Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weerara Yukireen: Loltootni Raashiyaa magaalaa murteessituu Kehersan qabatan-Kantiibaa
Loltootni Raashiyaa magaalaa murteessituu buufata doonii taate Kibba Yukireenitti argamtu Kehersan qabachuu kantibaan magaalittii himan.
Kehersan magaalaa guddaa jalqabaa waraana cimaa booda harka loltoota Raashiyaatti kuftedha.
Kantiibaan magaalittii Igoor Kolikhayev loltootni Raashiyaa gara galma mana maree magaalittiittis galuun jiraattota irratti uggura sochii dabarsan jedhan.
Magaalonni baay'een waraanatti jiru, waraanni Roobii kaleessa gaggeeffame garuu isa hamaa jedhamuu danda'a.
Yakki waraanaa fi namoomaa Yuukireen keessatti raawwachuu isaa qorachuuf Manni Murtii Yakka Idil-adunyaa Heegitti hojii eegaleera.
Raashiyaan weerara Yuukireen irratti gaggeesiteen miidhaan irra gahuu yeroo jalqabaaf amante. Loltootni 498 jalaa ajjeefamuun 1,597 jalaa madaa'uu himte.
Yuukireen ammoo loltootni Raashiyaa ajjeefaman kumaatamaani jette.
Yuukireen erga weerarichi jalqabee lammiilee nagaan 2,000 ol ajjeefamuu himte. Sababa waraanichaan jiraattotni miliyoona tokkoo ol tahanis qe'ee isaanii irraa godaananiiru jedhe UN.
Akka kantiibaan magaalaa Kehersan jedhanitti magaalli isaanii uummata 280,000 qabdu harka loltoota Raashiyaa galteetti.
Feesbuukii isaanii irratti loltootni Yuukireen magaalicha keessa waan hin jirreef lammiilee nagaatti hin dhukaasiinaa jechuun loltoota Raashiyaaf dhaamaniiru.
Obbo Koolikhayev jiraattotni magaalittii qajeelfamoota loltootni Raashiyaa kaa'an hordofuun,'' akka alaabaan Yuukireen mirmirsamaa oolu'' gochuu qabdu jedhan. Qajeelfamootni kunneen:
- Uggura yeroo cimaa halkan sa'a 20:00 hanga 06:00 [Halkan sa'a 2:00 hanga barii sa'a 12:tti]
- Yoo xiqqaate nama lama tahanii bahuu
- Konkolaattota nyaata, qoricha, fi dhiyeessii kaan qabatan qofa akka magaalicha galan eeyyamuu.
"Humni weerartuu Raashiyaa magaalicha bakka hunda qabataniiru, akkasumas baay'ee hamoodha,'' jedha Geenaadii Lakhutaa, bulchaan naannichaa AFPtti dubbate.
Magaalli bakka madda laga Diniperiti argamtu bakka baay'ee murteessituu yoo taatu, bufata humna waraanaa achitti banuun gara fuulduraatti deemuuf isaan gargaara.
Magaalaa guddoon Yuukireen Karkiiv haleellaa hamaa jala jirti jedhan kantiibaan ishee.
Haleellaan misaa'elaa magaalicha irrati gaggeeffamu manneetii jireenyaa lammiilee nagaa haleeluun miidhaa qaamaa guddaa geesisaa jiraachuu himan.
Buufata doonii Kibba jirtu Maripul keessatti namootni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru jedhamee sodaatama. Garuu yaaliin Raashiyaan magaalaa Kiyeev marsuuf gochaa jirtu boodatti harkifateera.
Qondaalli US tokko humni waraanaa Raashiyaa konkolaataa hanga sana baay'atu akkasumaan gaafa Roobii guyyaa guutuu osoo hin socho'iin oole jedhan.
Biyyootni 39 sagalee kennuun erga deeggaranii Manni Murtii Yakka Idil-adunyaa qorannoo gaggeessuuf ragaa walitti qabuu jalqabeera.