Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan keessatti namoonni daldala qunnamtii saalaa irratti hirmaatan maaliif baay'atan?
"Waanan gochaa jiruutti baayyeen qaana'a, garuu ammoo filmaata maalan qaba?'' jetti Needaa. Jiraattuu Magaalaa Teehiraan yoo taatu ga'ilasheen adda baatee jirti.
Guyyaa akka ogeettii rifeensaatti hojjataa ooltee, galgala ammoo hojii biraa hojjatti. Innis galii dabalataa argachuun jireenya ishee mo'achuuf jecha daldala qunnamtii saalaa akka raawwattu himti.
''Biyya dubrtoonni kabaja hinqabne keessan jiraadha. Diinagdeen kufeera, guyyaa guyyaan qaala'insi jireenyaa dabalaa jira,'' jetti.
''Qofaa koon mucaa guddisaa jira. Mucaa koof kunuunsa taasisuun qaba. Hojiin daldala qunnamtii saalaa baayyee argamsiisa. Amma magaalaa keessatti mana xiqqaa tokko bitachuuf karoorfachaan jira. Dhugaa gaddisiisaan jireenya kiyyaa kana fakkaata. Dhugaa dubbachuudhaaf lubbuu kiyyan gurgurachaa jira.''
Iraan bara 2021 keessatti gocha daldala qunnamtii saalaa dhorkuuf sagantaa biyyaalessaa baaftee turte. Haata'u malee, akka gabaasaaleen dhaabbilee mit-motummaa fi qorattootaa jedhaniitti, lakkoofsi namoota indastirii daldala quunnamtii saalaa keessatti hirmaatanii dabalaaa jira.
Dhaabbilee amantaa cimsan biyyatti garuu bara dheeraaf hojjattoonni daldala quunnamtii saalaa biyyatti keessa jiraachuu ni haalu. Bakka isaas, aanga'oonni warra lixaatiitu dargaggoota amala hin taanee keessa galchuuf ykn dubartoota amala balleessuuf kana raawwata jedhu.
Ragaaleen mirkanaa'an garuu haalli daldala qunnamtii saalaa biyyattii guddachaa jiraachuu mul'isu. Akkasumas odeeffannoowwan dhaabbilee mit-motuummaa hedduu akka mul'isaniitti shammarran waggaa 12 irraa kaasee daldala qunnamtii saalaa keessatti hirmaataa jiru.
Dhaabbanni miti motummaa Aftab Society jedhamuufi dubartoota araada qoricha sammuu adoochuun qaban wallaanuu irratti Iraan keessatti hojjattudha.
Bara 2019 keessa dubartoonni daldala qunnamtii salaan bulan gara kuma 10 ta'aniitu magaalaa guddoo biyyattii keessa jira jechuun, isaan keessaa kanneen gara %35 ta'an kan heeruman ta'uu hima.
Akka Amiir Mahmuud Harici, Pirofessar nageenya hawaasaa Yunivarsitii Tehiraaniitti, lakkoofsi baayyina dubartoota Teehiraan keessatti hojii saalqunnamtii irratti hirmaatan kan jedhameen dachaa lama ni ta'a.
Iraan keessatti carraan hojii dubartootaa fi walqixxummaan kornaayaa dhabamuun dubartoonni hedduun iyyummaa garmalee keessa akka jiraatan taasiseera, Kanaafuu hojii daldala qunnamtii saalaa irratti akka hirmaataniif dirqaman. Hojiichi garuu balaa cimaa qaba.
''Dhiiroonni hojiin qunnamtii saalaan galii argachuu seeraan ala ta'u waan beekaniifu dubartoota adabbii cimaa irran gahu. Kanaafuu dantaa isaaniif itti fayyadamu,'' jetti dubartiin daldala kanarratti hirmaattu Maahnaaz. Maahnaaz Teehiraan keessatti barrattuu yunvarsitiiti.
''Yeroo garaa garaatti kun na mudateera. Ergan waliin ciiseen booda kanfaltii na dhorkatu. Ani ammoo gara aanga'oota deemee himachuu hin danda'u.''
Maahnaaz akka jettuutti baasiin jireenyaa Tehiraan keessaa baayyee cimaadha. Kanaafuu hojii biraa hojjachuun baasii ishee kanfalchu hindandeessu.
'Gaa'ila gammachuu'
Warraaqsa Isilaamaa bara 1979 hordofees, bulchiinsa haaraadhaan hojjattoonni quunnamtii saalaa hedduun ajjeefamanii ture. Dubatoota fayyadamu seera qabeessa taasisuuf ammoo hojiimaatini 'gaa'ila gammachu' ykn zawaj al-mutaa jedhamu hojiirra oolfame. Kunis kontraata yeroo murtaa'eef adda baafamee haadha warraa yeroo muraasa beenyaan kennamuufidha.
Sirna Islaama Shiyaa Iraan jalatti gaa'illi Mutaa ni hayyamama. Kanaafuu gochaan kun akka hojii daldala quunnamsii saalaatti hin fudhatamu. Kanaafu hojiimaatii akkanaa kunis magaaloota qululluu Maashhad fi Qom kan dowwattoota addunyaa guutuu irraa gara sana dhaqamu keessatti baayyee babalateera.
Viidiyoofi miidiyaaleen hawaasaa dhiiroonni Iraaqi Maashhad keessatti yoo quunnamtii saalaa raawwachuuf gaafatan agariisu. Qondaaltoonni garuu gaa'ila yeroo gabaabaa raawwataaa jiruu jechuun mormu.
Amma ammoo tajaajilliiwwan karaa intarneetii hedduun, Teelegraamiifi WhatsApp dabalatee, qaamoolee motummaarraa irraa akka hayyama qaban himaniin Iraan keessatti gaa'ila yeroo (mutaa) yoo dhiyyeessan mul'atu.
Sababiiwwan akka lakkoofsi naoota daldala quunnamtii saalaa irratti hirmaatan guddatu taasisan keessaa tokkoo qaala'iinsa jireenyaa tokko. Kunis kan qoqopphhaa dinadgee Ameerikaa Iraan sababii sagantaa Niikulaaraatiif keesseen wal qabat.
Erga bara darbeetii as, Iraan keessatti qaala'insii jireenyaa parsanataa 48.6n dabale. Carraan hojii argachuus kan hinjirree yoo ta'u kanneen hojjataa jiranis kanfaltii gahaa argataa hin jiran.
Bakka kun hin jirreetti ammoo, lakkoofsi dhiiroota umuriinsanii waggaa 20 hanga 35 jidduutti argama kafaltii argachuuf jecha kaanneen dubartoota waliin quunnamtii saalaa raawwatanii dabalaa jira. Haalli dhiiroonni kafaltii argachuuf jecha gocha quunnamtii saalaa irratti hirmaaachuu kunis magaaloota gurguddoo Iraan keessatti babalataa jira.
Namoota akkasii keessaa tokkoo dargaaggoo waggaa 28 kan ta'e Kaamyaar yoo ta'u innis suparmaarkeetii tokko keessa hojjata. Hanga bara darbeetti maatii isaa waliin jiraachaa kan ture yoo ta'u, deeggarsa abbaasaa malee baasii isaa kanfalchu hindanda'u ture.
Amma garuu jidduugala teehiraan keessatti mana kireeffatee kan jiraachaa jiru yoo ta'u gara biyya biraa deemuu yaada.
''Maamiltoota karaa miidyaa hawaasaatiinan argadha'' jedha. ''Dubartoonni kunneenis kanneen umuriinsaanii waggaa 30-40 jidduutti argamuudha. Yeroo tokko dubartii waggaa 54 argadhee beeka. Baayyee haalaan na kunuunsu, maallaqa gaariis naaf kanfalu. Yeroo hunda alakan manasaanitiin dabarsa. Karaa waliin dubbachutiinis maamiltoota hedduun argataa jira.''
Kaamyaar ogummaa maandisummaan kan leenjii'eedha garuu damee baayyee jaalatu kanaan hojii argachuuf abdii omaa akka hin qabne dubbata.
''Yeroo hundaa maandisa ta'un hawwa. Garuu hojii omtu hin jiru,'' jedha.
"Shamarran na jaaladha, garuu waanan hojii gaarii hin qabneefu gaa'ila dhaabbachu hin danda'u. Waanan amma raawwataa jiruutti hin boonu. Maallaqa argachuuf jecha nama hin beekne waliin ciisuun waanan takkaa hawwee beeku hin turre. Baayyeen itti qaana'ayyuu. Garuu ammoo maallaqa naaf argamsiisaa jira. Biyya waa'ee eegeeree kiyyaarratti rakkina qofa itti arguu keessan jiraadha.''
Maqaan namoota daldala quunnamtii saalaa irratti hirmaatan bareeffama kana keessatti eeramees eenyummaa isaanii dhoksuuf jecha kan geedarameedha.