Poolisiin Naayijeeriyaa namoota hedduu ‘mana dararaa’ keessaa baraare

Madda suuraa, Kano Police
Biyya Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessatti bakka ‘mana dararaa’ jedhamuun beekamuu keessaa, namoota 47 baraaruu isaani Poolisiin Naayjeeriyaa hime.
Magaalaa Kaanoo keessatti bakki argamu kun wiirtuu haaromsaa ta’uu qaba ture. Kana jechuun bakki kun, bakka dhuunfaa, maatileen ijoolleen isaanii araadaa qoricha sammuu hadoochuu qabu ykn yakka keessatti hirmaatan jedhanii shakkan itti erganidha.
Gaafa Kamisaa yeroo poolisiin wiirtuu sana sakatta'u, namoota 47, kan umuriin isaanii ganna 14 fi 35 jidduu ta’an sibiilaan walitti hidhamanii argatani. Akka reebaman wantoonni agarsiisanis turani.
Dubbi himaan poolisii Abdullaahi Haruunaa, abbaan qabeenyaa fi hogganaan wiirtuu kanaa to’annoo jala akka oolaniifi dhiyootti mana murtiitti akka dhiyaatan BBCtti himaniiru.
Wiirtuuleen haroomsa jedhaman akkanaa kun, erga darara adda addaa raawwachuun isaani ifa ta’ee booda, ji’a 10 dura mootummaan dhorkus, tokko tokko ammayyuu dhoksaan hojjachaa jiru.
Maatii fi firootni akka jedhanitti, ijoollee isaanii wiirtuulee kanatti kan ergan, wiirtuun mootummaan raggaasifame waan hin jirreefi.
Namootni wiirtuu kanarraa baraaraman amma hospitaalatti wal’aansa argachaa jiru.









