Rookkettiin gatame 'Addeessa rukkute' - saayintistoota

Madda suuraa, Peter Birtwhistle
Qaamni rookkeettii gatame Addeessa gama nurraa fagoo ta'een rukkutuu akka hin oolle saayintistoonni himan. Akka saayintistoonni dhimma kana hordofaa turan jedhanitti, rookkeettiin dulloomaa gatame kun Addeessatti bu'a ykn rukkuta jedhamee eegamaa ture.
Qaama Addeessaa gara biraatti galagaluufi nurraa fagoo ta'erra bakki rookkeettii dulloomaa gatame kanaan rukkutame yoona kana dhooqa baaseera ta'uu mala garuu gara fuulduratti qorannoofi hordoffiin kan bira gahamu ta'a.
Qaamni rookkeettii toonii sadii ulfaatu kun waggoota dheeraaf hordofamaa kan ture yoo ta'u, maddi isaa garuu falmisiisaadha.
Astiroonoomeroonni jalqaba rookkeettiin kun dureessicha abbaa dhaabbata SpaceX Eloon Maask jedhanii yaadaa turan, booda garuu kan Chaayinaa ta'uu mala jedhan. Chaayinaan garuu kiyya miti jechuun waakkatteetti.
Hanga ammaatti bira kan hin ga'amne ta'ullee rookkettiin kun Addeessa rukkutuun miidhaa xiqoo ta'a jedhamee yaadama.
Rookkettiin kun bakka Addeessa rukkute boolla ykn holqa xiqqaa uumuun akka awwaarri/dhukkeen hangi tokko bugugsu taasisuu mala. Kunis qorannoon kan bira ga'amu ta'a.
Saayintistoonni dhimma kana irratti guyyoota ykn torbanoota itti aanan keessa akka mirkaneeffatan abdii qabu.
Qaamni rookkeettii amma Addeessa rukkutuun hin oolle jedhame kun bara Bitootessa 2015 keessa ture Dachee irraa kan achirratti mula'e.
Qorannoon hawaa fandii NASAtiin gargaaramu US Ariizoonaa keessa jirutu jalqaba arge. Haata'u malee, erga rookkettii kana arganii wantota sirna hawaa keessa jiran ( asteroid) akka hin taane erga baranii booda duukaa bu'anii hordofuufi fedhii dhabanii dhiisan.
Qaamni rookkeettii amma Addeessa rukkutuun hin oolle jedhame kun "qaama caccabaa ykn dulloomaa hawaasa" kan jedmau yoo ta'u, warra ergamaaf deeman irraa ykn saatelaayita irraa hafanii gara Dacheetti deebiyuudhaaf boba'aa gahaa ykn humna warra dhabanidha.
Wantota akkasii kana keessaa gariin hawaarra nutti dhiyoo Dachee ol kan jiran yoo ta'an, kaan isaanii ammoo, fakkeenyaaf warri akka rookkeettii amma Addeessa rukkute kanaa kiiloomeetira kuma hedduu fagaatanii oorbiitii baayee ol fagoo ta'e keessa asimoosfera Dacheerraa akka malee fagaatanii argamu.
Ejensiin Hawaa Awurooppaa akka tilmaamutti taanaan caccabaawwan ykn qaamawwan rookkettii 36,5000 hawaa keessa ni jiru.
Sagantaan hawaa ykn yunivarsiitiin hojii idilee isaa godhatee gadi fageenyaan rookkeettiiwwan dulloomanii ykn caccabanii hawaa keessatti hafan gadi fageenyaan duukaa bu'ee hordofu hin jiru.
Wanata Hawaa keessa jiru hordofuun gati-jabeessadha. Kana malees, caccabaan akkasii hawaa irraa orbiitii fagoo ta'e irraa dhufee yaaddoo inni miidhaa dhala namaa irraan ga'uus xiqqaadha.
Kanaaf, astinooromeroota lakkoofsaan muraasa ta'aniifi fedhii isaaniitiin yeroo boqonnaa isaanii dhimma hawaafi orbiitii irrati dabarsanitu dhimma akkasii kana hordofa.
Yeroo tokko tokko wanta akkasiis hawaa keessatti yeroo argan akkeekkachiisaaf jecha ergaa karaa iimeeliifaa ni gadhiisu. Rookkeetii ykn qaama caccabaa rookkeettii akkasii yoo arganis, eessatti kufuu danda'a, eenytu bakka sanatti dhiyaata jedhanii shallaga hojjetanii gadi dhiisu.
Erga rookkettiin amma Addeessa rukkutuun hin oolle jedhamtee argamee torban ja'a booda, namni umuriin isaa waggaa 63 ta'e Piiter Birtwhistle, Ingilaand Kibbaa Niiwuubarii oyiruu isaa keessa taa'ee samiirraa astirooyidoota daawwataa ture.
Teleskooppiin isaa wanta ta'e argee samii irratti hordofaa ture. Akka shallaggiin agarsiisutti qaama rookkettii kanaati jedham jechuun BBC News'tti hime.
Caccabaan/dulloomaan hawaa yeroo baayyee bakka argamuufi argamuu hin dandeenye keessatti kufuu danda'a. Yeroo baayyee ammoo waan hin tilmaamane ta'a. Hanga Amajji darbeetti rookkeettiin kun deebiyee mullatuutti waggoota torbaaf hin argiin tureera.
"Yeroo inni gara acheetti dhiyatee darbutti suuraawwan isaa hanga tokko kaafadheera," jechuun ibsa.
Suura kaase kanas astiroonoomeraafi saayintistii daataa kan ta'e Biil Gireey kan qarqara baha Yunaayitid Isteeti argamutti ergee qorachiisa. Biil Gireey ammoo ogeessa rookkeettiin kun kan SpaceX akka ta'eefi gara Addeessaatti imalaa akka jiru adda baaseera.
Oduun cabaan rookkeettii kun kan SpaceX abbaan qabeenyummaan isaa dureessicha Elon Maask ergama hawaaf ergeeti jedhamuun isaa ammoo mata-duree oduu addunyaa ta'ee ture.
Haata'u malee, ammayyu taanaan caccabaa rookkettii hawaa ada baasuun "hojii qoranniiti" jedha Biil Gireey. Rookkeettiin kallatin kan eenyuu akka ta'e hasxaafi mallattoonni isaanii salphaatti hin argamu.
Adeemsa keessa astiroonoomerootatu ragaa jiran walitti fiduun, imala isaa hordofuun,sirii isaa duuba deebiyanii qorachuun, kallattii isaa, guyyaa inni oorbiitiirra baheefi furguggifame, akkasumas duufaafi kallattii isaa mara walitti fidanii xiinxaluun adda baasu.
Haata'u malee, ergamiinni hawaa gariin, kan Chaayinaa dabalatee tooraafi faana isaanii ifa hin godhan.
"Ergama Chaaynaa, guyyaa itti ergame ni beekna sababiin isaa ammoo TV irratti ni tamsa'a. Kanaaf, yeroo baayyee saatii afur ykn shan keessatti Addeessa bira gaha. Isaan booda, tilmaama orbiitii tokkoon shallaga," jedha Biil Gireey.
Yeroo tokko tokko ammoo shallaga dogogoraa jalaa ta'a. Erga kan SpaceX jedhamee adda baafamee torbanoota muraasaan booda, namni hawaa hordofu tokko Mr. Biil Gireeyitti ragaa haaraa ergeef. ragaan ergameef kun rookkeettiin kun kan SpaceX ta'uu hin danda'u kan jedhudha.
Isaan booda MR. Biil Gireey lakoofsota isaa walitti qabee irra deebiin shallage. Shallaggii isaa lamaffaa kanan ammoo rookkettii Chaayinaa ergama Addeessaaf ergamte H Chang'e 5-T1, jedhamtu Obkoloolessa 2014 ergamte taate.

Madda suuraa, Getty Images
Ammas Chaayinaan kana ni waakkatte. Rookkeetiin isheen ergama Addeessaaf bara sana ergite qaamni isaa garri olii gara Dacheetti deebiyee gubateera jechuun dubbatte.
Mr. Biil Gireey garuu tilmaani isaa sirrii akka ta'e cimsee falma. Akka inni amanutti Chaayinaan qaama rookkeettii lama hordofamaa jiruu waliin dhoofte jedha. "Ani 99.9% mirkaneeffadheera [rookkeetiin kun] China 5-T1," jedha.


















