Walitti bu’insa Sudaan, Daarfuritti mudateen namoonni 100 ol ajjeefaman

Walitti bu’iinsa gosaa Bulchiinsa Sudaan Daarfur Lixaatti guyyootaaf itti fufe hordofee namonni 100 ol ajjeefaman.
Lolli gosa Arabootaafi loltoota hawaasa Masalit Afrikaa jedhaman keessaa dhufan gidduutti ture kun guyyootaaf itti fufuun gaggeeffame.
Loltoonni hawaasa Masalit Afrikaa keessaa dhufan kun ammoo garee finciltoota duraanii tokkoon deeggaramu.
Lolli Kiriinik iddoo jedhamutti gaggeeffame kun namoota kumaatamaan lakkaa’aman daangaa Chaadirra otoo hin hafiin buqqisuu isaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii himeera.
Namoonni hangi tokkos daangaa qaxxaamuranii gara biyya hollaa Chaad akka galanis himameera.
Namoonni walitti bu’insa kanarraa hafan akka jedhanitti, hidhattoonni qawwee qaban mandara isaanii Kirinik Lixaatti haleeluun dhukaasa bananii, achumaan mana isaaniis guban.
Kana malees, namootni akka hin baqanneef dhokatanii daguudhaan karaarratti haleellaa irratti raawwataniiru.
Lola kana keessatti namoonni madaa’an wal’aansa fayyaa battalatti hin arganne.
Lolli haaraa hawaasa kana gidduutti bifa haaraan Dilbata jalqabe kanaan yoo xiqqaate namoonni 55 ajjeefamaniiru.
Kibxata darbe kana reeffi namootaa dabalataan miciree keessaa kan argame yoo ta’u, lakkoofsa namoota jeefamanii 100 olitti ol guddiseera.
Ammas namoonni hedduun eessa akka jiran hin baramne, dhabamaniiru jedhame.
Ji’a darbe namoonni 43 Daarfur Lixaa iddoowwan gargaaratti ajjeeffamaniiru.
Walitti bu’iinsi gosaa kun Kibba naannoo tasgabbii hin qabne kana jiraachuun gabaafameera.
Mootummaan waraana biyyattii, milishootaafi poolistoota Daarfur Lixaafi Kibbatti erguun jeequmsa kana dhaabuuf bobbaasera.














