Mootummaan ce’umsaa Sudaan finciltoota Daarfur waliin waraana wagga 17 booda waliigaltee nageenyaa mallatteessuuf

Madda suuraa, Getty Images
Waraana waggoota 17 dhiiga dhangalaasaa ture booda gareen finciltootaa mootummaa Sudaan waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuuf.
Sochiin kun yeroo jirutti uggurri jiraatus waliigalticha mallatteessuuf akka qophaa’an himamama.
Mariin nageenyaa buusuu kun Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaatti gaggeeffanmaa kan jiru yoo tahu hidhattootni Daarfur, Biluu Naayiliifi Kibba Kordoofan keessa socho’an irratti hirmaataa jiru.
Waraanni garee finciltootaa fi human mootummaa Sudaan gidduutti bara 2003 ture kan eegale. Waraana kanaan namootni kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuun miliyoonotni ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook kaleessa waaree booda Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaa kan galan yoo tahu hogganaa garee finciltootaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuu dursuun wal arganii mari’ataniiru.
Hogganaan mana maree Sudaan Jen. Abdel Fattaa, ministira Muummee Hmadoki waliin sirna waliigaltichaa irratti argamu jedhame. Dabalataan pirezidaanti Saalvaa Kiir sirna mallattoo nageenyaa kana irratti ni argamu.
Mariin waliigaltee nageenyaa kun yeroo heduu gufataa ture. Tokko sababa du’a ministera human ittisaa Sudaan Jamaledin Omaariin yoo tahu kan biraan weerara Koroonaavaayirasiin ture.
Torbee lamaan darbe finciltootni gariin mariachi akka dhaabbattuuf yaalaniiru.Isaan keessaa mariin kun akka dhaabbatu kan godhe hogganaa garee SPLM-N kan tahan Abdelazizi Adam Al-Hiiluu kan human Kibba Kordofan hogganan ture.
Marichi akka dhaabbatuuf akka sababaatti kan kaasan ammoo gareen jaarsummaa gaggeessaa jiru komii nuyi ajajaa humna furguggifamaa Rapid Support Forces’ jedhamanii fi Itti aanaa Mana Maree walabummaa Sudaan Jeneraal Hamdan Dagaloo irratti qabnu ilaaluu dhiisuu isaati jedhan.
Namni kun siyaasa Sudaan keessatti bal’inaan maqaan isaanii karaa wal falmisiisaa taheen ka’a.
‘’Marii nageenyaa kana walaba tahee gara nagaatti geessuuf nama gahaaf sirrii miti’’jechuun komatu gareen finciltootaa. ‘’Humni isaan ajajan ammayyuu uummata bakka garaagaraatti ajjeesaa jiru’’ jechuun komatan.
Tut Galwaak, gorsaan dhimma nageenyaa pirezidaantii Sudaan Kibbaa fi durasaan jaarsummaa kanaa gareen SPLM-N irra deebiin ejjennoo isaanii jijjiiruun marichatti akka deebi’an gaafatan.
Bara 2008 akka tilmaama UNtti waraana garee Finciltootaa fi human mootummaa gidduutti dhalate hordofee namootni 300,000 ol ajjeefamaniiru. Kaartum garuu lakkoofsi kun sirrii miti jechaa turte.
Pirezidaantiin yeroo sanaa Omar al –Bashir yakka duguuggaa sanyii raawwatan jedhamuun Mana Murtii Yakkaa Idil-adunyaatti himatamanii ture.













