'Wixineen US HR6600 yoo ragga'e Itoophiyaa, nageenya gaanfa Afriikaa miidha' - Mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ministeera Haajaa Alaa
Wixineen Koongirasii Ameerikaaf dhiyaate (House Resolution) HR6600 haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiru ilaalcha keessa kan galche miti jedhe mootummaan Itoophiyaa.
"Sochii gaarii Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru ilaalcha keessa kan hin galchinefii keessattu adeemsa nagaa kan hin deeggarre akka ta'e kaasnerra" jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti ibsa miidiyaaleef Kamisa kennan keessatti.
Ambaasaaddarichi wixineen yaada murtii HR6600 yoo ragga'e walitti dhufeenya biyyoota lamaanii qofa osoo hintaanee nageenya naannoo Gaanfa Afriikaa kan miidhu ta'uu dubbatan.
"Miinistirri Mummeen itti aanaafii ministirri dhimma Alaa Dammaqa Mokonnin wixineen kun maali, maal fiduu danda'u kan jedhu kaasuun Itoophiyaanotafii dhalattoota Itoophiyaa keessattu Ameerikaa jiraniif ibsa laataniiru" jedhan ambaasaaddarichi.
Dabalataan "ragga'uun wixineewwan lamaanii (HR6600 fi S3199) biyyattii gama siyaasaa, diinagdeefii nageenyaan hirkattuu taasisa" kan jedhe Ministeerri Dimma Alaa Itoophiyaa, lammiileen biyyattii biyyoota biroo jiran wixinicha akka mormaniif waamichi dhiyaachuu Ambaasaaddarichi himaniiru.
Wixineen HR6600 maali?
Wixineen HR6600 mataduree 'Tumsa tasgabbii, nagaafii dimokiraasii Itoophiyaa deeggaruu' (To support stabilization, peace and democracy efforts in Ethiopia) jedhuun mana maree bakka bu'oota Ameerikaatiif dhiyaate.
Wiixineen kun namoota Itoophiyaa keessatti tasgabbiifi sirna dimookiraasiin akka hin jiraanneef sababa ta'aniiru jedhaman itti gaafatamoo gochuuf pireezidanti Baayidan qoqobbii akka irra kaa'aniif kan gaafatuudha.
Qoqobbiiwwan namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffatanis dhorkaawwan viizaa fi qabeenyaa of keessatti kan qabatanidha.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee bulchiinsi Joo Baayidan Itoophiyaa carraa gabaa biyyoota Sahaaraa gadiif US'tti mijatee Itoophiyaan irraa fayyadamaa turte keessaa baasuun ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa kan warra Lixaa dhiibbaa hin malle narraan gahaa jiru jedhee komatu, Tarkaanfiin US Itoophiyaa AGOA keessaa haquun fudhatte lammiilee Itoophiyaa hojii jireenya isaanii jjijjiiru irratti xiyyeefatan miiliyoonaan lakkaawwaman miidha jechuun qeeqaa turte.
Wixineen kun yoo ragga'e kanneen miidhu:
- Waraanaa Tigraayiin ta'ee walitti bu'iinsawwan biyyattii keessa jiran kan biraa irratti dhukaasa dhaabuun gara mariitti akka hin galamneef kanneen danqaa ta'an ykn kanneen waliigatee irra akka hin gahamneef yaalii taasisan
- Kanneen waraanni Tigraay ykn walitti bu'insawwan biyyattii keessa jiran kan biraa akka babal'atuuf sababii ta'an ykn kanneen walta'an
- Kanneen sarbama mirga namoommaa fi yakka raawwatan, yakka namoomaa irratti raawwatu, yakka duguuggaa sanyii fi badiiwwan kaan kanneen raawwatan
- Kanneen deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabneef danqaa ta'an fi kanneen hoojjattoota dhaabbata Biyyoota gamtomanii, Gamtaa Afriikaa fi dhaabbilee namoomaa mit-motummaa irratti haleellaa raawwatan, haleeluuf kanneen karoorfatan, kan hogganan
- Kanneen waraana waliinii Itoophiyaa keessatti hirmaatan ykn kanneen maallaqaan deeggaran akka qabeenyaan isaanii hin sochooneef pireezidaantii Baayidaniin murteessama.















