Daa’imni reefuu dhalate qodaa kosii Xiyyaara Morishees keessatti argame

Daa'ima reefu dhalate
Ibsa waa'ee suuraa, Haatiifi daa'imni fayyaa akka ta'an himameera
    • Barreessaa, Yaasin Mohaabuth
    • Gahee, BBC News, Moorishiyees

Hojjettoonni Xiyyaara Morishiyees daa'ima reefuu dhalate qodaa kosiin itti gatamuu kan mana fincaanii keessa jiru keessa kaa'ame argan.

Dubartiin ganna 20 lammii Madagaskaar taate xiyyaara irratti dahuun shakkamtee to'atamteetti.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Moorishiyees Madagaaskaar irraa ka'e buufata xiyyaaraa Sar Sewosaagur Ramgolaam jedhamuufi Moorishiyees argamutti gaafa Sambataa qubate.

Qondaaltonni buufata xiyyaaraa yeroo sakattaa taasisanitti daa'ima kana argatan.

Jalqaba waraqaa mana fincaanii dhiigaan laaqame argani.

Eegasii daa'ima gatame fuudhuun hospitaala ummataa dhihoo jiruutti wal'aansaaf geessan.

Buufati xiyyaaraa taatee raawwateerratti imaltoota qorateera.

Haati mucaa dahuun shakkamtee gaafatamtuus akka hin deenye dubbattee turte.

Haa ta'u malee, qorannoo medikaalaa booda daa'imicha dahuun ishee mirkanaa'eera.

Yeroo ammaa hospitaala keessa to'annoo poolisii jala jirti.

Ishiifi daa'imi ishee garuu nagaa akka ta'an himameera.

Lammiin Madagaaskaar eeyyama hojii waggaa lamaa qabattee Moorishiyees seente kuni erga hospitaalaa baate booda daa'ima deessee gatuun ni himatamti jedhamee eegama.