Deeggarsa namoomaa gara Tigraay deemu kan danqe TPLF jedhe mootummaan

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaa Tulluu, konkolaattonni torbee darbe, ''deeeggarsa namoomaa qabatanii karaa Abalaa yeroo deeman loltoonni TPLF waan dhukaasa itti bananiif gara Samaraa deebi'an,'' jedhan.

Humnooti Tigraay Abaalaa dabalatee aanaalee Affaar afur to’atanii waan jiraniif konkolaataawwan 20 kan midhaan nyaataafi sadii immoo boba’aa fe’an Tigraay galuuf erga sochii jalqabaniin booda danqamuu isaanii Ministirichi BBCtti himaniiru.

Humnooti Naannoo Affaar konkolaataawwaan deemsa eegalan dhaabsisuun midhaan irraa buusuun danquu isaanii ammoo kanneen ijaan argan BBCtti himanii turan.

Dr Laggasaan rakkoon akkanaa darbee darbee akka mudatu himanii, ''keesumaa kanneen gara Naannoo Amaaraa deemaniifi deeggarsa uummata naannichaaf dhiyaatu irratti akka mudatu himuun kanas humnoota nageenyaa mootummaa Affaar waliin tahuun hiikuuf hojjechaa akka jiru himan.

Torbanoota darbanitti konkolaataawwan deeggarsaa 23 akka socho’an kan godhame Raayyaan Ittisaa fi humnooti Affaar TPLF irratti haleellaa banuun waan dadhabsaniif, ''karaa banuu danda’u abdiin jedhu jira ture,'' jedhan

Haa tahu malee sochiin konkolaataa erga jalqabeen booda humnooti TPLF, ''iddoo garaagaraa irraa bahuun karaa waan cufaniif konkolaataawwan deebi’aniiru,'' jedhan.

Dr Laggasan humnooti TPLF irra deddeebiin karaa cufuun gara naannichaa gargaarsi akka hin galle godhu jechuun isaan himatu.

Dabaluunis karaa biraan akka addunyaati uummanni Tigraay balaa beelaarra jira jedhamuun iyyamaa oola jedhan.

''Haa tahu malee qabatamaan konkolaattonni deeggarsaa akka galaniif daandii banaa yeroo jedhamu immoo hin banan,’’ jechuun kuni rakkoo bu’uuraa akka tahe dubbatu.

Konkolaattonni 23 gara Maqalee imala kan jalqaban torbee darbe, Kamisa akka tahe himuun, ''kiloomeetira muraasa erga deemaniin booda dhukaasni gatii itti banameef deebi’aniiru,'' jedhan Dr Laggasan.

Konkolaataawwan kunneen dhukaasni kan itti baname lafa Abaalaa jedhamuufi Samaraa irraa km180, Maqalee irraa immoo km40 fagaatee argamu irratti tahuu dubbatu qondaalli kuni.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa guyyoota darabanitti gargaarsi namoomaa konkolaataan Tigrayitti ergame hin jiru jechuun BBCtti himeera.

Dhaabbanni kuni kana kan jedhe Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa konkolaataawwan boba’aa fi waan nyaataa fe’an Samaraa irra gara Maqalee imalaa jiru erga jedheen booda dha.

Sagantaan Nyaata Addunyaa Sanbattan darbe jechuunis gaafa ALI Bitootessa 10 fi 11, 2014 konkolaattonni deeggarsa namoomaa Affaar keessa iddoowwan garagaraa geessuuf Samaraa irraa ka’anii ture jedheera.

Dubbii himaan dhaabbatichaa deebii gama imeeliin BBCf kennaniin, ''konkolaatonni kan deemaa turan gara iddoowwan Affaar keessa jiraniiti malee gara Tigraay miti,'' jedhaniiru.

Haa tahu malee konkolaataawwan iddoo deemuuf ka’an otoo hin gahiin danqaan akka isaan mudateefi gara iddoo ka’anitti fe’umsa isaanii waliin deebi’aniiru jedhan. ''Nagaan gara Samaraa deebi’aniiru,'' jedhan dubbii himaan Sagantaa Nyaata Addunyaa.

Dr Laggasaan garuu namoota aanaalee Affaar keessaa buqqa’aniif gargaarsi dhiyaachaa jiraachuufi rakkoon hanga yoonaa mudate akka hin jirre dubbatu.

Gama biraa hogganaan Dhaabbata Fayyaa Adduyaa Teedroos Adaanom gaafa Roobii, 07/2014 A.L.I ibsa kennaniin baatii Mudde irraa qabee gargaarsi nyaataa gara Tigraay ergame hin jiru jedhan.

Uummata naannichaa keessaa harki 83 wabii nyaataa mirkanaa’e hin qabu jedhan.

Mootummaan Federaalaa kanneen Naannoo Tigraayitti argamaniifi gargaarsa barbaadaniif deeggarsa geessuuf yaalii gochuu addaan hin kunne jechuun Dr Laggasan dubbatu.

Mootummaan balalii xiyyaaraaf eeyyama waan kenneef gama kanaan deeggarsi rakkoo tokko malee qaqqabaa jiraachuu himu qondaalichi.

''Deeggarsa geejiba konkolaataan qaqqabsiisuu hin dandeenye xiyyaara mootummaa, kan Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabota gargaarsaa kaan waliin tahuun yoo xiqqaate torbeetti al-sadii deeggarsi akka deddeebi’u gochuun addaan hin cinne,’’ jechuun dubbatan.

Dabaluunis mootummaan naannoo sanatti fedhii lolatti galuu hin qabu kan jedhan Dr Laggasan, ''karaan banamee haala nagaa qabeessa taheen uummanni Tigraay naannoo isaarraa osoo hin buqqa’iin gargaarsa qe’ee isaatti akka argatu barbaada,'' jedhaniiru.

Yeroo ammaa jiraattonni Naannoo Tigraay buqqa’anii gara Saqooxaa, Raayyaa Qoobboo akkasumas gara Ertiraa godaanaa jiraachuu kan himan Dr Laggasan, kanaaf mootummaan gargaarsi nyaataa idduma ummanni jirutti akka qaqqabu barbaada jechuun ibsaniiru.

Deeggarsi dhiyoo gara Tigraay galuuf ture dhaabota gargaarsaa idila addunyaatiin kan dhiyaate tahuu Dr Laggasan dubbataniiru.