Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa xiyyaara waraanaa Ameerkaa Nooriweeyitti mudateen namoonni afur du'an
Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa tokko kaaba Nooriweeyitti kufee caccabuun namoonni keessa turan arfanuu du'uun gabaafame.
Xiyyaarri qabeenyaa garee humna galaanaa Ameerikaa taate kunis Jimaata darbe wayita kuftee caccabdetti shaakallii Nato keessatti hirmaataa turte.
Xiyyaarichi bulchiinsa baadiyyaa Nooriweeyitti, magaalaa Bodoo irraa gama kibbaatti kan kufe yoo ta'u, sababii qilleensa hamaa tureetiin hilikooptaroonni bakkicha qubachuu hin dandeenye.
Haata'u malee gareewwan konkolaatawwan cabbii irra imalaniitti fayyadamuun guyyaa Sanbataa bakka balaa itti mudate qaqqaban.
"Namoonni xiyyaaricha keessa turan arfanu du'usaanii yoo beeksifnu baayyee gaddina,'' jedha ibsi poolisiin biyyatti kenne.
Itti dabaluunis kanneen balaa kanaan du'an arfanu lammiilee Ameerikaa ta'u poolisiin mirkanneesse.
Qorannoon madda balaa adda baasuuf gaggeeffamuuf tures sababii qilleensa hamaatiin kan dhaabbate yoo ta'u, poolisiin garuu tokkicha qilleensi fooyyofnaan deebiinee qoranna jedheera.
Xiyyaarri waraanaa MV-22B Osprey kuftee caccabdees shaakkallii Nato 'Cold Response' jedhamuun beekamu irratti hirmaataa turte.
Shaakkalichi biyya miseensa Nato taate Noorweey ittisuuf miseensoota qopheessuuf kan qophaa'e ture jedhameera.
Innis looltoota 30,000 kanneen biyyoota miseensaa 27 irraa babahan kan hirmaachisudha.