Akkamiin barreessinu, 1ffaa moo 1fa? Ajandaa walfamisiisaa tibbanaa

Ajandaa walfamisiisaan waaltina Afaan Oromootiin walqabatu kan Kibxata darbe gaazexaan Bariisaa qabaatee bahe ijoo dubbii ta'ee ture.
Mataduree akkaataa Afaan Oromoo keessatti sadarkeessuun itti barreeffamuu qabu qabatee bahe kun sadarkaan ammaan dura yeroo barreeffamu lakkoofsatti aanee '-ffaa' kan jedhu gara qubee lamaatti '-fa' qofatti yoo hir'ate wayya kan jedhudha.
Gaazexichi hayyootarraan qoradhee dhiheesse yaada jedhe kanaan, akkaataan sadarkeessuu ammaan dura ittiin barreeffamu ni dheerateefi ijaafis hin hawwatu kan jedhudha.
Gulaalaa Olaanaan Gaazexaa Bariisaa Obbo Charinnat Hundeessaa, Bariisaan yaada hayyootaa qabaatee bahe malee qorannoo mataa keenyaatiin waan barreessine miti jechuun BBC'tti himan.
"Akeekni yaada kanaa 'yoo akkas goonehoo' kan jedhudha malee murtii irratti hin kennine. Nuti yaada kana mariidhaaf dhiheessinee mataduree kanarratti walirraa haa barannu jenneeti kan baasne. Kaayyoon isaa kanuma malee ergama biraa ofduubaa qabu hin qabu," jedhan.
Dhimmi sadarkeessuu kun erga miidiyichi baaseen boodaa miidiyaalee hawaasummaa irratti falmii jabaa kaase.
Namoota akkaataan sadarkeessuu haaraan ibsame kun sirrii miti jedhanii morman keessaa tokko gaazexeessaafi barreessaa Lalisaa Idrisi.
"Akka yaadaatti dhihaachuun isaa rakkoo hin qabu. Garuu filannoon dhihaate sirrii natti hin fakkaatu. Gaazexaan Bariisaa dhimma namni hundi irratti hin mari'anne kana yoo baasu nama aarsa. Nuti isa kana mormine. Afaan Oromootiin akka isaan jedhan kanatti barraa'uu hin qabu," jedha.
Daayireektarri Institiyuutii Qorannoofi Qo'annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa ammoo yaanni sadarkeessuu irratti qubee hir'isuu kun Koree Waaltinaatiin kan qophaa'e akkaa ta'e himan.
"Koreen Waaltinaa jechoota hedduu mogaasee, waaltessee jira. Kanammoo Jildii 1 hanga Jildii 13tti maxxansee uummata biraan gaheera. Yaada sadarkeessuuf qubee irraa gabaabsuu kanas kan fide Koree kana.
Waaltinni ammoo ammuma uumamee ammuma hojiirra hin oolu. Akkaataan uummanni itti fudhatetu murteessaadha," jedhan.
"Sadarkeessuu irratti qubee 'f' jabeessuufi qubee 'a' dheeressuun kun hafee gara lamaanuu qubee tokko tokkootti akka gabaabbatu Koree kanatu murteesse. Kun saayinsii xiinqooqaa irratti hundaa'ee kan ta'edha," jedhan.
Sababoota ijoo Koreen waaltinaa qubeewwan kana gabaabsuuf filate yoo ibsanis, "tokkoffaa qubeewwan kana lamatti gabaabsuun iddoo qusata. Lammaffaa akkaataan itti barreesinus salphaa taha," kan jedhuun akka moggaasan himu.
Ta'us Koreen waaltinaa moggaasee waan kun filatamaaadha jedhe jechuun wantichi battaluma hojiirraa oolaa jechuu miti jedhan Obbo Dirribaan.
"Sadarkeessuurratti yaada qubee irraa gabaabsuu kana hayyoonniifi namoonni hedduun hin fudhaanne. Hojiin waaltinaa ammoo wiirtuu tokkorraa maddus qaamni hundi deeggaree hojiirra yoo oolchedha. Hanga ammaatti garuu yaadni sadarkeessuu kun qooda fudhattootarraa fudhatama hin arganne," jedhan.
Ta'ulleen sadarkeessuu kanarratti qubee lama qofa gochuufi qubee afur ta'uu gidduutti jijjiiramni hiikaa inni fidu hin jiru yaada jedhus qabu Obbo Dirribaan.
" 1ffaa fi 1fa kan jedhu gidduu garaagarummaan hiikaa dhufu hin jiru. Yoo dheerates yoo gabaabbates hiika adda ta'e waan kennu hin qabu. Sababa dheerateef yookan gabaabbateef hiika biraa kenna osoo ta'ee rakkisaa ture. Amma garuu Tokkoffaa yoo jenneefi Tokkofa gidduu hiikni addaa dhufu hin jiru," jedhan.
Kaayyoon yaada kanaa inni ijoon akkaataa jecha tokko salphisnee ittiin barreesinu uumuudha malee hiikaa bu'uuraa jechichaa jijjiiruu akka hin taanes himan.
"Seerri Xiinqooqaa waan jabaaturra waan laafaa, waan dheeraturra ammoo waan gabaabbatu filata. Yaanni Koreen waaltinaa fide kunis kanumarraa kan maddedha," jedhan.
Koreen waaltinaa jechi 'Tokkoffaa' jedhu 'Tokkofa' kan jedhutti akka gabaabbatu moggaasulleen yaadamni Xinqooqaafi waaltinaa ammoo jechi hawaasani baayyinaan fayyadamuufi uummanni fudhate irra filatamaa akka ta'u akeeka.

Madda suuraa, Getty Images
"Koreen yaada sana waaltessuuf dhiheessa. Yoo uummanni itti amanee fudhate hojiirra oola. Yoo uummanni sirritti amanee hojiirra hin oolchine ta'emmoo yaanni Koree waaltinaa sun hin fudhatamne jechuudha. Kanaaf, isa uummanni fudhate sanatti deebi'uun hin oolu," jedhan.
Yaanni sadarkeessuu keessatti qubee gabaabsuu kun gaafuma jalqaba Koreen dhiheessurraa kaasee hayyootni afaanii hedduun hin fudhanne ture jedhu.
Yunvarsiitii Finfinneetti qorataa afaanii kan tahaniifi yeroo yaanni kun dhihaatu Koree waaltina Afaaan Oromoo keessa turuu kan himan Obbo Abbabaa Qannoo, akkaataan jecha waaltessuu kun waliigaltee qaama hundaatiin kan ta'udha jedhu.
"Hamma danda'ametti waan salphaafi ija namaatti hin ulfaanne yoo ta'e gaariidha kan jedhuun yaada kana kan kaasne. Inni sadarkeessuu kunimmoo mallattoo (Symbol) dha, olbahee barreeffama. Kanaaf, yoo gabaabbate ija namaatiif gaarii ta'a kan jedhurratti waliigallee turre," jedhan.
Sadarkeessuun kun yeroo barreeffamu qubee lamatti gabaabbatulleen yeroo dubbifamu garuu bifuma baratameen dubbachuun ni dandahama yaada jedhu qabu Obbo Abbabaan.
Ammatti sababa qubeen kun gababbateef hiikni haaraan inni kennu waan hin jirreef 'fa' qofa yoo fayyadamne rakkoo hin qabu kan jedhurratti waliigalanii akka turanis yaadatu.
Miidiyaaa hawaasummaa irratti namoonni yaada kennan ammoo, yaada Koreen waaltinaa dhiheessan kana bifa gaariidhaan hin fudhanne.
Keessumaa akkaataan sadarkeessa afaan Amaaraafi Ingiliffaa waliin walbira qabamee dhihaate. Seera Afaan Oromoo akkaataa itti dubbatamuun barreeffamuu qaba jedhu faana kan hin deemnedha jedhu.
Koreen waaltina Afaan Oromoo waggoota 29 dura bara 1985 kan hundaa'ee hojii jalqabe yoo ta'u, ergasiis jechoota Afaan Oromoo hedduu waaltessuufi moggaasuu irratti hojjechaa jira.

Odeeffannoo biroo kana waliin deeman
- Kufaatii H/sillaasee waggaa 1ffaa irra maxxansa jalqabaa 'Bariisaatu' bahe
- 'As keessa' moo 'kheessa' - Afaan Oromoof qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa?
- Abbaan Afaan Oromoo eenyu?
- 'Gaaffii Afaan Oromoo akka gaafatametti deebisuu malee 'qabdii siyaasaa' gochuu hin barbaachisu'
- Duula Afaan Oromoo sirnaan dubbachuufi qubeessuu
- Afaan Oromoo sirnoota darban keessa ifatti ugguramee turee?


















