Barattoota Naayijeeriyaa karaan cuccufamuun hirriba isaan dhorke

Sochiin tiraafikaa magaalaa Naayijeeriyaa Leegos cuccufamu hammaachuu isaatiin ijoolleen muraasni hirriba dhabaa jiru.
Ijoollee akkanatti hirriba dhaban keessaa Oluwapelumi Ogoberee tokko.
Mucaan durbaa umrii ganna 14 kun halkan keessa sa’aatii 10:50tti manaa baati, dukkana, ni qorriti.
Haadha ishee Atinuke Atinukee Ogebere harka qabattee, borsaa ishee shokosiisa m100 erga deemanii booda iddoo konkolaataa baasii itti eeggatan ga’u.
Naannoo isaanii sirriitti hin hubatan, bilbila haadha ishee Ogberee karaa dhiphoo fuulduratti ibsataa adeemu.

Lamaanu karaa sanarra deddeebi’utu wabii isaaniiti. Bara 2018 naannoo Leegoos iddoo Ikorodu jedhamutti erga galanii as guyyoota barnoonni jiru hunduma karaa sana marmaaru.
Yoo haati ishee halkan sa’aatii 8tti hirribaa hin kaane ykn mucaan ishee halkan keessaa sa’aatii 10tti hirribaa hin kaane ykn yoo kaalsiin jalaa bades Oluwapelumiin karaan waan cufamuuf qorra keessatti ugguramti.
Kana qofaas miti, mana barnootaa sadarkaa lammaffaa km18 mandara isheen keessa jirattuurra fagaatu barfattee geessi.
Ishee qofa miti, maatiin kanneen biroo hedduu rakkoo walfakkaataaf saaxilamoodha.
Ijoollee barattoota kana keessatti daa’imman umriin gannaa lama fa’aa konkolaataa baasii keessa halkan keessaa sa’aatii 11tti taa’uun magaalaa Leegos keessatti baratamaa dhufeera.
Maatiin hojii qaban baayyeen isaanii mana barnotaa, iddoo ijoollee isaani itti buusan otoo hin qaqqabiin buusanii deebi’uuf muddamu, Kunis sochii tiraafikaa cufamu injifachuuf yoo ta’u, yeroo galgala hojii deebi’an boodatti hafanii ijoollee isaanii konkolaataan fudhatu.
Ijoolleen hirriba argachuu barbaadu
Ogeeyyiin akka gorsanitti sa’aatii dheeraa hirriba malee turuun barnoota ijoollee irratti dhiibbaa umrii isaanii guutuuf turuu malu qabaachuu mala jedhu.
Ogeettiin xiinsammuu Leegoos keessa jiraattu Aadde Fehintola Daani’elsi akkas jetti:’’Daa’imni sa’aatii 9-12’f hirriba argachuu qabu tarii sa’aatii 5-7 argataa, ijoolleen haala jiruu akkasiif qophii miti,’’ jette.
Ijoolleen haala kanaan guddatan hirriba dhabuu horachuu malu, ni dhiphatu, miirri isaanii dafee geggeeddaramuufi xiyyeeffannoo dhabuu malu.

Ijoolleen umriin isaanii ganna sadii waa’e hojii, sochii tiraafikaa ykn sirumayyuu mana barnootaa dhaquu hin hubatan. ‘’Kanaafuu haatii isaanii maaliif barii jala haati isaanii hirribaa akka isaani dammaqsituu hin hubatan’’ jetti Aadde Fehintola Daani’elsi.
Aadde Ogbereen ganna afran darban mucaan ishee harkan keessaa sa’aatii 10tti hirribaa dammaquun barnoota ishee miidhuu isaa amante.
‘’Otoo dhiphachuu baattee, mana barnoota keessatti barattu keessatti caalatti akka jabaattu nan amana’’ jette.
‘’Homaa miidhaa irraan gahe hin qabu yoon jedhe ofin gowwomsaa jira’’ jette itti dabaluun.
Ijoolleen ishee manneen barnoota dhuufan barachuuf carraa argatanis ijoollen ishee itti hin gammanne- manneen barnoota hwaasaa naannichatti garuu hin arganne.
Jiraattoonni Leegos muraasni distriikitti magaalichaa iddoo daldalaa hojjatan ijoollee isaanii mana baruumsaa iddoo hojii isaanitti dhiyaatu galchuun fagoo akka hin deemne taasisu.
Hojjattuun mana baankii Adoraa Uchee, ilma ishee ganna sadii waliin kan jiraattu yoo ta’u, lamaan isaanii halkan keessaa sa’aatii 10:45tti gara odola Viktooriyaa, karaa km27 fagaatu deemuuf bahu.
Daandii yeroo cufamuun hammaate hanga sa’aatii 4tti cufamee turuun beekamu riqiicha’ Third Mainland’ qaxxamuruun dirqama. Guyyaatti yeroo lama achiirra qaxxamuurun dirqama.
Haati daa’ima ishee qofaa guddistu Aadde Ucheen ‘’gara iddoo hojii kootti dhiyeessuu malee filannoo biraa hin arganne,’’ jette.















