Sudaan: UN ajjeechaan Daarfur keessatti namoota 168 irratti raawwate haa qoratamu jedhe

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ajjeechaa namoota 168 walitti bu'insa Daarfur keessatti uumameen mudatee akka qoratamu jedhe.
Bakka Bu'aan Addaa UN, Voolkeer Perzis jeequmsa Lixa Daarfur naannoo Kirinki jedhamtu keessatti mudate balaaleffataniiru.
Yeroo walitti bu'insichaa keessa manneen jireenyaa abiddaan gubataniiru, hospitaalonni haleelamaniiru, akkasumas qabeenyi saamameera jedhe.
Walitti bu'insa kanaan namootni 100 caalan irra miidhaan qaamaa gaheera jedhe gareen deeggarsaa walabaa, Qindeessaa Waliigalaa Baqattootaa fi Buqqaatotaa Daarfur jedhamu.
Dhaabbileen mit-mootummaa hedduun akka jedhanitti, walitti bu'insa namoota dhuunfaatu lola tikfattee bultoota Arabaa fi miseensota hawaasa Masaalit, kan lakkoofsaan xiqqaa tahan naannoo Kirinki jedhamtu keessa jiraatan gidduutti kaase jedhan.
Qondaalonni Sudaan humna furguggifamaa hamaa jedhaman 'Rpid Support Forces' - kana dura maqaa Janjaweed jedhamuun kan waamaman naannichatti bobbaasaniiru gabaasaaleen jedhan jiru.
Waldaan Koree Qaxxaamura Diimaa Idil-addunyaa rakkoon deeggarsa namoomaa guddaan naannichatti mudachuu ibsuun, namootni dhukkubsatanii fi miidhaman akka deeggarsa argataniif eeyyamamuuf qaba jechuun waamicha godhe.
Waggoota kurnan lamaan dura humni amma naannichatti bobba'e jedhamu 'Janjaweed' naannicha keessatti ajjeechaa hamaa gaggeessaa ture.
Bara 2007, Ameerikaan ajjeechaan hidhattoota kanaan Daarfur keessatti raawwataa jiru duguuggaa sanyiiti jette. Waggoota sadii keessatti namoota nagaa 200,000 akka ajjeesan ibsuun. Kana hordofee Manni Maree Nageenyaa UN, akka hidhannoo hiikkatan gaafate.
Bara 2008 keessa Manni Murtii yakkaa Idil-adunyaa pirezidaantiin Sudaan yeroo sanaa Omar al-Bashir tahe jedhee ajjeechaa, gudeeddii fi biyyaa baasuun gosa Afrikaa Daarfur keessa jiraatan balleessaa jira jechuun yakka duguuggaa sanyiin himata irratti bane.













