Namtichi otoo lubbuun jiruu boolla awwaalchaa qopheeffate maatii rifaasise

Boolla awwaalchaa ijaarame
Ibsa waa'ee suuraa, Boolla awwaalchaa ijaarame

Namtichi lammiin Taanzaaniyaa du’a isaaf dursee qophaa’uuf jecha boolla awwaalchaa qopheeffate jiraattota mandara isaatii naasise.

Maqaan namticha kanaa Paatrik Kimaroo yoo ta’u, nama umriin ganna 59 yoo ta'u poolisiidha.

Paatrik Kimaroo akka jedhutti maatiin isaa murtoo inni fudhate kana sududaan simataniiru, hawaasni namtichi kun keessaa dhalate gocha isaa akka waan badaa ykn cubbuutti ilaalani.

Qomoon Aab Kimaroon keessa dhalatee naannoo Kilimanjaaroo kan jiraatan yoo ta’u, hoggantoonni hawaasa inni keessa dhalatee ‘nan du’a jedhamee boolli hin qotamu, yoo qotame immoo boolli yeroo dheeraaf duwwaa hin turu’ jedhan.

Namni kun BBC Siwaahilitti akka himetti, boolla qopheeffachuu kan eegale ji’a Amajjii darbe keessa yoo ta’u, yeroo du’u maatiin isaa baasii awwaalcha guddaa akka hin baafne baraaruuf ta’uu hime.

Maatii iddoo boolla awwaalcha sana taa'anii haasa'an
Ibsa waa'ee suuraa, Maatii iddoo boolla awwaalcha sana taa'anii haasa'an

‘’Maatiin keessatti ilma angafa dhalate ta’ukoo irraan kan ka’e, garaa garummaa ji’oota jaha hin caalle gidduutti warri narraa duunaan awwaaluuf rakkoo jabduun arge, kanaaf ijoolleen koo rakkoo walfakkaatu hin argiin jedheen kana raawwadhe’’ jedhe BBC Iswaahilitti hime.

Kana qofayyuu miti, Aab Kimaroon maallaqa sanduuqa reeffaa bituuf oolu olkaa’uuf karoorsuufi erga du’ee booda baasii biraa awwaalcha isaan walqabatan maatiin isaa akka walitti qabu danda’an abdata.

Boolla awwaalchaa ijaarame

Aab Kimaroon balaawwwan umamaa kanneen akka lolaa fa’aa bollaa awwaalcha isaa tarii yoo mancaasaniif jecha wabiin fayyaa ykn insuraansii seenuuf karoora qaba.

Iddoo awwaalcha kana qopheessee xumursiifachuuf doolara Ameerikaa 3,000 itti baase.

Waardiyyaan mana Aab Kimaroo akka himetti yoo ta’e, erga boolli mooraa keessatti qotamee booda warri ollaa muraasni qe’ee isaanii dhaquurra of qusataniiru.

Miseensonni maatii muraasni garuu iddoo boolla awwaalchaa kana ta’aani haasa’a turani.