Naayijeeriyaa keessatti poolisoonni seera amantii kabachiisan biiraa qaruuraa miil. 4 barbadeessan

Poolisoota dhugaatii alkoolii barbadeessaa jiran

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Kaaba Naayijeeriyaa, Kaanoo kan seera Shari'aan bultu keessatti daldalli fi dhugaatiin alkoolii bara 2001 irraa kaasee dhorkame

Poolisoonni Naayijeeriyaa magaalaa Kaanoo keessatti naamusa amantiin ala jechuun biiraa qaruuraa miiliyoona afur doozarii irra oofuun barbadeessan. Bakka kanatti seeara Shari'aatiin dhugaatiin alkoolii dhorkaadha.

Wayita poolisoonni konkolaataa qaruuraarra oofuun caccabsan namoonni naannoo heddumminaan ba'uun miira deeggarsaa mul'isaa turan.

Magaalaan durii kaatee qubsuma hordoftoota amantii Islaamaati jedhamuun beekamtu kun, magaalota kaaba Naayijeeriyaa seera Shari'aatti buluun dhugaatii alkoolii dhorkan keessaa ishee tokko.

Biiraan konkolaataa fe'umsaa magaalota gara kibba biyyattiirraa gara kaabaattti seenaa turerraa buusamee caccabsame jedha gabaase AFP.

Poolisoonni seera Shari'aa kabachiisan-Hisbah jedhamuun kan beekaman, yeroo hedduu dhugaatii alkoolii qabuun barbadeessaa turan, kan ammaa kun baay'inaan kan yeroo kamuu caala.

Biiraa qaruuraa 3,873,163 fi dhugaatiiwwan alkoolii biroo waluma hedduu konkolaataarraa erga buusanii booda, bal'iinsa lafaa irratti gadi jigsuun konkolaataa doozarii irra oofan.

Qondaaltonni naannawa kanaa tarkaanfiin kun qaama doola wantoota nama macheessan irratti godhamuuti jedhan.

Kanneen doozariidhaan caccabanii jalaa hafan ammoo abiddaan guban.

Hoogganaan Poolisii amantii Haruna Ibn Sina,''kutaan biyyaa Kaanoo seera Shari'aan bulti, kanaafuu dhugaatii alkoolii gurguruu, fayyadamuu fi qabatanii argamuun dhorkaadha,'' jechuun sirna kanarratti irra deebiin labsan.

Map
1px transparent line

Kaanoo keessatti dhugaatiin alkoolii erga bara 2001 dhorkameera.

Naayijeeriyaa keessatti kutaalee teessoo hordoftoota amantii Islaamaa ta'an hedduu keessaa tokko kan taate Kaanoo, waggoota kurna lama dura erga biyyi bulchiinsa siiviliitti deebitee seera kanatti cichite.

Dhorkaan alkoolii kun yeroo dhiyoo as magaalaa guddoo kutaa biyyaa kana keessatti falmii uumeera.

Muddee darbe wayita poolisoonni manneen dhugaatii weeraruun cufsiisaa turan, Kaanoo keessaa kanneen amantii Kiristaanaa hordofan mormii kaasan, dargaggoonni poolsioota waliin walittti bu'an.

Dubbiin kun hammaatee wayita itti poolisoonni amantiirraa walaba ta'an akka naannawa kana qubatan taasifame.

Poolisoota dhugaatii alkoolii barbadeessaa jiran

Madda suuraa, AFP

Odeessaalee kaan: