Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Oromoo: KFO'n Mararaa Guddinaa dura taa'aa, Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad itti aantota gochuun filate
Paartiin mormituu Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) kan Pirofeesar Mararaa Guddinaan hoogganamu yaa'ii waliigalaa yookiin kora gaggeessaa jira.
Dhaabichi paartilee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa akka taa'an jedhee hime keessaa tokkodha.
Yaa'ii lammaffaa ALI Bitootessa 17-18 waajjira muummee isaa magaalaa Finfinneetti gaggeessuun dura taa'aa haaraa filachuuf yaada qabaa?
Qondaalli olaanaa dhaabichaa kora dura BBC'tti dubbatan ajandaawwan korichaa keessaa tokko hooggana filuu ta'u himaniiru. Ta'us, dhimma Pirof. Mararaa hin mirkaneessine.
''Hanga yoonaa wanti beeku hin jiru, hin qabu [yaada] jedheen yaada,'' jedhan Itti gaafatamaan waajjiraa dhaabichaa Obbo Xurunaa Gamtaa.
''Korri sabaa kuni waan irratti dubbatee murteessu hin beeku ani, ajandaadhuma kana irratti haasa'uudha malee,'' jedhan. Kora gaggeeffamuun garuu hogganoonni haaraa filataman ni jiru.
''Eeyyee filannoo ni gaggeessa. Kan keessaa hir'atan jiru. Kan dadhabneerra jedhaniis jiraachuudhaaf hin malu. Filannoo gaggeesseetu haaraas itti dabalata, warra turees boqochiisa,'' jechuun kunis yeroo korri taa'u akka beekamu ibsan.
Namoonni paartichatti dhihaatan garuu dhaabichi Pirofeesar Mararaa gaggeessuun dura taa'aa haaraa akka filuu malu akeeku.
Waggaa dura BBC waliin turtii kan taasisan Pirof. Mararaan garuu 'siyaasa keessaa bahuuf yaada hin qabu' jedhanii turan. Kanaafis sababni, qabsoon isaanii 'laga osoo hin ce'in akka jiru' dubbatu. Ejjennoo amma qaban hin beekamu.
'Kadhataa jirra'
Dhaaba Kongirasii Federaalistii Oromoo jechuun waggaa 10 dura paartileen lama walitti dhufuun hundaa'e yeroo dheeraaf Pirofeesar Mararaa Guddinaan hoogganamaa jira.
Hidhaa waggaa tokkoo olii booda hidhaadhaa kan hiikaman Obbo Baqqalaa Garbaafi Obbo Mulaatuu Gammachuu immoo, dura taa'aa itti aanaa ta'un paarticha gaggeessaa jiru.
Dhaabichi namoota siyaasaa mormituu gameeyyii kanneen akka Obbo Baqqala Nagaa, Obbo Gabruu G/Maariyaam, Olbaanaa Leellisaa, Dajanee Xaafaa, akkasumas kaan of keessaa qaba.
Akkasumas booda kana miseensa dhaabichaa kan ta'eefi Obbo Baqqalaa waliin hidhaarra kan ture Jawaar Mohaammadis kanneen paarticha keessa dhageettii olaanaa qaban keessaati.
Miseensonni isaa hidhaarra akka turaniifi waajjiraaleen isaa cufamuu kan himaa ture KFO'n kora kana akkamiin gaggeessa?
''Iddoo tokko tokkollee ammallee hidhaa keessa jiru,'' kan jedhan Obbo Xurunaan miseensota ''harka caalaa'' jiraniin yaa'iin akka itti fufu himan.
Kora kanarrattis Pirof. Mararaan dhaabicha hoogganuu akka itti fufan ''kadhataa jirra'' jedhu Obbo Xurunaan. ''Akka isin jettanitti osoo hin taane akka nuti jennutti ta'uutu irra jira jenneetu irratti mari'ataa jirra.''
Sababa kana jedhaniif garuu Obbo Xurunaan hin ibsine. Pirof. Mararaan na gaggeessaa jedhanii dubbataniiru jechuudhaa? Jechuun gaaffii dhihaateef kana deebisan.
''Na gaggeessaa jedhanii hin dubbanne, nuus hin gaggeessina jennee hin yaadne. Korri sabaa argamee kan murteessu ta'ee, ani akka yaada kootti itti nuuf fufu jedhee yaadaa jira.''
Pirofeesar Mararaan eenyu?
ALI bara 1948 Godina Shawaa Lixaa Tokkee Kuttaayee bakka jedhamuutti kan dhalatan Pirofeesar Mararaan, namoota siyaasaa buleeyyii biyyattii keessaa tokkodha.
Qabsoo karaa nagaatiin maqaa gaarii kan horatan namni kun, bara mootii Haayilasillaaseetti sosochii barattoota Itoophiyaarraa kaasee hanga ammaatti siyaasa biyyattii keessaa qooda fudhachaa jiru.
Yunivarsiitii Finfinneetti waggoota dheeraaf barsiisummaan tajaajilaniiru. Siyaasa Itoophiyaarratti qorannoo adda addaa adeemsisuun maxxansiisaniiru.
Filannoo biyyaalessaa bara 1997 adeemsifamerratti injifachuunis waggoota shanif miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa turaniiru.
Dhaabbilee siyaasaa Koongirasii Uummata Oromoo (KUO) akkasumas Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) hundeessuunis hooggananiiru.
Gamtaa dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa garagaraa kan ta'e Tokkummaa Humnootii Dimokraatawaa Itoophiyaa /Hibrat/ akkasumas MADRAK jedhamuun hogganaa turan.
Hundeeffama KFO
Koongirasiin Federaalawaa Oromoo A.L.I bara 2004 paartileen lama walitti makamuun hundeeffame.
Paartileen kun Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo (WFDO) fi Koongirasii Uummata Oromoo (KUO) yemmuu ta'an, paartileen lamaan namoota siyaasaa gameeyyii of keessaa kan qaban turan.
Wayita filannoon bara 1997 dhiyaatu kan hundeeffame WFDO'n Obbo Bulchaa Dammaqsaan hogganamaa kan ture yemmuu ta'u, WFDO dursee kan hundeeffame Koongirasiin Uummata Oromoo immoo Pirofeesar Mararaa Guddinaatin hoogganamaa ture.
Koongirasiin Federaalawaa Oromoo sirna federaalizimii sabdaneessaa hojiirra oolchuuf akka sosso'u ibsa.