Sababa kaballaan taatoon beekamaa Wiil Ismiiz waggaa 10'f Oskaar gubbaa dhorkame

Wiil Ismiiz qoosaa Kiriis Rook waa'ee haadhawarraa isaa qoose booda kaballaa keessa kaa'e

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Wiil Ismiiz qoosaa Kiriis Rook waa'ee haadhawarraa isaa qoose booda kaballaa keessa kaa'e

Taatoon beekamaa sababa badhaasa guddicha aartii Oskaar irratti nama qoosaa qoosu Kiriis Rook sagantaa gubbaa waan kabaleef Oskaariifi sagantaawwan akkaadamichi qopheessurraa waggaa 10'f dhorkame.

Ibsa Akkaadaamichi baasen badhaasni Oskaars 94ffaa waan Wiil Ismiiz raawwate 'gaadidduu irratti buufateera' jechuun ibse.

Eegasii Wiil Ismiiz dhiifama gaafatee Akkaadaamii Oskaars keessaa of baasuu ibsee ture.

Taatoon beekamaa gaafas badhaasa Oskaars fudhate kuni nama qoosaa dubbatu Kiriis Rook kan rukute eega inni waa'ee haadha warraa isaa qoose boodadha.

Haati warraa isaa immoo kana dura dhukkuba rifeensa buqqisuuf saaxilamuu ishee ibsitee turte.

Badhaasi gaafas Wiil Ismiiz fudhate fiilmii ''King Richard'' jedhamuufi abbaa taphattoota teenisii Veesiifi Serenaa Wiliyaams bakka bu'e taphatuuni.

Dhaabbati The Academy Of Motion Picture Arts and Science jedhamuufi sagantaa badhaasaa qopheessu gama onlaayinii wal argeeti gaafa Jimaataa murtii kanarra kan gahe.

Murteen kunis, kanneen waltajjii gubbaa sagantaa dhiheessaniifi keessummootaaf eegumsa taasisuuf akkasumas ''akkaadaamicharratti amanteen akka dabaluufi,'' jedheera ibsa keessatti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Mo'ataan badhaasa taatoo beekamaa kan bara kanaa Wiil Ismiiz aariidhaan Chris Rock wayita kabalu

Dabaluunis, yeroo kaballaan raawwate haala ture siriitti hin to'anne jechuun kunis waan ta'uf adeemuuf hin qophoofne ture jechuun dhiifama gaafate.

Akkasumas Kiriis Rook tasgabbiidhaan turuu isaaf galateeffate.

Wiil Ismiiz qophii Oscars irratti Kiriis Rookiin kabaluun isaa amala ''sirrii hin taanee fi fudhatama hin qabnedha'' jechuun dhiifama gaafateera.

''Kiriis, ifatti dhiifama si gaafachuun barbaada,'' jedheera ibsa baase irratti. ''Irra darbaan godhe, dogoggoreera.''