Muddama Yukireen: Nato'n dhimma Yukireen irratti rakkoo hammaataa dhalachuu maluuf qophiidha jedhe

Madda suuraa, EPA/RUSSIAN DEFENCE MINISTRY
Hoogganaan Nato Janaraal Jeens Istooltenbeerg marii Beeljiiyeem Biraaselsitti guyyoota lamaaf gaggeeffamuu eegale irratti muddamni jiru gama dippiloomasiin hin furamu yoo ta'e wanna hammaatee dhufuuf qophiidha jedhan.
Ibsa miidiyaaleef kennan irratti Raashiyaan dippiloomaasiidhaaf carraa ni kenniti yoo ta'e dubbachuuf qophiidha jedhan.
''Wanni gaariin akka ta'u cimnee hojjenna, mariin furmaata siyaasaa argamu irratti, haata'u malee wanna hammaataa Raashiyaan Yukireeniin weeraruun dhufuufis qophoofneerra.''
Itti dabaluun lakkoofsi loltoota Raashiyaa daangaa Yukireenitti imalanii dabalaa jiraa jedhan.
Janaraalli kun kana kan dubbatn Raashiyaan muddama jiru laaffisuuf loltoota ishee baasaa jiraachuu ibsuu ishee booda dha.
Hoogganaan Nato kun Raashiyaan waadaa galte kana raawwachuu isheef ragaan akka hin jirreefi loltoota malee meeshaalee waraanaa guguddaa baasaa hin jirtu, loltootammoo salphumatti deddeebisuu dandeessii jechuun shakkii qaban ibsan.
Pireezidantiin Yukireen Vooldimiir Zeleniskiin bakka shaakallii waraanaa Lixa Yukiireenitti argamurraa BBC'f ibsa kennaniin'' Dhugaa dubbachuuf qabatamaa lafa jiruuf deebii kennina. ammatti loltuuwwan bahan hin agarre. Ni dhageenye male wanti mul'ate hin jiru'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''namni nagaan hunduu muddamni kun akka tasgabba'u fedhaa'' jedhan.
Muddama kana tasgabbaa'anii ilaalaa akka jiraniifi ta'iin kun kan kaleessa dhalate osoo hin taane waggoota hedduuf kan ture ta'uu dubbatan.
Yukireen guyyaa har'aa guyyaa tokkummaa kabajaa kan jirtu yeroo ta'u, lammiileen hundi alaabaa biyyattii akka mirmirsaniifi riibaanii halluu cuquliisa fi keelloo akka uffatan gaafataniiru.
Kun kanaan osoo jiru Raashiyaan dhaadannoo UK' qoqqobbii irra kaahuuf gooteef deebii kenniteetti.
Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sarjee Laavroov UK'n qoqqobbii haaraa Raashiyaarra ni keessi yoo ta'e isaanis haaloo akka bahan dubbatan.
Muddama Yukireeniin walqabatee biyyootni Lixaa biroon faana UK kan hordofan yoo ta'e Raashiyaan kana calliftee hin laaltu jedhan.
Mootummaan UK Raashiyaan Yukireeniin ni weerarti yoo ta'e namoota dhuunfaa fi dhaabbilee daldalaa Raashiyaarraa qoqqoobbii kaahuuf akka ta'e ibsite.
Raashiyaan gama isheen pireezidant Vilaadmiir Puutiin ammallee mariifi dippiloomasii irra filatuu jetti. Pireezidantiin US Joo Baayidan mariif fedha qabaachuu isaanii akka faara gaariitti ilaalti jedha gabaasni Rooyitarsi.













