Pireezidaantiin Keeniyaa duraanii Miwaayi Kibaakii ganna 90tti du'aan boqotan

Madda suuraa, AFP
Pireezidaantiin Keeniyaa duraanii Miwaayi Kibaakii ganna 90tti du'aan boqochuu pireezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataa beeksisan.
Aabba Kibaakiin erga biyyattiin kolonii Biritish jalaa 1963tti bilisa baate booda, pireezidantii sadeessoo tahuun hoogganan. Bara 2002 haga 2012tti biyyattii bulchan.
Pireezidant Keeniyaataan hanga bulchaan duraanii kun awwaalamanitti biyyattiitti gadda biyyaalessaa labsaniiru.
Dabaluunis pireezidaantii duraanii kanaaf awwaalchi biyyaalessaa ni taasifama jedhan.
Alaabaan guutummaa biyyaattiitti akkasumas embaasiwwan biyyattii addunyaarra jiran keessatti gadi siquun akka mirmirfamu ajajni dabreera.
Oduun boqochuu isaanii erga dhagahame kaasee qaamoleen garagaraa gaddasaanii ibsachaa jiru.
Pireezidantii Ittaanaan biyyattii Wiiliyaam Ruutoo wayita Kibaakiin aangoora turan ministira tahuun kan tajaajilan oggaa tahu, ''ilma biyyaa cimaa,'' jechuun leellisan.
Namni siyaasaa beekamaan Musaaliyaa Mudaavaadiis bara Kibaakii keessa ministira muummee ittaanaa tahuun tajaajilanii turan.
''Lammii Keeniyaa qaalii qabsoo biyyattii waanjoo kolonii jalaa baasuuf taasifame keessa kan qooda fudhataniifi bu'aa diinagdee biyyattiin har'a dhandhamachaa jirtuuf bu'uura nama kaa'anidha,'' jedhan.












