Poolisiin Keeniyaa ji'oota sagaliif of-wallaalee hospitaala wayita turetti hojiirraa ari'ame

Madda suuraa, Getty Images
Miseensi poolisii Keeniyaa ji'oota sagaliif hojiirraa dhabamee tureefi eessa-buuteen isaa dhabame deebiyee argame - namuu garuu dhukkubsatee ofwallaalee hospitaala akka ture hin beeku ture.
Poolisiin maqaan Ruuban Kimutaay Lel jedhan, poolisoonni ji'oota sagaliif erga soqanii dhaban booda akka gantuutti lakkaa'amuun, miindaan isaas irraa cite.
Poolisiin mucaan isaanii eessa akka jiru baruuf maatii gaafatanis, isaanis inuma barbaadutti jirra jechuun - dhadhaa ibidda buute tahe.
Poolisiin ganna 59 Aabba Lel bakka hinjirretti himanni irratti banamuun, ajajni hidhaas irratti bahe. Boodarras poolisiin barbaacha ijibbaannaan himatichi addaan cite.
Jennaan namni kun yeroo kana mara of wallaalee yookan koomaa keessa galee hospitaala ciisaa ture. Erga baatii Muddee bara dabreerraa qabee haga torban dabre of barutti, eessa buutee nama kanaa namni himu dhabame.
Namni kun ammallee guutummaatti dandeettiin waa yaadachuusaa deebi'uudhaa baatufis, maqaa isaafi poolisii akka tahe yaadachuu miidiyaan biyya keessaa gabaaseera. Maatii fi firoota nama kanaa barbaaduun eegalameera.
Akkitti poolisiin kun koomaa keessa seenuu danda'es balaa konkolaataa magaalaa Naayiroobiitti mudateen akka tahes gabaafameera.
Konistaabil Ruubin magaalaa Naayiroobii daandii Jogoo Road jedhamu wayita qaxxaamurutti, konkolaataan haalaan saffisaa ture isa rukutee gateenii akka deemes miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Guyyaa balaan mudate Mudde 21 kanatti nama hin beekamneen hospitaala rifaraalaa guddichaa magaalattii - Keeniyaataatti yaaliif geeffame.
Wayita hospitaalicha gahu ragaan eenyummaa isaa himu - kanneen akka waraqaa eenyummaas tahe heeyyamni konkolaachisummaa wajjin hin turre.
Gabaasaaleen akka eeranitti, miindaan nama kanaa poolisii biyyattiin dhiyeenyatti kanfalamauufi eegala jedhameera.













