Saayintistoonni Milkii Weey keessatti wanta ‘sodaachisaa’ hin beekamne argatan

Saayintistoonni Milkii Weey keessatti wanta 'sodaachisaa' hin beekamne argatan

Madda suuraa, ICRAR/Curtin

Saayintistoonni Awustiraaliyaa gaalaksii Milkii Weey keessatti wanta nannaa’u kan maal akka ta'e hin beekamnee fi amma dura arganii hin beekne arguu isaani himan.

Wanti kun jalqaba barattoota yunivarsitiin argame. Daqiiqa 18'f turee annisaa raadiyoo guddaa daqiiqa tokko guutuuf gadhiisaa akka ture hubatameera

Wantoonni hawaa keessatti annisaa maddisiisan yeroo hedduu ni galmeeffamu. Qorattoonni garuu wanti akkas daqiiqaa tokkof ture waan argamee hin beeknedha.

Gartuun kun caalaatti hubannoo argachuuf hojjachaa jiru.

Wanti kun jalqaba kan argame barataa Yunivarsitii Kurtiin, Taayroon O’Dohertiin ture.

Argannoo kanas kan taasise Lixa Awustiraaliyaa bakka Murchison Widefield Array jedhamutti, teeleskooppii fi mala haaraa ofii uume fayyadamuuni.

Taayron miseensa gartuu qorattu hawaa (astrophysicist) Dr Natashaa Harlii-Walkeeriin hogganamuu, kan Yunivarsitii Kartinitti dame Wiirtuu Qorannoo Raadiyoo Hawaa Idil-addunyaa (ICRAR) ture.

“Yeroo qorannoo keenyaatti sa’aatii muraasaan bade, deebi’ee mul’achaa ture,” jechuun himuu ishee ibsi ICRAR kan argannoo kana galmeesse ni eera.

“Kun tasuma waan hin eegamnedha. Wanti akkanaa hawaa keessatti argamee hin beekneef qorattoota hawaaf waan xiqqoo sodaachisaa ta’edha.”

Wantoonni hawaa keessatti badanii, deebi’anii mul’atan qorattoota hawaaf waan haara miti – wantoota akkanaa ‘transients’ jechuun waamu.

Ta’us wanti amma argame kun daqiiqaa tokko guutuuf argamee turuun isaa “waan danuu hin baramnedha,” jechuun qorattuun hawaa ICRAR-Cyrtin, Dr Jemaa Andisan ibsa kanarratti himteetti.

Dabalataanis ICRAR akka ibseetti, ragaalee waggoota hedduu irra deebiin duubatti debi’uun erga ilaalanii booda, gartuun kun Lafa irraa gara bara-ifaa 4000 akka faagatee jiru, baayyee akka ifuu fi human maagneetii baayyee cimaa akka qabu argataniiru.

Wanti kun maal ta’u danda’a kan jedhu irratti tilmaami jiru urjii newutoonii ykn urjii jijjigeeru ta’uu danda’a jedhu jira. Ta’us garuu, argannoo kana irratti wanti hedduun hin baramne.

“Qorannoowwan dabalataa yoo wanti kun waan takkuma mul’atu ykn waan haara guddaa nuti kanaan dura hin hubbanne ta’e nuti himuu malu,” jetti Harlii-Waaker.

“Wanta kana caalaatti hubadhee, waantoota dabalataa argachuuf qorannoo koo ballisuun fedha.”