Waraana Raashiyaa-Yukireen: Dhaabbilee idil-addunyaa kamfaatu hojii Raashiyaa keessaa qaban addaan kutee?

Doonii

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota 30 dura yeroo Sooviyeet Yuuniyeen keessatti sirni kominizimii diigamuu hodofee yeroo jalqabeefi karri daldalaafi inveestimentiin Raashiyaatti banaa wayita turetti biyyootni Lixaa hunda dursanii gara biyyattii seenan.

Yeroo sanatti dhaabbileen bebbeekamoon akka Kookaakollaafi Maakdoonaaldis Raashiyaatti wayita hojii eegalan, biyyattiif bara haaraatu dhufe jedhama ture.

Dhaabbiileen oomishaalee garaa garaa dhiyeessan, albuuda baasan, gorsitoota seeraa dabalatee dhaabbileen biroo hedduun Raashiyaa keessa tamsa’anii turan.

Lammileen Raashiyaa jiinsii Leewwii uffachuu bashannanuufi oomishalee biyyoota Lixaa gatiin isaanii qaaliin ta’aniitti gargaaramuu eegalan.

Waggoota 30f balballi sun banamee ture.

Sana booda garuu waan haaraan uumame; Raashiyaan Yuukireen weerarte.

Weerara kana hordofuun dhaabbileen biyyoota Lixaa hedduun isaanii hojii Raaashiyaatti hojjataa turan addaan kutaa jiru.

Aple, Laand Roover fi HADM dabalatee dhaabbileen biroos daldala biyyattii keessaa qaban dhaabuu beeksisan.

Dhaabbilee akkamii fa’aatu hojiisaanii dhaabaa jira? Kaan isaanihoo maaf callisan?

Dhaabbilee boba’aa oomishan

Dhaabbata boba’a baasurratti bobba’e BP jedhamu Yukireenitti battala loli ka’etti Raashiyaan hojii akka dhaabu dhiibuu jalqabde.

Dhaabbatichi Raashiyaatti boba’a oomishuufi dhiyeessu ‘Roosnefit’ keessatti qooda olaanaa qabatus, guyyoota muraasa keessatti hojii akka dhaabu beeksise.

Dhaabbileen damee boba’aarratti hojjatan kanneen akka Sheel, Eksoombili fi Ikkuwiner abbootii aksiyoonaa, lammileefi mootummoorraa dhiibbaan waan isanirratti hammaateef akka addaan kutan himan.

Dhaabbileen boba’a oomishaniifi dhiyeessan akka laaftuutti kanneen ilaalaman miti.

BP’n dhaabbilee damee kanarratti hojjatan keessaa dhiyeenyatti galii argateen sadarkaa 5ffaa qaba. Sheel immoo dhaabbata gaazii boba’aa Raashiyaa guddicha Gaazpiroom waliin hariiroo qabu addan kutuusaatiin hanga doolara Ameerikaa biliyoona sadii kasaaruuf akka jiru raagameera.

Gama biraatii, Tootaal Inarjiin Raashiyaatti pirojeektota haaraa maallaqaan hin deeggaruu jedhee beeksise. Taatullee hojiiwwan iveestimentii duraanii keessa bahuuf fedha hin qabu.

Fiilmii ijoollee

Madda suuraa, DISNEY

Damee bo’aartii

Fiilmiin Warneer Biroosin haaraan Raashiyaatti akka hin argariisfamne mirkanaa’era.

Dubbiin kun lammilee biyyattii fiilmii jaalatanii oduu gaarii miti. Dhaabbannii fiilmii oomishu kun haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu ka’umsa godhachuun fiilmiiwwan haaraa gadhiisuu dhiisera jedhe.

Neetfiliiksi biyyattii keessatti pirojeetiiwwan isaa haaraa dhiisuu isaa ibsuun, dhiibbaa yeroof mudate ‘’gamaggamaan jira’’ jedhe.

Dhaabbileen hundi isaanii murtoorra kan qaqqaban sabababii qoqqobbiin Raashiyaatti dabarfameen miti. Sababni isaan dhiyeessan‘’rakkoo namoomaati,’’jedhu.

Taatullee murtoon isaani kun Raashiyaaf dhaamsa dabarsu qaba. Kunis lammi biyyattii qooda kan jedhuudha.

Dhaabbilee teeknoloojii

Appil Raashiyaatti oomisha ofii gurguruu kan dhaabe yoo ta’u, appil peyi fi kaartaa appilii fi tajaajilota biroo dangeesse. Kanaan alatti suuqiwwan iddoo gurgurtaa biyyattii keessaa qabu cufeera.

Appil ganna 24’f biyyattii keessa kan hojjate yoo ta’u, murtoon dhaabbatichi murteesse deebise isalle ni miidha jedhamee amanama.

Gama biraatiin, dhaabbileen teeknoloojii muraasni odeeffannoo dharaa tamsaasu jedhamuun tajaajilli isaanii jalaa daangeffamees jiru.

Fakkeenyaaf, dhaabbileen miidiyaa mootummaan to’atu qabiyyee isaanii akka mirkanaa’u fi qooduuf fedha hin qaban jechuun ibsuusaa hordofee Raashiyaan Feesbuukii daangessite.

Dubartii Raashiyaa waa shamatattee deemaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbilee omisha isaanii dhiyeessan

Dhaabbanni faashinii Siwidiin ‘H & M’ jedhamu dhaabbata Raashiyaatti oomisha isaa dhiyeessu dhiise isa guddaa ta’e.

Kana hordofuun dhaabbileen biroo hedduu fakkeenyummaa isaanii hordofuu akka danda’an himame.

H & M Yukireen keessa‘’haalli gaddisiisaa’’jiru eeruudhaan hojii wayita dhaabu, ‘Nike’ dabalatee dhaabbiileen sadarkaa addunyaatti beekaman biroo maamiloota isaanii Raashiyaa jiraniif dhiyeessuuf wabii amansiisaan hin jiru.

Addabaabahii Mooskoo isaa beekama ta’e biratti iddoo gurgurtaa guddaa kan qabu Burberii jedhamu Raashiyaatti maamiltoota keenyaaf dhiyeessuu waan hin dandeenyeef guutummaatti garasitti fe’uu dhiisneerra jedhe.

Raashiyaan bara 2021 iddoo oomshni biyyoota Awurooppaa itti gurguramu ishee guddoo sadarkaa shanaffaa qabatte yoo taatu, gabaan kun Paawundii UK biliyoona 337 baasa jedhamee tlilamaama.

Dhaabbiileen hedduun isaanii gurgurtaa oomisha isaanii guutummaatti addaan kutuu caala dhimmichi ‘’hordofaa jirra’’ykn hojii dhaabneerra jechuurratti akka argaman yaadni ni dhiyaatu.

Omshitoota konkolaataa

Sababii weerara Raashiyaatiin walqabatuuf dhaabbileen bebbeekamoon akka Jaaguwaar, Laand Roover, Jeneraal Motarsi, Aston Martiin fi Rolis Rooyis jedhaman konkolaattoota erguu dhiisan.

Amma konkolaattota gara Raashiyatti geessun rakkisaadha. Sababni isaa, dhaabbileen gurguddoon galaanarra meeshalee deddeebisan MSC fi Meerisk jedhaman nyaataa, meeshalee wal’aansaafi gargaarsa namoomaatiin alatti waan biraa Raashiyaaf hin feenu jedhan.

Dhaabbileen konkolataataa oomishan kanneen akka Voolswaaganii fi BMW qaamni konkolaataa Yukireenitti oomishaman waan hin jirreef jecha yeroo murtaa’eef hojii dhaabaniiru.

Dhaaabbilee gorsa seeraa kennan

Sirni kominizimii diigamuu hordofee Raashiyaatti dhaabbilee hojii eegalan keessaatti dhaabbileen gorsa seeraa kennan gurguddoon ni eeramu.

Weerara Raashiyaa hordofuun irra caalan isaanii kan callisan ta’ullee, dhaabbanni gorsaa kennu ‘KPMG‘ jedhamu UK keessa maadheeffate maamiltoota keenyaa waliin hariiroo qabnu gamaggamaa jirra jedhe.

Kana jechuun UK fi biyyoota addunyaarra kan jiran waliin hariiroon qaban akka addan cituu malu beeksise. Dhaabbanni gorsa kennu kan biraa ‘EY’ jedhamu qoqqobbii kaa’ame akka kabaju eeruun, hariiroo mamiltoota isaa Raashiyaa jiran waliin qabu addaan kutuu fi dhiisuu hin beeksifne.

Dhaabbileen gorsaa fi seeraa biroo hariiroo maamiltoota isaanii waliin qaban kan Raashiyaa waliin akka walbira madaalan eeraniiru.

line

Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa:

line