Poolisiin Wiil Ismiiziin to'achuuf qophii ta'us Kiriis Rook dide

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin taatoo cimaa badhaasa Oscars injifate Wiil Ismiiz waltajjii badhaasaa irratti koomeediyaan Kiriis Rook kabaluu isaaf to'annoo jala oolchuuf qophii ta'uu qopheessitootni sagantichaa himan.
Piroodiyuusarri badhaasichaa Wiil Paaker erga ta'ii sanii yeroo jalqabaaf yaada kenneen Rook( komeediyaaniin kabalame) Poolisiin tarkaanfii akka fudhatu ni barbaada yoo ta'e gaafateera jedhe.
Komeediyaanichi garuu Poolisiin gaaffii dhiyeesseef akka hin fudhanne Paaker TV ABC jedhamutti himeera.Wiil Ismiiz sagantaa badhaasaa Oscars irratti komeediyaan Rook haadha warraa isaarratti qoosee jenneen waltajjiitti bahee kaballaan dhayee deebi'e.
Ergasii Ismiiz gocha isaatti gaabbuufi komeediyaanicha fi qopheessitoota dhiifama gaafachuu beeksiseera.
Ta'uus qopheessitootni sagantichaa gocha Ismiiz kanaaf deebii akkamii kennu kan jedhu eegamaa ture. Piroodiyuusarri sagantichaa Paakeer, Poolisiin Los Aanjeles Rook waliiin haasa'uu fi waan waliin jedhan sagantaa Good Morning America jedhu kan TV ABC irratti dubbateera.
''Dhaqnee qabna. Kanaaf qophiidha. Ammaan tana dhaqnee qabuuf qophiidha. Himata banuu dandeessa. Ni to'annaan'' jedhe Poolisiin Loos Aanjeles jechuun qopheessaan sagantichaa himeera.
''Poolisiin adeemsa jiru yeroo isa filachiisu Kiriis Rook garuu didaa ture. Lakki hin barbaadu lakki lakki lakki jechaa ture'' Rook ficcisiisi fa'a jechaaniin ture jedha Paaker.
Muummeen Poolisii Los Aanjalas kan biroonis irra deebiin ''tarkaanfii akka fudhannu barbaaddaa?''jedhee gaafatee Rook lakki jedhee dide.
Dilbata darbe sagantaan badhaasaa akkuma xumurameen dubbii himaan Poolisii namni rakkoon isa mudate Poolisiif gabaasuu dideera jedhe.
''Qaamni ta'ii san keessatti hirmaate boodas ta'u Poolisiitti gabaasuu yoo fedhe, Muummeen Poolisii Los Aanjalas qorannoo raawwachuuf qophiidha.''
Badhaasa Oscars kan qopheessu 'Academy of Motion Picture Arts and Sciences' ibsa Roobii baaseen ta'ii san booda Ismiiz saganticha dhiisee akka bahu gaafatamee erga didee dhimmicha akka biraatiin xumuruun akka irra ture ibseera.
Boordiin jaarmiyaa kanaa Ismiiz irratti tarkaanfii fudhachuuf torban lamaa boodatti beellama qabateera.
Komeediyaaniin Ismiiziin kabalame Rook ammallee wanta ta'e hubachuuf yaalaa akka jiru roobii darbe dubbateera. Ta'ii san booda Ismiizitti dubbateera jedhamuu Rook soba jedheera.















