Cidha ilma Pirezidantii Naayijeeriyaa jettii dhuunfaa 50'tti siquun dabaalame

Madda suuraa, @Wraith_studios
Jeettiiwwan dhuunfaa buufata xiyyaaraa magaalaa Kaabaa Naayijeeriyaa Kaanoo guutaniiru.
Namootni beekamoo Naayijeeriyaafi keessummoonni biyyoota Lixa Afrikaa waamichi taasifameef cidha ilma Pirezidantii Naayijeeriyaafi intala nama amantii beekamaa amantii irratti argamaniiru.
Gaa'illi Yuusuf Buhaariifi Zahaaraa Baayeroo gaafa Jimaataa waaree booda raawwate sagantaawwan gurguddoo Naayijeeriyaa waggaa kanaa keessaa tokko ta'eera.
Saganticha keessummoonni kumaatamni masaraa Amirii magaalaa Bichii bulchiinsa Kaanoo argamutti hirmaataniiru.
Misirroon lamaan Yunivarsiitii Surrey jedhamuufi UK keessatti argamutti wal argani.
Sagantaan cidhaa kuni gaafa Sambataa abbaan misirroo, Naasir Adoo Baayeroo, Amirii Bichii jedhamuun yeroo muudamanis itti fufeera.
Obboleessi Naasir Adoo Baayeroo Emirii Kaanoo yoo ta'an, hoggantoota Islaamaa Naayijeeriyaa keessaa tokkodha.

Madda suuraa, @Wraith_studios
Yuusuf maatii intalaaf naayiraa 500,000 ($1,200; birrii Itoophiyaa 52,000 ol) kanfaleera. Kunis, gatii Kaaba Naayijeeriyaatti kana dura kanfalamu dachaa 10 ta'a.
Gaazexeessaan BBC Ishaaq Kaalid suuraan sagantaa cidhaa duraa gadhiifamee ijoo dubbii ta'e ture jedheera.
Uffati gateettii intalaa mul'isu namoonni muraasni ''sirrii miti'' yoo jedhan kaanimmoo ishee deeggaraniiru.

Namoonni jeettiin dhuunfaa 100 sagantichaaf bakkicha imaleera jedhanis qondaalli buufata xiyyaaraa BBC'tti akka himanitti garuu kanneen cidhaaf dhufan jeettiiwwan dhuunfaa 50 gadidha.
Haa ta'u malee, sababa koronaavaayirasiin keessummoonni hedduu maaskii fuulaa godhataniiru. Naayijeeriyaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman dabalaa jiru to'achuuf carraaqaa jirti.

Madda suuraa, Femi Adesina
Sagantaan cidhaa kuni eegumsa cimaan taasifame. Poolisiifi qondaaltonni waraanaa bakkee ijootti buufatanii eegaa turan.
Cidhi keessummoonni hedduu irratti hirmaatan kuni Ministira Kominikeeshinii biyyattii Isaa Alii Pantaamii ofiifu Imaami ta'aniin gaggeeffame.
Sagantaa cidhaa kana irratti namoonni siyaasaafi hoggantoonni hedduu biyyattii keessa jiran irratti hirmaataniiru.

Madda suuraa, Aisha Buhari
Kanneen keessaa Pirezidantiin duraanii biyyattii Buhaariin filannoo bara 2015'n injifatan, Guudlaan Jonaataan irratti argamaniiru.
Giiftii Dureen Gaambiyaa Faatumaataa Baah Baarrow fi Pirezidantiin duraanii Niijer, Muhaammadu Issowufuu kanneen alarraa dhufanii saganticharratti hirmaatan keessaati.















