Poolisoonni Keeniyaa 2000 'gahumsa fayyaa sammuu tajaajilaaf tahu' hin qaban

Madda suuraa, Getty Images
Poolisoonni Keeniyaa gara 2,000 tahan hojii isaanii gahumsaan hojjechiisuuf gahumsa fayyaa sammuu hin qaban jedhe Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa biyyattii.
Inispeekter Jeneraal Hiilaarii Muutiyaambaa Kibxata akka dubatanitti fooramii abbootii amantaa irratti poolisoonni hundi akka qorannoo gaggeessan gochuun lakkoofsa namootaa rakkoo sammuu qabanii ''dinqisiisaa'' tahe argine jedhan.
Keeniyaan poolisoota 100,000tti dhiyaatan Tajaajila Poolisii Biyyaalessaa jalatti hojjetan qabdi.
Qorannoo kun gaggeeffamuun kan baramuu danda'eef poolisoonni hedduun mukaa'uu [depression] fi of ajjeesuu isaanii hordofeeti.
Hiilaarii Muutiyaambaa adeemsa poolisoota miidhaman akkasii irra gahe garii hojii irraa gadhiisuu eeggallee jirra, namni sammuudhaan gahaa hin taane waan bu'aa buusu hin qabu jedhan.
Hojiin poolisii kun qawweedhaan hojjetamuun isaa tajaajila hawwaasaa kaan irraa addaa fi ufaataa taasisa. Kanaaf dhimma kana cimsinee kan ilaallu taha jedhan.
''Meeshaan hojii keenyaa qawweedha, yoo rasaaasni tokko dhukaafamte dhiibbaan isaa baay'ee guddaa taha,'' jedhan.
Poolisoota kanneen hojii irraa guutummaan kaasuun sababa adeemsa dheeraa qabuuf ulfaataa taha jedhan.
Erga yeroo dhiyoon as fayyaa sammuu poolisoota Keeniyaa ilaalchisee yaddoon jira ture. Mootummaanis rakkoo kana furuuf jecha hojjechaa jira.
Obbo Hiilaarii Muutiyaambaa amma poolisiin biyyattii boordii fayyaa qaba, kun ammoo gorsitootaa fi ogeessota xiin-sammuu ministera fayyaan ramadamuun tajaajila fayyaa sammuu kennan qaba jedhan.
Miidyaan biyya keessaa NTV jedhamu viidiyoo dubbii hogganaa kanaa qoodeera.













