Waraana Tigraay: Gargaarsi namoomaa Tigraay akka hin seenne wanti danqe maali?

Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru
    • Barreessaa, Piitar Muwaayii
    • Gahee, BBC Reality Check

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sababa kuusaan nyaataa Tigraay keessaa dhumataa jiruufi karaan ittiin gargaarsi namoomaa dhiyaatu cufameef rakkoon namoomaa Tigraay keessa jiru akkaan hammaachaa jiraachuu akeekkachiiseera.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Tediroos Adihaanoom haalli naannicha keessa jiru "balaafamaadha" jedhan. Naannichi Itoophiyaa fi Eertiraan sirnaan ugguramee jiraachuu himan.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF gargaarsa ugguraa jira jechuun himata.

Akka UN jedhutti uummati naannoo Tigraay keessa jiraatu dhibbeentaan 90ni gargaarsa namoomaa hatattamaa barbaada.

Gargaarsi balalii qilleensarraan qofa

Erga walakkeessa Muddee as konkolaataan fe'uumsaa gargaarsa gara Tigraay galchuutti milkaa'e hin jiru. Kanaaf dhaabbileen gargaarsaa xiyyaara fayyadamuuf dirqamanii turan.

Kun daran qaalii ta'uu bira darbee, hammi dhiyeessus daran xiqqaadha.

"Xiyyaarri hamma konkolaataan fe'uumsaa tokko fe'uu gadi gatii dachaa 25 ta'uun fe'a," jetti hoggantuun dhaabbata gargaarsa Ameerikaa USAID.

"Konkolaataan fe'uumsaa nyaata hedduu naannoo waraanaan miidhamte Tigraayiif dhiyeessa ture, garuu mootummaan Itoophiyaa akka gargaarsi hin dhaqqabne danqaa jira," jedhan.

Bitootessa torbee jalqabaa gargaarsa namoomaa meetiriik toonii 100 qofaatu xiyyaaran gara Maqalee geeffame akka UN jedhutti, kuni baay'ee kan barbaadamuun gadi jira.

Daa'imman miliyoona walakkaa ta'an Tigraau keessatti hanqina nyaataaf saaxilamanii jiru, 115,000 kan ta'an akka malee hanqina nyaataan miidhamaniiru.

An Internally Displaced Person (IDP), fleeing from violence in the Metekel zone in Western Ethiopia, holds a bowl with food at a camp in Chagni, Ethiopia, on January 27, 2021.

Madda suuraa, AFP

Maatiin hedduun mala nyaata argachuu qaban duguuganii itti fayyadamaa jiru, uummata naannichaa keessa harki 75 lubbuun turuuf tooftaa isa dhumaa qabanitti fayyadamaa jiru jedha UN.

"Kuufamni nyaataa waqtii omishaa darberraa argame akkuma dhumeen hanqinni nyaataa jiru baatilee itti aanan akka malee akka hammaatu eegama."

Konkolaataan fe'uumsaa akka Tigraay hin seenne maaltu dhorke?

Dhaabbileen gargaarsaa UN akka jedhanitt guyyaatti konkolaatawwan fe'umsaa 100 nyaata, meeshaalee gargaarsaa nyaata hin ta'iin akkasumas boba'aa fe'uun gara Tigraay seenuu qabu.

Haata'u malee karaan silaa konkolaatawwan kunneen irra darban baatilee hedduuf sababa waraanaatiin cufameera.

Lolli gama daangaa Tigraay fi Affaariin adeemaa jiru ulaa gargaarsi namoomaa irra darbu iamalaaf hamaa taasiseera.

Map showing Tigray and other regions with key places

Daandiin Tigraay gama Kibbaan naannoo Amaaraan, gama Lixaan Sudaan waliin wal-qunnamsiisuus yeroo dheeraaf cufamee jira.

Gamaa Kaabaan Eertiraa waliin kan wal-qunnamsiisus cufaadha.

Mootummaan maal jedha?

Dubbi himaan mootummaa Laggasaa Tulluu mootummaan Itoophiyaa gargaarsi akka hin seenne danquu kufaa gochuun finciltoota TPLF himatan.

Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti konkolaatonni fe'umsaa 20 ta'an Bitootessa 17 magaalaa guddittii Affaar Samaraa irraa ka'uun gara Maqalee qajeelaniiru.

Kun karaan konkolaataan irra deddeebi'uun gargaarsa geessu deebi'ee tajaajila eegaluu mirkaneessa.

Amajjii keessa konkolaatawwan fe'umsaa gargaarsa fe'anii karaa kanarra gara Maqalee imalaa turan sababa lola adeemaa tureen ofirra deebi'uuf dirqamanii turan.

TPLF gargaarsa dhorkaa kan jiru isaan ta'u himata mootummaan irratti dhiyeessu ni waakkatu.

"Waraana dura, yeroo waraanaas ta'e waraana booda konkolaatonni fe'umsaa humnoota Tigraayiin gara Tigraay akka hin seenne hin dhorkamne," jedha ibsi TPLF.

Rakkoo hanqina boba'aa

Dhiyeessii meeshaalee kaanii waliin dhiyeessiin boba'aas daran dhimma ijoodha.

Mootummaan baatilee hedduuf boba'aan gara Tigraay akka hin seenne to'achaa ture. Kun ammoo raabsa gargaarsa namoomaa akka malee hubee jira.

"Boba'aa malee dhiyeessiin gargaarsaa yoo jiraateyyuu, gara namoota gargaarsa barbaadanii dhaqqabsiisuun ulfaataadha ykn hin danda'amu," jedhan hogganaan WHO Teediroos Adihaanoom.

Mootummaan konkolaataawwan fe'uumsaa Bitootessa 17 gara Maqalee qajeelan keessaa sadi boba'aa akka fe'an beeksiseera.

WFP trucks parked at a checkpoint along the Amhara and Tigray regions border

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Humanitarian convoys are facing severe problems accessing the Tigray region

Baatilee hedduuf mootumman dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa gara Tigraay deemus to'achaa ture.

Haata'u malee WHOn Guraandhala darbe dhiyeessii haga tokko xiyyaaraan dhaqqabsiisuu danda'ee ture.

Tigraay keessatti dhiyeessiin qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa toonii 2,200 rakkoo fayyaa hatattamaa amma jiruuf akka barbaachisu hima WHOn.

Kana keessaa amma dura kan dhaqqabe toonii 117 qofa yoo ta'u - kun kan barbaadamu keessaa dhibeentaa 1 qofa.

Reality Check branding