Kiibaakii: Gaggeessaa dinagdee Keeniyaa ijaare kan jedhaman Kiibaakiin akkamiin yaadatamu?

Miwaay Kibaakii umurii ganna 90'n du'aan boqatan

Madda suuraa, AFP

Pirezidaantiin duraanii keeniyaa Miwaay Kibaakii umurii ganna 90'n du'aan boqachuu hordofee gaggeesitootnii fi lammiileen biyyattii gadda isaanitti dhagahame ibsachaa jiru.

Bulchiinsi Kibaakii lammiilee Keeniyaa biratti akkamiin yaadatama?

Bara 2002 filannoo pirezidaantummaa gaggeeffameen kan injifatan Kiibaakiin bulchiinsa paartii tokkichaa walabummaa biyyattii booda waggoota 40'f ture cabsuun nama jalqabaa paartii mormituu irraa aango qabatan tahan.

Haa tahu malee filannoo marroo lammaffaa irratti bara 2007 jeequmsi mudate lubbuu namoota 1,000 olii galaafate. Lammiileen Keeniyaa kaan bulchiinsa Kiibaakii bifa adda taheen yoo jajan kaan ammoo jeequmsa lubbuu galaafateen isa qeequ.

Lammiileen Keeniyaa Kibaakii akkamiin yaadatu?

Lammiileen Keeniyaa miidiyaa hawwaasaa irratti boqachuu pirezidaantii duraanii Keeniyaa Kibaakii irratti barreessan gariin pirezidaantii gaarii Keeniyaan bulche isa addaati jedhan. Kaan ammoo jeequmsa marsaa lammaffaaf bara 2007 yeroo inni filatame mudatee lubbuu namaa badeen isa komatan.

Keeniyaan erga kolonii Biriiten jalaa walabummaa ishee ergatte bara 1963 as pirezidaantii afur qofatu gaggeesse.

Lammiileen biyyattii Kiibaakiin gaggeessaa tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsee fi guddina dinagdee Keeniyaa ariifachiise jechuun galateeffataniiru.

Paartiin mormituu ODM Tiwiitera irratti Kiibaakiin ''haaromsa dinagdee fi bu'uuraalee misoomaa biyyattiitti fide, akkasumas adeemsa haaromsa heera biyyattii fiixaan baasuun yaadatama'' jedhe.

Keeniyaan pirezidaantii jabaa akka Kiibaakii hin arganne jedhan kaan ammoo. Nama tapha fi hojii jaalatu jechuun isa jajaniiru. Innis akka nama kaanii hanqina mataa isaa ni qabaata garuu gaggeessaa Keeniyaaf waan gaarii kenne jedhan.

''Hayyuu dinagdee maaltu akka Keeniyaaf gaarii tahe beekun dhabe. Gabatee beeksisaa, marsariitii ykn miidiyaa hawwaasaa fayyadamuun waan hojjete hin ibsanne. Garuu hojiin isaa dhalootaa gara dhalotaatti ofuma isaan mul'ataa jiraata,'' jedhe fayyadamaan miidiyaa hawwaasaa tokko.

Edwiin Omarii ammoo yeroo hamaan bara bulchiinsa Kiibaakii jeequmsa marroo lammaffaaf filatamu isaa hordofee ka'edha jedhe. ''Yeroo sana Keeniyaan akka biyyaatti kuftee ture.''

Sadiiquu Shaabaan namni jedhamu ammoo pirezidaantiin duraanii icciitii filannoo bara 2007 boodaa waliin boqate jedhe.

Jeequmsa sana hordofee namootni 1,000 ol ajjeefamuun hedduun ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

'Kiibaakiin kutannoo fi iftoominaan biyya tajaajile'- Odiingaa

Ministirri muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa Kiibaakiin goota biyyaa, kutannoo, amanamummaa fi iftoominaan biyya tajaajile jedhan.

''Ministeerota isaa gidduutti miira garee ijaaruun namni hanga Kiibaakii gahu hin jiru'' jedhan.

Kibaakiin bu'aa filannoo bara 2007 waliin dhahame jedhamuun jeequmsa ka'e hordofee Odiingaa waliin mootummaa tokkummaawaa hundeessuun Keeniyaa gaggeessaniiru.

Hogganaan paartii mormituu Kalonzoo Musiyookoo bara 2007-2013tti pirezidaantii itti aanaa Kiibaakii tahuun kan tajaajilaa turan, ''abbaa fakkeenyummaa qabu'' jechuun ibseen.

Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan pirezidaantiin duraanii Kiibaakiin nama ''jabaa'' siyaasa Keeniyaa keessatti falmii gaggeessuunis beekamu jedhan.

Boqochuu Kiibaakii kan labsan pirezidaantichi ''goota biyyaa'' jechuun ibsan.

Itti dabaluuun walabummaa Keeniyaan booda gaggeessaa jaalalaa fi kabajaa uummataa akka biyyaalessaa fi adunyaatti argatan jechuun ibsaniiru.

Kibaakii jalatti ministira muummee itti aanaa tahuun kan tajaajilaa turan Musaaliyaa Mudaavaadii, ''gaggeessaa cimaa walabummaa biyyaaf qabsaa'uun bu'uura dinagdee biyyattii amma jiru kana lafa qabsiisan'' jechuun ibsaniiru.

Pirezidaanti Keeniyaataan hanga sirni awwaalchaa raawwatamutti akka biyyaalessaatti gadda labsuun alaabaan biyyattii walakkaatti gadi siquun akka mirmirfamaa turu dhaamaniiru.

Odeeffannoo wal fakkaatoo biroon: