Muddama Yukireen: Yukireen balaliin akka hin cufamne doolaara biliyoona 16 ol ramadde

Madda suuraa, SERGEI SUPINSKY
Raashiyaa waliin muddama keessa kan galte Yukireen daandileen qilleensaa balalii akka hin dhaabne deeggarsa maallaqaa akka gootu beeksifte.
Daandiin qilleensaa KLM yaaddoo nageenyaaf jecha gara magaalaa guddoo Kiyeev balali'uu adda kutuun daandii qilleensaa jalqabaa yeroo ta'u, Yukireen daandileen qilleensaa biroonis tarkaanfii kana fudhachuu malu yaaddoo jedhuun daangaan qilleensaa ishee akka hin cufamneef daandilee qilleensaaf deeggarsa maallaqaa akka gootu ibsite.
Deeggarsi Yukireen gochuuf jirtu daangaa qilleensaa ishee keessatti nageenyummaa daandilee qilleensaa mirkaneessuufi.
Baasiin inshuraansii daandilee qilleensaa waan dabaluuf daandileen qilleensaa kaanis tarkaanfii KLM fudhachuu malu jedhamaa jira.
Hoogganaa itti aanaan waajira pireezidantii Yukireen Kiriil Tiymoosheenkoo baasiiwwan inshuraansii kana gariin akka kaffalan beeksisan.
Maxxansa isaanii Feesbuukiin Tiymoosheenkoo qilleensa ''Yukireen keessatti nageenya daandilee qilleensaa mirkaneessuuf jecha maallaqa ramaduuf qophiidha'' jedhan.
Mootummaan Yukireen bajata isaa 'Reserve Fund' irraa maallaqa nageenyummaa daandilee qilleensaa mirkaneessu dhaabbilee inshuransii, kaampaaniiwwan kireessaniifi daandilee qilleensaaf akka gadhiisu himan.
Yukireen daangaan qilleensaa ishee yeroo muddamaa kanatti banaa akka turu doolaara biiliyoona 16.6 ramadde.
Walitti bu'iinsa Yukireeniif Raashiyaa gidduutti dhalateen bara 2014 daandiin qilleensaa Maaleeshiyaa Amistaardaamirraa gara Kuwaalaa Laampuur imalaa ture Baha Yukireenitti rukutamee namootni keessa turan 298 fi hojjettootni xiyyaaraa hundi dhumaniiru.
Muddama alanaa yaalii dippiloomasiin osoo hin laafiin hammaachaa jiru kana sababeeffachuun kaampaniiwwan Awurooppaa xiyyaarota isaanii daandilee xiyyaaraa Yukireeniif kireesssan imalli gara daangaa Yukireen godhamu akka haqamu gochaa jiru.
Daandiin qilleensaa Jarman Luftaanzaanis imala gara Yukireen godhamu adda kutuuf akka jedhu ibseera. Biritish Air ways kan Landanii ka'ee gara biyyoota Eeshiyaa imalu erga wiixataa daangaa Yukireen keessa qaxxaamuruu dhiiseera jedha Rooyitarsi.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee daandiin xiyyaaraa Wizz ammatti imala isaa Yukireen irraa ka'uufi Yukireen qubatu hunda karoora qabateen gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Ragaan FlightRadar24 akka agarsiisutti daangaan qilleensaa Tarkii fi kan Raashiyaa imalli itti baayateera gama Yukireeniin kan jiru garuu sochii hedduu hin qabu.
Rooyitarsi gorsaa pireezidantii Yukireen waabeffatee akka gabaasetti filannoon daandilee qilleensaa kan fedhe yoo ta'e, Kiyeev daangaa qilleensaa ishee hin cuftuu jedhaniiru. Wanti amma jiru uggura gartokkee jedhamuu danda'a jedhan.
Muddamni Raashiyaafi Yukireen akkasumas michoota Yukireen gidduu dhalatee damee balalii qilleensaa qofa osoo hin taane qooda gabaa idila addunyaarrattis dhiibbaa taasisaa jira.
Dabalatan biyyootni akka US, UK fi Jaramaniin lammiileen isaanii Yukireenii akka bahan warra dhaaman keessaati.
Mooskoon daangaa Yukireen waliin qooddattuutti loltoota ishee 100,000 qubachiiftee, yaada weerara banuu hin qabuu jetti.
Yukireeniifi michootni ishee warra Lixaa ammoo qophiin weerara banuu gama Mooskoon hedduu dabaluu himuun akeekkachiisa dhaamu.













