Waraana Tigraay: Humnooti Tigraay mootummaa Itoophiyaa hordofuun dhukaasa dhaabuu labsan

Madda suuraa, J. Countess/Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti ''lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf'' lola dhaabuuf murteessuusaa ibsuu hordofee finciltoonni Tigraayis dhukaasa dhaabuu labsan.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Kamisa waaree booda keessa ibsa baaseen, mootummaan lola dhaabuu battalatti hojiirraa oolu labsuu beeksise.
''Mootummaan sa'aatii murteen kun itti bahe irraa kaasee kan hojiirra oolu, dhimma namoomaaf jecha lola dhaabuuf murtee dabarseera,'' jedha.
Kana hordofee finciltoonni Tigraay waggaa tokkoo fi baatilee torbaaf mootummaa waliin lolatti turanis dhukaasa dhabuu battalatti hojiirra oolu labsuu ibsa Kamisa halkan baasaniin beeksisaniiru.
"Uummanni keenya haala qabatamaa lafarra jiru kan gituu fi dheerina yeroo sababan deeggaramu keessatti gargaarsa namoomaa yoo kan argatu taateef jecha" dhukaasa dhaabuu battalatti hojiirra oolu labsineerra jedhan.
Oduun kun kan dhagahame Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa gara Itoophiyaa imaluun aanga'oota Itoophiyaa waliin mari'achuun booda.
Wixineen seeraa HR6600 jedhamu dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa irratti qophaa'e mana maree bakka bu'oota Ameerikaatiif yeroo itti dhiyaateefi ''yoo ragga'e Itoophiyaafi nageenya gaanfa Afriikaa miidha,'' jedhamuun xiyyeeffannoo guddaa yeroo itti erga argatetti.
Dhaabbileen gargaarsaa sababa waraana adeemaa jiruun gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf rakkachuu yoo himan, finciltoonni Tigraay mootummaan Tigraay uggure jechuun himatu.
Mootummaan Tigraay irratti uggura kamiyyuu akka hin keenye ibsaa tureera.
Yeroo dhihootti MM Abiy Ahimad akka dubbatan yoo taheef karaa Affaar gargaarsi namoomaa akka hin qaqqabne kan danqe haleellaa TPLF taasisuu akka tahe himan.
Waraana kanaan hanga ammaatti namoonni meeqa du'an kan jedhu baruuf haalaan rakkisaa tahus, dhiyoo kana Beeljiyeemitti Yunivarsiitiin Ghent Naannoo Tigraayitti ajjeechaa, beelaa fi qoricha dhabuun hamma yoonaa namoonni nagaa 300,000 hanga 500,000 tahan du'aniiru jechuun qorannoosaa ifa godheera.
Ibsi mootummaan Itoophiyaa baase maali?
Mootummaan Itoophiyaa ibsa gama Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaan baaseen, ''jiraattonni naannoo Tigraay kumaatamatti lakka'aman, barbaacha qarqaarsa namoomaaf jecha, gara naannolee ollaatti imalaa jiru,'' jedha.
''Mootummaan lammiileen kun qarqaarsi namoomaa qe'erraa otoo hin buqqa'in bakkuma jiranitti otoo isaan qaqqabee, rakkoo isaanii akka hir'isu ni amana.
Kanumaafis mootummaan itti gaafatamni rakkoo lammiilee haala hamaa keessa jiranii hiikuu, waan hunda dursa kan kennamuuf tahuu hubachuun, dhiyeessiin qarqaarsa namoomaa hatattamaa gara Naannoo Tigraay haala barbaachisuun akka qaqqabuuf... kutannoo qaba.''
Dabaluunis ''lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf'' tarkaanfiiwwan idileerraa adda tahan fudhachuun barbaachisaa tahuu eera ibsi guyyaa Kamisaa kun.
Kanaafis ''mootummaan sa'aatii murteen kun itti bahe irraa kaasee kan hojiirra oolu, dhimma namoomaaf jecha lola dhaabuuf murtee dabarseera,'' jedha.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa kana keessatti, hawaasni addunyaa qarqaarsa taasisu akka dabalus gaafateera.
Finciltoonni Tigraay gama isaaniin labsiin dhukaasa dhaabuu kun akka milkaahu kutannoo qabaachuu ibsanii, mootummaan Itoophiyaa "waadaa jechoota qofaa" itti dhiisuun qabatamaan gargaarsi namoomaa danqaa malee Tigraay akka dhaqqabu gochuu qabu jedhan.
Tajaajiloonni akka baankii fi telekomunikeeshinii adda citan osoo deebifamanii salphaatti lubbuu namaa baraaruu akka danda'anis ibsa isaanii keessatti eeraniiru.
Waraana Sadaasa 2020 Tigraayitti eegaluun naannolee ollaatti babal'ateen badiinsi namoomaa hagana hin jedhamne olaanaa qaqqabeera.
Qaamooleen idil-addunyaa mirga namoomaatiif falmaniifi biyyoonni lixaa qaamooleen waraana kana keessatti hirmaatan hundi badii yakka waraanaa ta'uu danda'u raawwataniiru jedhu.













