Sudaan loltoonni Raashiyaa 'qacaramanii lolan' biyyashee keessa jiraachuu haalte

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan gareen loltoota Raashiyaa- Wagner Group jedhamuun beekaman maallaqaan qacaramanii lolan biyyashee keessa socho'aa jiru himannaa jedhu haalte.
Sudaan ejjennooshee kan ibsite, erga Biritish, Ameerikaa fi Norway miseensonni garee kanaa Sudaan keessa maadheffachuun, miidiyaa hawaasarratti odeessa sobaa facaasuu akkasumas seeraan ala albuuda baasuu isaaniirratti irratti ibsa baasaniiti.
Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan ,''mootummaan Sudaan gabaasa biyyoonni sadeen kunneen baasan ni morma,'' jechuun ibse.
Qondaaltonni Sudaan dippiloomaatonni biyyoota Lixaa Sudaan tuttuqanii dhimma waraana Raashiyaa fi Yuukireen keessa galchuuf jechuun himatan.
Bulchaa Itti aanaan Sudaan Jeneraal Mohamed Hamdan "Hemeti" Dagalo dhiyeenya kana Moskoo daawwatanii turan.
Loltoonni dhuunfaa Raashiyaa garee Wagner jedhamurraa ta'an Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaatti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuun himatamu.
Gareen kun Maalii keessas bobba'ee jira jedhu biyyoonni lixaa.
Gareen Wagner kun biyyoota hedduu, keessattuu kanneen humna hin qabne, keessa lo'ee seenuun dantaasaa bakkaan ga'ata jedhamuun kan komatamu yoo ta'u, loltoota dhuunfaa Pireezidant Vilaadmiir Putiinis jedhama.
Gareen kun hidhattoota kumaan lakkaa'aman Liibyaa keessaa qaba, ergamtoonni isaa Jeneraala mootummaa Liibyaa deeggarsa UN qabuun mormu, Kaliifaa Haftaar, tumsu.
Humni waraanaa Sudaan bara bulchiinsa Pireezidant Omar al-Bashir Raashiyaa waliin hariiroo cimaa qaba ture.
Erga bulchaan kun bara 2019 mormii uummataan aangoorraa buufamee garuu hagas mara miti.
Al-Bashir bara 2017 keessa wayita Hoteela Black Sea jedhamu kan magaalaa Sochi keessatti argamutti Pireezidant Vilaadmiir Putiin arganii turanitti ''Moskoo aggaamii hamaa US irraa eeguuf'' tattaaffii guddaa akka barbaachisu akeekanii turan.















