Big Jet TV: Viidiyoon balaliistonni xiyyaara qubachiisuuf yoo rakkatan waraabame ajaa'iba ta'e
Yuutubiin buufata xiyyaaraa UK Hiitroowitti xiyyaaronni yeroo qubatan kallattiin viidiyoodhaan agarsiisu akka tasaa xiyyaara akkaan qubachuuf rakkatu argate.
Nami imala qilleensaa jaalatu Jeeri Daayar viidiyoodhaan xiyyaarri bubbee sa'aatii tokkotti 112km saffisu gidduudhaa yeroo qubachuuf rakkatu waraabee addunyaan waliin gaheera.
Tamsaasi kallattii yeroo xiyyaarri qubatuutti dhihaatuufi rakkatu agarsiisu erga takkaa namoonni 200,000 ol daawwachaa turan.
Daayer BBC'tt akka himetti taaten inni waraabe baay'ee bareedaadha. Bubbeen hamaa Storm Eunice jedhanii waaman UK yaachiseera.
Gaafa Jimaataa Daayar xiyyaaronni dhufanii yoo qubatan baaxii konkolaataa gubbaa dhaabatterraa kallattiin agarsiisaa ture.

Viidiyoon xiyyaarri akkaan rakkatu waraabe waan ajaa'ibaa ta'u BBC Radio 2'tti hime.
''Haalichi tasgabbaa'aa ture. Qophii bareedaa sa'aatii dheeraaf tureefi namoonni fiixee addunyaa mararraa daawwataa turan,'' jechuun balaliistotaafi hojjetoota kaan galateeffate.
Haala bubbee jiru kan hime Daayar wanti guddaa ''ga'umsa balaliisaafi akkaataa isaan xiyyaaricha to'atan agarta,'' jechuun waan taajjabe hima.
Xiyyaaronni si'a sadii yaalanii yoo qubachuu hin dandeenye gara kaanitti maquu qabu jechuun gaafa Jimaataa taateen akkanaa irra deddebiin mudachuu dubbate.
''Xiyyaaronni hedduu sochii qubachuuf taasisan dhaabaa turan,'' jechuun hime.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa viidiyoo kallattii kana daawwachaa turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Xumura maxxansa X, 2

Xumura maxxansa X, 3

Xumura maxxansa X, 4

Xumura maxxansa X, 5
Daayar kana dura akka dubbatetti dhihoo buufata xiyyaaraa Hiitrow guddate. Jaalala xiyyaaraas ijoollummaan horate.
Bara 2015 firri isaa weellisaan Bruce Dickinson akka gara Landan imalu itti hime. Kanas Tiwiitara gubbaa kallattiin dabarsee namoonnis yaada gaarii kennaniif.
Eegasii gara Yuutubitti goruun kallattiin dabarsaa jira. Lakkoofsi hordoftoota isaas akkaan dabale.