Naayijeeriyaatti haleellaa hidhattoonni baabura irratti bananiin lubbuun imaltoota torbaa darbe

Baabura Abuujaa-Kaduunaa deemu

Naajeeriyaatti baabura magaalaa guddoo biyyatti Abujaa irraa gara magaalaa Kaaduunaa deemaa ture irratti dhukaasa hidhatoonni bananiin namoonni torba lubbuun darbe.

Gareen wanbadee kuni karaa baaburaa irraa waan dhuka’u erga kaa’aniin booda baabura namoota 970 fe’ee ture akka dhaabbatu kan dirqisiisan gaafa Wiixataa galgala ture.

Kana booda hidhattoonni kunneen baaburicha marsanii dhukaasa itti banan jechuun imalaan tokko BBCtti himeera.

Imaltoonni lakkofsi isaanii hin beekamne baaburicha irraa kan butaman yoo tahu, karaan baaburaa kuni magaalota lameen gidduu marmaaruuf isa gaarii dha jedhameetu yaadama ture.

Namoota geeddaraa qarshiif butuun Naayijeeriyaatti akkaan baramaa jira.

Daandiin asfaaltii saffisaa Abuujaa-Kaaduunaa irra deddeebiin wanbadeewwaniin waan haleelamuuf irra imaluuf sodaachisaa dha.

Sababa kanaan namoonni baayyee daandii saffisaa km150 dhiisaniiti karaa baaburaa bara 2016tti eebbifamerra deemu. Gatiinsaa irra qaalii tahus baaburichi eegdota gatii qabuuf nageenyishaa eegamaa dha jedhamee yaadama ture.

Baatii jaha keessatti daandiin baaburaa kuni irratti qiyyaafatamuun kuni yeroo lammataa tahus kan boodanaa garuu hammaataa dha jedhe gaazexeessaan BBC Kiriis Ewookoor Abujaa irraa.

Namoota haleellaa kanaan madaa’an keessaa 22 hospitaala waraanaa Kaaduunaa jirutti yaalamaa jiru.

Haleellaa booda badii baaburicharra gahe

Madda suuraa, NRC

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa booda badii baaburicharra gahe

Qondaalli nageenyaa gameessi AFP’tti akka himanitti miseensonni waraanaa gara iddochatti dafanii deemanii turan.

‘’Loltoota yeroos achitti bobbaafamaniin haleellichi dhaabsifameera. Shororkeessitoonni yeroo loltoota argan baqatanii deeman. Baaburichi qawween ijaa keessa hin baaneef imaltoonni tasgabbiin lafarra ciciisan irraa hafuu danda’aniiru,’’ jedhan.

Koorpooreeshiniin Daandii Baaburaa Naayijeeriyaa yeroof tajaajila dhaabeera.

Sararri kuni hulaa namooti miiliyoonaan lakkaa’aman kan kaaba-lixa biyyattiirraa gara Abujaa fi naannoo kibbaa itti deemani dha

Qondaaloti naannoo Kaaduunaa Korpooreeshinii Daandii Baaburaa Naayijeeriyaa waliin haasa’uun imaltoonni hundi eessa akka jiraniifi eenyu achi buuteensaa akka dhabame adda akka baasan himaniiru.

Wanbadeewwan hidhatan kunneen waraanni biyyattii dahoo isaaniirratti haleellaa raawwataa turullee, geeddaraa qarshiif jecha ajjeechaafi butuu isaanii itti fufaniiru.

Sanbata darbes buufata xiyyaaraa biyyaalessaa Kaaduunaa haleelanii turan.