Xiyyaarri elektirikii 'addunyaa irratti isa saffisaadha' jedhame yaalii taasise

Madda suuraa, Rolls-Royce
Dhaabbati Rolls-Royce, xiyyarri isaa Spirit of Innovation jedhamu, addunyaa irratti xiyyaara elektirikiin hojjatu isa saffisaa akka ta’e hime.
Dhaabbatichi – kan waajjirri muummee geejjiba xiyyaaraa isaa UK, Derbii keessatti argamu – akka jedhuttti, xiyyaarichi balalii yaalii taasiseen saffisa olaanaa sa’aatii tokkotti km 623 balali’eera.
Fageenya adda addaa sadiin rikoordii addunyaa cabseera jedhamee yaadama.
Lakkoofsi kun akka mirkaneeffamuuf gara Federeeshinii Ispoortii Qilleensaa Addunyaatti ergameera.
Balaliin yaaliii kun Sadaasa 16 irratti, wiirtuu yaali balalii Boskomb Daawon, Amesburii, Wiiltishaayer jiru keessatti gaggeeffame.
Xiyyaaricha saffisa kanaan kan balalisee hogganaa sagantaa balalii fi paayileetii Fiil Odeel jedhamudha.
“Kun seenaa hojiikoo keessatti yeroo isa guddaadha, akkasumas kun gartuu keenya guutuuf milkaa’inadha,” jedha.
Dhabbati Rolls- Royce akka jedhutti xiyyaarri kun, rikoordii bara 2017’tti Xiyyaara elektirikii Simens Extra 330 LE Aerobatic jedhamuun qabamee ture saffisa sa’atii tokkotti km 132 fooyyessuun danda'ameera.
Xiyyaarri kun saffisa 555.9 km/h qabatee gara km 3’f akkasumas saffisa 532.1 km/h qabatee ammo kiloomeetira 15'f balali’uu danda’eera.

Madda suuraa, Rolls-Royce
Akkasumas gara olkaa’insa meetira 3,000 sakandii 60 keessatti ol balali’uunis rikoordii cabseera jedhamee yaadama.
Xiyyaarri kun annisaa elektirikii kiloowaatii 400 fayyadama.
Dabalataanis xiyyaarri kun baatirii guddaa xiyyaraaf tolchame kan annisaa bilbiloota 7,500 chaarjii gochuu danda’u akka qabu, Rolls- Royce himeera.
Hogganaan olaanaa Rolls-Royce, Waaren Iisti, “fedhii addunyaan COP26 irratti tarkaanfii fudhachuuf qabdu hordofuun, kun ‘xiyyaara gaasii hin maddisiisne (jet zero) omishuu dhugoomsuu irratti tarkaanfii guddaadha,” jedhan
“Kun geejjiba qilleensaa, lafaa fi galaanaa kaarboonii irraa bilisa ta’e uumuuf fedhi hawaasni qabuuf teeknolojii dhugoomsuu danda’u uumuun galma keenyadha.”
Dhabbati Fédération Aéronautique Internationale (FAI) dhiyootti Rikoordiin Addunyaa kun galmeeffamuu isaa kana ni mirkaneessu abdii jedhu Rolls-Royce qaba.












