Waraana Kaaba Itoophiyaa: Kaampii Affaar keessatti baqattootni Eertiraa shan ta'an ajjeefamuu UN hime

Baqattoota

Madda suuraa, IFRC

Jalqaba ji'a kanaatti haleellaa kaampii baqattootaa naannoo Affaar keessa jiru irratti qaqqabeen yoo xiqqaate baqattootni Eertiraa shan ajjeefamuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa hime.

Haleellaa haaraya jalqaba ji'a kanaatti naannoo Affaar kaampii Berehaallee jedhamutti hidhattootaan raawwatameen yoo xiqqaate baqattootni Eertiraa shan ajjeefamanii dubartootnis butamanii fudhatamuu eejansiin UN ibsa Jimaata baaseen himeera.

Haleellaa kanaan walqabatee maatiin jeeqamee kaampii gad-dhiisee gargar badeera jedha ibsi dhaabbatichaa.

Abbaa haleellaa kana raawwate UN waan jedhe hin qabu. Kanneen lubbuun hafan dubbisuu kan hime AFP'n finciltootni TPLF ajjeechaa akkasumas saamicha raawwachuu himan. Dubbii Himaan TPLF garuu ni waakkatan.

Waraanni ji'oota 15 dura hidhattoota TPLF fi humnoota mootummaa gidduutti naannoo Tigraayitti eegalee naannoolee Amaaraafi Affaar keessatti akkaan babal'atee ture amma qabbanaa'us, gama Affaariin TPLF lola baneera.

Lola kanaan Naannoon Affaar lammiileen kuma 300 ol buqqa'u hime. TPLF qaamolee lola natti banan jedhe waraanuuf akka Affaar seeneefi akka achi hin turre hime.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa wayita eegalu naannolee Tigraayiifi Affaar keessa baqattootni Eertiraa kumootaan lakkaawwaman kaampiiwwan adda addaa keessa qubatanii turan.

Waraanni Tigraayitti eegaluu hordofee humnoota Eertiraa mootummaa Itoophiyaa deeggaraniin haleellaan irra gahaa kan ture yeroo booda haleellaan haaloo bahuu hidhattoota TPLF'niis irra gahaa akka ture dhaabbileen gargaarsaa himaa turan.

Hidhattoonni TPLF waliin hariiroo qaban naannoo Amaaraa keessatti ta'e jedhanii namoota nagaa ajjeesuu, dubartoota gareen dirqisiisanii gudeeduu fi qabeenyaa dhuunfaa fi mootummaa saamuu gabaasni haaraan Aminastii Internaashinaal saaxilee ture.

Dhaabbati mirga namoomaaf falmu kun akka jedhutti dubartoota dirqiin gudeedaman keessa ijoolleen hanga ganna 14 keessatti argamu.

Yakkoonni kunneen bakkeewwan Cinaa fi Qobboo jedhamanitti Xumura Hagayyaa fi jalqaba Fulbaana bara 2021 wayita humnoonni TIgraay naannawa san to'atanii turanitti raawwatame jedha gabaasni kun.

TPLF gabaasa Aministii Intarnaashinaal kana keessatti himannaa irratti dhiyaateef deebii yoo kennu humnootni isaa badii akka kanaa raawwatuu isaanii yoo mirkaneeffate warra badii kana geessise irratti tarkaanfii malu akka fudhatu hime.

Haata'u malee yakka nama nagaarratti raawwatu maraaf kan gaafatamuun irra jiru bulchiinsa MM Abiy Ahimadi jechuun himateera.

Yakki humnootni mootummaa Itoophiyaa dhalattoota Tigraay irraan gahan jedhe ''gara hin qabu'' kan jedhu gabaasichi qaamni walabaa akka qoratus irra deebiin gaafateera.