibbaa xiinsammuu fi yaadota hawaasa naannoo akkamiin obsanii waggoota 18 obsaan eegan?

Obbo Tasfaa fi Aadde Baanchaayyoon imalli jireenya isaanii namoota hedduuf barumsa taha jechuun muuxxannoo fi bu’aa bahii dhala malee waggoota 18'f gaa’ila keessatti dabarsan irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Akka aadaa hawaasa naannootti dhiibbaan maatii, ollaa, hiriyaa fi namoota kaan irraa namarra gahu waan laayyoo akka hin taane dubbatu Obbo Tasfaan.
''Namni gaafa ati dargaggeessa yookan dargaggeettii taatu ‘maal eegda, dhaabattee hafuufii? Maaliif hin heerumtu? maaf hin fuutu?’ siin jedha.
''Gaafa fuute ammoo saffisa cimaadhaan dhala sirraa eega. Maaf hin dhalchitu? siin jedha. Gaafa mucaa tokko godhattu maaf hin dabaltu? siin jedha'' jedhu Obbo Tasfaan.
Gaaffileen kunneen dhiibbaa alaa hawaasa keessa jiraatanirraa isaanirra gahaa ture tahuu himu.
“Hawaasni nuti keessa jiraannu hawaasa cimaadha. Jireenya kee irratti dhiibbaa kan uumudha. Jechi namaa hedduudha.
"Jecha namaa kana Waaqumatu nama dandeessisa. Amma fakkeenyaaf nuti dhala godhachuun waan ofii goonu miti Waaqayyotu namaaf kenna waan ta’eef nuti maal gochuu dandeenya?” jechuun gaafatu.
Waan waggootaa 18 kana naamoonni jedhaniin yoo yaadatanis “maal kun erga dhala godhachuu hin dandeenyee, dhala namaa hin guddisuu jedhu. Akkuma nuti ofii godhachuu osoo dandeenyuu dhiisnetti kan yaadu baay'eedha," jedhan.
"Jecha namaa karaa kanaan dhufu ayyaanumti Waaqaa yoo siif baay'ate malee ni cima” jedhu Obbo Tasfaan.
Dhiibbaa fi yaadonni hawaasarraa dhufan kun hedduun numaaf yaaduun, ilaalcha gaariidhaan kan jedhan jiraatanis kaan ammoo hamileema keenya tuquuf kan dubbatanis jiru ture jedhu.
“Yeroo ati hojiitti fiigdu namoonni tokko tokko ati maaliif hojjetta? siin jedhu. Eenyuun dhaalchisuuf hojjetta, dhalahoo hin qabduu siin jedhu. Namni kaan ammoo akkuma dhimma isaatti ilaalee warri dhoksaatti Waaqayyo siif kadhatus jiru,” jedhu.

Dhiibbaa hawaasa naannootiin namarra gahuun alatti ofii isaaniitii yeroo namoota dahan gaafachuu deeman, yeroo mana amantaa deeman, yeroo ijoollee xixiqqoo argan nutti dhagahamulleen Waaqayyoma obsaan eeguutti obsinee dabarre jedhu.
Aadde Baanchaayyoon gama isaaniin aadaa hawaasni keenya ati gaa’ila godhattee waggaatti, waggaa lamaatti daa’ima sirraa eegu keessatti waggaa 18 dhala malee dabarsuun ulfaataa ture jedhu.
“Akka gaa’ila godhatteen hawaasni dhala sirraa eega. Gaafa ati waan isaan eegan kana guutuu dadhabdu ammoo akka waan ati beekaa osoo hin barbaadiin hafteetti si ilaalu. Maalifi? jedhanis si gaafatu“ jedhan.
Dhiibbaan akkasii kun miira ‘qofaa ta’uu’ namatti uuma jedhu Aadde Baanchaayyoon.
“Hawaasni inuma siif gadda. Hidhiima siif xuuxxata. Kan keemmoo yoomi? yoom deessa? siin jedhu. Inni kun ammoo miirakee si jeeqa. Ati utuu barbaadduu dhabde sababii ta’eef,” jedhu Aadde Baanchaayyoon.
Guutummaa addunyaatti daa'ima godhachuu dhabuun wal-qabatee hubannoo dogoggoraatu jira.
Sadarkaa addunyaatti abbaa warraa fi haati warraa miliyoona 50 ta'an rakkoo daa'ima godhachuu (infertility) akka qaban yaadama.
Ameerikaa keessatti abbaa warraa fi haadha warraa saddeet keessaa tokko rakkoo daa'ima godhachuu qabu. Achittis osoo hin hafiin loogii fi ilaalchi dogoggoraa hawaasa keessa waan jiruuf kanneen rakkoo daa'ima godhachuu qaban miidhaa xiin-sammuuf saaxilamu.
Jalqabarratti dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofa akka ta'etti fudhatamuu, kana malees wal'aansoo abbaa warraa fi haati warraa tokko daa'ima godhachuuf itti jiran osoo hin beekiin, akka waan beekaa dhala godhachuu dhiisaniitti gaaffii fi yaadni kennamuuf miidhaa xiin-sammuuf kan nama saaxilu ta'uutu himama.
Obbo Tasfaa fi Aadde Baanchaayyoon iccitii obsaan turuu fi waggaa 18 booda "Waaqarraa deebii arganne" jedhan yoo ibsanis, “Anii fi abbaan warraakoo dura sammuu keenya amansiisnee jirra. Dhala dhabuun gaa’ila keenya hin jeeqne. Kuni hojii Waaqaati. Obsumaan Waaqayyoo eegne. Waaqayyoo ammoo waggaa 18 booda gaaffii keenya nuuf deebise,” jedhan.
Maatiin gaa’ila keessa waggoota 18 dhiibbaa hawaasaa dandamatee dabarse kuni amma mucaa dhiiraa godhataniiru. Manni isaaniis gammachuudhaan akka guutame himu. Ollaa fi firri waa’eesaanii dhiphataa turanis isaan wajjiin gammaduulleen himan.













