Waraana Kaaba Itoophiyaa: Affaariitti miseensota maatii tokko keessaa 10 haleellaa meeshaa waraanaa jabaan ajjeefaman

Buqqaatota Affaar

Madda suuraa, Sadik Badru

Haleellaan meeshaa gurguddaan A.L.I Guraandhala 8, 2014 halkan raawwatameen miseensonni maatii tokko keessa namoonni 10 ajjeefamuun, namoonni 13 biroo madaa’u isaanii namoonni naannichaa baqataniifi tola ooltonni BBCtti himan.

Miseensonni maatii kan jalaa ajjeefaman Obbo Ummoo fi maatiin isaanii magaalaa xiqqoo Adaa jedhamtu keessa jiraataa turan.

Jiraatan naannoo Affaar daangaa Tigiraay obbo Ummoo Ibiraahim haleellaa guyyoota muraasa dura qaqqabeen haadha warraafi ijoollee isaanii shan du’aan dhaban.

Magaalichi Barahalleerra km15 kan fagaatu ta’uu firri dhiyoon Obbo Ummoo magaalaa Samaraa jiraatan Obbo Yaasin Kadir himaniiru. Obbo Yaasin maatiin isaanii gadda keessa jiraachuu himan.

Haleella sanaan kan miidhaman maatii ijoolleesaani waliin fudhatanii baqataa turan; ijoollee shan, haadha ijoollee, akkahoo, obboleettii akkoofi ijoollee adaadaa isaanii lama turan.

Obbo Ummoon dursanii naannichaa baqatanii waan turaniif balaa maatii isaanii kaan irra qaqqabeera hafan, taatullee gadda jajjabduu keessa jiru.

’’Nyaata hin nyaatu, balaa tasaa irra gahe dandamachu hin dandeenye, abbootiin amantaa jajjabeessa jiru,’’ jedhan firri isaanii Obbo Yaasin.

Obbo Ummoon sababa gadda keessa waan jiraniif dubbachuu akka hin feene firoottan isaanii BBC himaniiru.

Naannichatti waraanni itti fufe isaatiif tajaajilli bilbilaafi geejjibaa addaan citeera.

Odeeffannoon waa’ee namoota du’anii namoota haleellaa kanaan mada’aani lubbuun hafanirraa argamuu kan himan Obbo Yaasin, miidhamtoonni hospitaala Duuftitti yaalamaa jiru jedhan.

Obbo Yaasin akka jedhanitti, maatii namoota miidhamanii dabalatee namoonni biroos waraana jalaa gara Barahaalle Dodomitti otoo baqatanii haleellaan irra qaqqabe.

‘’Haleellichi meeshaa waraanaa jabaan waan raawwatameef si’a tokkichatti dhuman, kanneen madaa’an keessaa kan harki fi miilli isaanii cite jiru,’’ jedhan.

Namoonni haleellaa sanaan du’an iddoodhuma haleellaan qaqqabe sanatti awwaalamuu itti dabaluun Obbo Yaasin himaniiru.

Lolli Tigiraayirra gara naannichaatti babal’ate yeroo murtaa’ef qabbana’ee fakkaatus, ji’a tokko duraa jalqabee daangaa naannolee Affaarifi Tigiraayitti itti fufe.

Jiraattoonni naannoo fi qondaaltonni naannoo Affaar lolli humnoota Tigiraay waliin gaaggeeffamu itti fufu BBCtti himaniiru.

Haleellaan TPLF daandii guddaa Itoophiyaafi Jibuutii walqunnamsiisu to’achuurratti akka qiyyaafatu mootummaan naannoo Affaar torban lama dura ibsee ture.

Ibsicha keessatti finciltoonni TPLF aanalee Abihalaa, Magaallee, Herabtii, Koonabaa fi Baraallee to’achuu ibse.

Qondaaltoonni naannichaa akka himanitti namoonni 350,000 ol ta’an sababa waraana gaggeeffamaa jiruun qe’eesaaniirra buqqa’u torban tokko dura BBC'tti himanii turan.

Haadholii daa’imman lola kana jalaa baqatanii deeggarsa hin arganne rakkoo keessa jiraachu isaanii tola-ooltonni himaniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti baatiiwwan 15 dura humnooti TPLF buufata waraanaa federaalaa Naannoo Tigraay jiru erga rukutanii booda eegale ammallee araaraan xumura hin arganne.

Waraanni boodarra Afaariifi Amaaraatti ce'e lammiilee beelaaf, baqannaaf saaxileera. Kumaatamaan kan lakkaa'amanis lubbuu dhabaniiru.