Rakkoo Yukireen: Raashiyaan loltootashee daangaa irraa sochooseera jettulleen yaaddoon akkuma jiruutti jira jedhu Baayidan

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan loltootashee daangaa Yukireen irraa boobbaafte ture keessaa hanga tokkoo gara boodaatti deebisuu beeksiiftulleen, pirezidaantiin Baayidan garuu ammalleen yaaddoo Raashiyaan Yukireen weeraruu dandeessi jedhu qabaachu himan.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan carraan Raashiyaan weerara raawwachuu akkuma jiruutti jira erga jedhaniin booda, miidhaan namoomaa weeraricha hordofuun qaqqabuu maluu olaanaa ta'u akka danda'u akeekkachiisan.
Ameerikaa dabalatee biyyoonni Awurooppaa Raashiyaan daangaa Yukireeniitti loltoota kuma 150 ta'u akka bobbaafte himu.
Ministirri Ittisa Raashiyaa gama isaaniitiin miseensota waraanaa biyyattii gara daangaa Yukireeniitti dhiyeessite keessaa muraasa sochoosuu ibsanii ture. Baayidan garuu kun hin mirkanoofne jedhu.
''Loltoonni Raashiyaa naannicha gadhiisanii bahuunsaanii gaarii ta'ee osoo jiruu, kun ta'unsaa garuu hin mirkanoofne'' jechuun dubbatan.
''Xinxaltoonni keenya ammaalleen naannichii haala yaaddeessaa keessatti akka argamu mul'isaniiru'' jedhan Pirezidanti Baayidan.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan haaluma walfakkaatuun MM Raashiyaa Sargeeyii Laaviroov waliin marii karaa bilbilaatiin taasisaniin, Raashiyaan waraanashee daangaa Yukireen irraa sochoosuu isheetiif ragaa akka kennituuf gaafataniiru.
Haasaan Baayidan kun kan dhagahame, erga Vilaadmiir Puutiin bulchiinsi isaanii dhimma nageenya biyyasaanii xiyyeeffannaa addaatiin akka ilaalan erga dubbataniin booda ture.
Vilaadmiir Puutiin biyyisaanii Raashiyaan Yukireen weeraruuf gonkumaa karoora akka hin qabne irra deddebiin yoo dubbatan dhagamu.
Haata'u malee Puutiin loltoota gara kuma 100 ta'an gara daangaa Yukireeniitti siqsuun isaanii naannichatti muddama olaanaa uumeera.
Yukireen miseensa Nato akka hintaane Puutin mirkaneeffachuu barbaadu. Naton naannichatti cimuunsaa Raashiyaaf yaaddoo akka ta'eetti ilaalu Puutiin. Naton garuu yaaddoo Raashiyaa kana hin fudhatu.
''Ummanni Ameeriikaa dimookiraasiifi bilisummaa mirkanneessuuf aarsaa kanfalamu ni hubata. Kun ammoo miidhaa malee akka hin dhufne itti fakkeessuu hin barbaadu,'' jechuun dubbataniiru Baayidan.
Ministirri Mummee UK Booriis Joonsan gamasaanitiin maddeen biyyasaanii Raashiyaan daangaa irratti hospitaala yeroo ijaaraa jiraachuu himu.
MM Joonsan toora tiwitara isaanii irratti akka ibsaniitti, sochiin ijaarsa hospitaala kunis qaama karoora weerara raashiyaa ta'u mul'isa jedhaniiru.













