Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Cheelsiifi Riyaal Maadriid kan walitti fide ramaddiin Chaampiyoonsi Liigii eenyufaaf tole
Ramaddiin Chaampiyoonsi Liigii Awuurooppaa nuusa xumuraa Riyaal Maadriifi Chelsii, Atileetikoo Maadriidiifi Maanchistar Siitii walitti fide.
Ramaddii Jimaata Siwiizarlaand Zuurikitti bahe kanaan Liiverpuul fi Benefikaan Baayermuuniikiifi Vilaariyaal warra walmorkatu biroodha.
Walakkaa xumuraan ammoo injifataan Cheelsiifi Riyaal Maadriid, Injifataa Atileetikoofi Siitii, Injifataan Liivarpuuliifi Benefikaa ammoo injifataa Muuniikifi Vilaariiyal morkata.
Taphni dhaqaa galaa kun Eebla 5-6 akkasumas 12-13 gaggeefama.
Kan walakkaa xumuraa ammoo marsaan duraa Ebla 26-27, kan lammataa ammoo Caamsaa 3-4 gaggeefama.
Taphni xumuraa Chaampiyoonsi Liigii kan jalqaba Caamsaa 28 Raashiyaa seent Piiterisbargitti taphatamuuf ture sababa Raashiyaan Yukireen weerarteef istaadiyoomii Firaans Istaade de Firaansitti geeddarameera.
Yiirooppaa Liigiifis har'a ramaddiin kan ifa godhame yeroo ta'u, Weestihaam Liyoon waliin, Reenjeers Biraagaa waliin Entiraachti Firaankifart Baarseloonaa waliin RB Leepziing ammoo Atlaantaa waliin morkatu.
Anchelootiin Cheelsiitti imalu
Ramaddiin Chaampiyoonsi Liigii alanaa Chelsiin leenjisaa isaa duraanii Kaarloo Anchelootii waliinakka deebi'ee wal-argu hiree uume. Anchelootiin Cheelsii waliin Piriimeer Liigiifi FA caappii lama turtii isaa Staanfoord Biriij bara 2009-2011 injifataniiru.
Leenjisaan dhalataa Xaaliyaan kun leenjistoota sadii Chaampiyoonsi Liigii si'a sadii injifatan keessaa tokko.
Cheelsiifi Riyaal Maadriid bara dorgommii darbes walakkaa xumuraa irratti wal-qunnamanii Toomaas Tuheel qabxii waliigalaa 3-1 injifatanii darban. Dhuma irrattis Chelsiin Siitii injifatee waancaa fudhate.
Cheelsiin taphoota shan dhiyeenya Maadriid wajjin taphateen takkaahuu hin mo'atamne.
Maanchistar Yunaayitidiin qabxii waliigalaa 2-1 kan injifate gareen Ispeen kan Diyaagoo Simooniin leenji'u Atileetikoo Maadriid, garee bardheengaddaa xumuraaf gahee injifatame Maanchistar Siitii morkata.
Siitiin yeroo duraaf Chaampiyoonsi Liigii injifachuuf morkata.
Liivarpuul dorgommiiwwan Awurooppaan hanga ammaa benefiikaa waliin si'a 10 taphatee beeka. dhiyootti kan wal-argan Yurooppaa liigii bara 2010 yoo ta'uu Liivarpuul qabxii waliigalaa 5-3 injifate.
Gareen Yaargeen Kilooppiin leenji'u bara kana Kaaraba'oo kaapp injifatee, waancaawwan biroo sadii adamsaa jira: Piriimiyeer liigii, FA kaappiifi Chaampiyoonsi Liigii.
Ramaddii nuusa xumuraa
Cheelsii v Riyaal Maadriid
Maanchistar Siitii v Atileetikoo Maadriid
Vilaariyaal v Baayeer Muuniik
Beenfiikaa v Liiverpuul
Ramaddii walakkaa xumuraa
Maanchistar Siitii ykn Atileetikoo Maadriid v Cheelsii ykn Riyaal Maadriid
Beenfiikaa ykn Liiverpuul v Vilaariyaal ykn Baayeer Muuniik