'Hin gaggeessina jedhanii konkolaataarraa buusan, eegasii as hin baane' - Maatii hogganoota Kaamashii hidhattootaan butaman

Madda suuraa, Google earth
Torban tokko dura ALI Kamisa Bitootessa 22, 2014 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Boojjii Dirmajii bakka addaa Gabaa Dabalaa jedhamutti qondaalonni olaanoo Godina Kaamashii sadii butamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Qondaaltonni kunneen hidhattoota mootummaan ABO - Shanee jedhee waamuufi isaan Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii of waamaniin butamuu miseensi maatii, butamuu namoota kanneenii ijaan arguu himaniifi qondaaltonni mootummaa himaniiru.
Gareen hidhattootaa Lixaafi Kibba Oromiyaa keesa sosso'aniifi paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaa jechuun farajjee kunis, himannaa kanarratti yaada akka kennaniif gaaffii BBC dhiyeesseef hin deebisne.
Taatullee, gareen kun nama butuun yoo himatamu kan duraa miti. Kan ifatti butuu amane garuu waggaa darbe wayita lammiilee Afgaanistaaniifi Chaayinaa ugguruu ibse qofaadha, kaan ni waakkata.
Akka miseensi maatii qondaaltoota Kaamashii BBC'n bilbilaan dubbise jedhanitti, kanneen butaman tokko bakka bu'aa hoogganaa mana amala sirreessaa Godina Kaamashii Komaandar Guutamaa Daandanaa jedhamu.
Lammaffaa Komaandar Abdurrahim Umariifi inni sadaffaa Inispeektar Bookaa Gichilleedha. Sadanuu bakka tokko akka dalagan odeeffachuu himan.
Namni gaafa qondaalonni kuni konkolaataarraa butaman konkolaataarra turan tokkoofi maqaa naaf dhoksaa jedhan haala ture akkanaan BBCtti himan.

'Ijoolleen boo'aa jiru, anis gadda keessan jira'
Nuti magaalaa Asoosaadhaa kaanee gara Kaamashii adeemaa turre. Konkolaataan keessa turre kan ummataati, Qixqixii jedhanii kan waaman san.
Haata'u malee, guyyaa keessaa waaree booda naannoo sa'aa 8:30 ni ta'a bakka Gabaa Dabalaa jedhamu bira nu dhaabsisan. Lakkoofsi isaanii baay'eedha.
''Ati bu'i ati bu'i jedhanii gara nama saddeetii buusan.'' Jalqaba konkolaataa keessaa erga buusanii waraqaa eenyummaa isaanii ilaalanii booda deebisanii konkolaataa keessa galchan.
Eegasii deemaa jedhan. Deebisanimmoo dhaabaa jedhan. Bakkichi bosona baay'ata.
Afur ta'anii konkolaataa yaaban. Rifeensi isaanii dhedheeraadha. Afaan Oromoo dubbatu, meeshaa baay'inaan hidhataniiru.
'Ati bulchaa naannoo jahaati' jechuun nama konkolaataa keessa taa'u tokko gaafatan. ''Ani bulchaa miti ani qonnaan bulaadha,'' jedhe.
''Namichi inni tokkoos hojii dhaabeera, daldaluuf yaadeera jedhe. Inni tokkoos poolisii keessan ture dhiiseera'' jedhee deebiseef.
''Ati qonnaan bulaa hin fakkaattu jedhaniin. Namoonni qabaman kunis yuniformii hin uffanne''
Konkolaataa keessaa yookiin bakka konkolaataan dhaabate garuu namni tokko isaan eere jechuun himan.
''Kunneen poolisoota mana amala sirreessaati jedhe. Achii namoota sadii maqaa isaanii waamanii konkolaataa keessaa buusan. Erga isaan buusanii booda gaaffii isaan gaafannaa deemi,'' jechuun konkolaachisaatti himan.
''Konkolaachisaan immoo bu'ee isaan kadhate. Yoo isaan dhiisne deemne hawaasni maal nuun jedha. Isaan gaafadhaatii isaan fudheen deema,'' jechuun isaan kadhate.
'''Ati deemi gaaffii isaan gaafannu qabna. Konkolaataa biraan isaan ergina,' gaafa jedhan konkolaachisaanis ni sodaate. Konkolaataa kaasee qajeele.''
''Sababa maaliif akka isaan fudhatan hin beeku ani. Waan poolisii ta'aniif natti fakkaata.

Miseensi maatii namoota butamanii ammallee achi buutee namoota kanaa akka hin barre himu.
''Ani hanga yoonaa hojii hin seenne. Gadda keessan jira. Ijoolleenis boo'aa jiru. Isheen tokko garaachi dhukkubee ciisaa jirti,'' jedhan.
Akka maatiin jedhanitti eerga gaafa butamanii guyyaa lama booda bilbila hidhattootaan bilbilanii isaan dubbisaniiru.

''Nuti fayyaa qabna. Ijoolleen koo fayyaadhaa?'' jedhee na gaafate. ''Ijoolleekootti fayyaa naa him,'' jedhe. ''Eegas gaafa Sambataa [qidaamee] garuu wal hin agarre.''
Qondaaltonni mootummaa isaan qunnamuu kan gaafataman maatiin kun, poolisiitti beeksisuufi ''Barbaadaa jirra naan jechaa turan,'' jedhan.
''Ani kana kaniin dubbadhu mootummaan Naannoo Oromiyaa osoo namoota qabaman nuuf deebisiise jedhee yaaduunan,'' jedhan miseensi maatii sagalee abdii kutateen.
Mootummaan maal jedhe?
Qondaaltonni Naannoo Oromiyaafi Naannoo Benishaangul Gumuuz hogganoonni kunneen karaa nagaan akka gadhiifaman jaarsolii biyyaa akka ergaa jiran ibsaniiru.
Dhimma kana kan gaafanne Bakka Bu'aan Bulchaa Aanaa Boojjii Dirmajii Obbo Dabalaa Takluu Odeeffannoo qabaniin jaarsummaan kun ammattii ''akka hin milkoofne'' himan.
Aanicha naannoo Hidhabuu Qarree jedhamutti hogganoota kan butan ''qaama hidhate ABO -Shaneedha. Hawaasiis kanuma eeruu nuuf kenne,'' jechuun BBC'tti himan.
''Gandoota Naannoo Benishaangul daangessu hunda sakatta'aa turre. Barbaachi itti fufee jira. Lubbuudhaan jiru kan jedhuutu jira,'' jedhan.
Komishinarri I/Aanaa Poolisii Benishaangul Gumuuz Misgaanaa Injifataa gama isaaniin ''Qunnamtiin bilbilaa adda citeera. Sun rakkoo guddaa taheera.
''Namoonni butaman eessa akka jiran baruun hin danda'amne. Warri butaman lubbuun jiraachuuf dhiisuu waan barre hin jiru. Qaamni isaan ukkaamsee fudhate maal akka barbaadu hin barre,'' jedhan.
Gama hidhattoota dhimma kanaaf himatan irra garuu deebiin taatee kanaaf ammatti kenname hin jiru.
Kana dura maaltu ta'e?
Naannoo Benishaangul Gumuuz Godina Kaamashii deemuuf Naannoo Oromiyaa keessa bahun dirqama.
Waggoota sadii dura ALI Fulbaana bara 2011 qondaalotni godina Kaamashii afur magaalaa Asoosaa walgahii oolanii osoo deebi'anii Wallagga Lixaatti hidhattootaan ajjeefamanii ture.
Ajjeechaan kunis walitti bu'iinsa hamaa saba Oromoofi Gumuuz gidduu fide. Miseensa maatii tokko keessaa saddeet jalaa du'uu kan BBC'tti himunsaanii ni yaadtama.
Namoonni hedduu haala sukkaneessaan yoo ajjeefaman 100,000 ol qe'eerraa buqqa'aniru. Haleellaa bakkicha raawwateef hidhattoota WBO'tu himatame.
Eegasii ALI bara 2014 baatii Bitooteessaa keessa hojjetaan dhaabbata gargaarsaa Gool Itoophiyaa tokko Aanaa Boojjii Dirmajii keessa hidhattootaan ajjeefamuu dhaabbatichiifi mootummaan ibsee ture.
Rakkoo nageenyaa gama Lixaafi Kibba Oromiyaatti dhalateen lammiileen kallattii garaa garaatiin dararaaf saaxilamuu BBC'n irra deddebbiin gabaasaa turuun ni yaadatama.
















