TPLF Affaar keessaa gutummaatti bahuuf haaldureewwan kaa'e maali?

Loltuu Affar ture

Madda suuraa, Getty Images

TPLF Naannoo Affaar keessaa guutummaa guutuutti bahuuf adeemsi deeggarsi namoomaa hin daangeeffamne diiriirfamuufi tajaajilli buu'uraalee misoomaa adda citan deebii'uu dabalatee haaldureewwan kaa'e.

Humnootni isaa Affaar keessa kan turaniif yaaddoo nagaa qabuhir'isuuf ta'uu kan ibse TPLF, yoo haaldureewwan guutaman guutummaatti ''naannoo Affaar keessaa bahuuf qophiidha'' jechuun dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa toora tiwitara isaanii gubbaatti kaleessa barreessan.

Haaldureen jalaqaba irra kaa'ames deeggarsa namoomaa ummata Tigraayiif murteessaa ta'ee qaqqabsiisuuf daandiiwwan amansiisaan jiraachuu qabaata kan jedhu yoo ta'u, sadarkaa lammaaffaa irratti ammoo adeemsi hojii deeggarsi namoomaa hin daangofne, kan yeroo fi haala gahaa ta'een ittiin dhiyaachuu danda'u diriirfamuu qabaata kan jedhuudha.

''Dhimmi dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa konkolataawwan hanga kanaa guyyaa hangasiitti Tigraay ni galu kan jedhuun daangeeffamu hin qabaatu. Isarra adeemsi deeggarsi idilee, kan hin daangofneefi gahaan gara Tigraay ittiin galuu danda'u jiraa kan jedhuudha'' jechuun ibsan Obbo Geetaachoon tiwiitara isaanii irratti.

Itti dabaluunis, ''Haalli deeggarsa gara Tigraayiin ittiin qaqqabsiisuus gochaa tola ooltummaa haaluma fedhii aanga'oota Itoophiyaatiin kan ergamuufi dhorkamu taasifamee fudhatamu hinqabaatu,'' jedhan.

Torbanoota muraasaan dura waliigaltee namomaa motummaa federaalaafi naannoo Tigraay jidduutti deeggarsa namoommaa akka gara naannichaa seenuuf wal dhabdee dhaabuuf waliigalame hordofee humnootiin TPLF dhukaasa dhaabuu beeksiisuun ni yaadatama.

Motummaan ibsa murtee waldhabdee dhaabuuf beeksiiseen, humnootiin Tigraay haleellaa kamu irraa akka of qusataniifi naannoolee ollaa keessa eddoowwan qabatan gadhiisanii akka bahaniif gaafatee ture.

TPLF ammoo dhiheenya kana naannoo Affaar keessa eddoo Ireebit jedhamu kan qabatee ture keessa loltoota isaa baasuun, murtee kana irra kan qaqqabees waliigalteen namoommaa irratti waliigalame kabajamuun deeggarsi namommaa daangaa tokko malee gara Tigraay akka galuuf jechuunsaa ni yaadatama.

''Naannoo Tigraay waldhabdee jiru karaa nagaatiin furuuf qophiidha'' kan jedhan Obbo geetachoon, haaldureen sadarkaa sadaffaatti kaa'an ammoo, ''uggura sukkannessaa'' Tigraay irra jiruu ka'uu qabaata kan jedhuudha.

Uggurri kun kaafamee sochiin hawaas-diinagdee akka duraatti akka itti fufuu qabus eeraniiru.

Sababa waraana kanaa naannoo Tigraayitti misoomaawwan bu'uuraa akka ibsa, tajaajilli bishaan dhugaatii, bilbilli, geejjibi fi baankii adda citee ture, ammas akkasumatti jira.

Humnoonni Tigraay Naannoo Affaar keessaa Aanaalee Godina Kilbatii Rasuu (Zoon Hulet) kan to'atan Muddee darbe ture.

Hoogganaan Kominikeeshinii Naannoo Affaar Ahmad Kaloyitaa kanaan dura humnoonni Tigraay aanaalee Zone 2 shan ta'an akka to'atan ibsanii turan.

Godina Kilbatii Rasuu keessaa aanaaleen shan TPLF'n to'atamanii turan keessaa Ab'alaa, Magaalee, Erebtii fi Baraahlee kanneen rakkoon keessatti uumamee tureedha.

Erga TPLF aanaalee Naannoo Affaar kunneen to'atee booda namoonni kumaan lakkaa'aman qe'eesaniirraa buqqafamuu mootummaan naannoo Affaar ibsee ture.

Mootummaan federaalaa fi naannoon Tigraay dhukaasa dhaabuu hordofee konkolaattonni gargaarsa fe'an muraasni gara Tigraay imaluu eegalanis garuu miiliyoononni ammallee rakkoo keessa jiru.

Naannoo Tigraay irraa yeroo dheeraaf gargaarsi adda cite waan tureef guyyaatti konkolaattonni gargaarsa fe'an 100 ta'an naannocha galuu qabu kan jedhamee ture dachaan sadiin dabaluun amma 300 ga'uu Qindeessaan Deeggarsa Namoomaa Yeroo Tasaa Tigraay ibseera.

Kanarrattis dhaabbilee gargaarsaa waliin waliigaluu ibseera.

Naannochatti namoonni kuma 400 ta'an balaa beelaan hubamuuf qarqararra jiru, miiliyoonaan kan lakkaa'aman ammo rakkatanii gargaarsa eeggatu.