Muddama Yukireen: Raashiyaan Beelaaruus waliin shaakala waraanaa guyyoota 10 gochuufi

Humnoonni Raashiyaa daangaa Yuukireen irratti walitti qabamuun wal qabatee yaaddoon guddaan osoo jiruu, Raashiyaa fi Beelaaruus shaakala waraanaa guyyoota 10f turu eegaluuf jedhu.

'Kooldi Waar' booda bobbii guddaa Raashiyaan gara Beelaaruus - biyya miseensa duraanii Sooveetitti gootudha jedha NATOn.

Ameerikaan shaakalli waraanaa kun muddama dhimma Yukireen irratti jiru "kan hammeessu" ittiin jette.

Raashiyaan loltoota 100,000 ol daangaa Yuukireen irratti walitti haa qabduyyuu malee, irra deddeebiin Yuukireen weeraruuf yaada akka hin qabne himteetti.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa tokko tokko garuu Raashiyaan tasa haleellaa eegaluu malti jechuun akeekkachiisaniiru.

Bara 2014 Raashiyaan odola Kibba Yuukireenitti argamtu Kireemiyaa qabatte. Ergasii Baha Yukireen keessatti finciltoota foxxoquu fedhan kan Raashiyaan deeggartuu fi mootummaa Yukireen jidduutti lola adeemaa jiruun namoonni 14,000 ol ajjeefamaniiru.

Shaakala waraanaa Beelaaruus waliin godhamu kanarratti loltoonni Raashiyaa 30,000 ta'an ni hirmaatu jedhamee eegama.

Hogganaan Beelaruus Aleeksaandar Lukaashenkoo michuu cimaa pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinidha.

Bara 2020 filannoo booda mormii Beelaaruus keessatti ka'een wal qabatee, biyyoonni hedduun bu'aan filannoo hatameera jechuun wayita biyyattiira qoqqobbi kaa'anii fi bu'aa filannichaaf beekamtii kennuu didan, Raashiyaan Lukaasheenkoo deeggartee turte.

Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa waa'ee shaakallii waraanaa waloo kana yoo dubbatan, Beelaaruus fi Raashiyaan "aggaammii hin eegamnetu itti dhufe" jedhan.

EUtti ambaasaaddarri Raashiyaa Vilaadimiir Chizhoov garuu biyyi isaanii ammallee muddama Yukireeniin wal qabatee uumame karaa dippiloomasii furuun ni danda'ama jettee akka amantu BBCtti himan.

Loltoonni Raashiyaa amma Beelaaruus keessa jiran shaakala akkuma fixaniin gara buufata isaaniitti deebi'us jedhan.

Dubbi himtuun Waayit Haawus Jeen Saakii, "Shaakala waraanaa kana akka muddama hammeessutti malee akka laaffisuutti hin ilaallu" jedhan.

Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakiroon mariin rakkoo jiru furuu irratti xiyyeeffate Kamisa irra akka eegaluufi Raashiyaa fi Yukireen dabalatee Firaans fi Jarman akka irratti hirmaatan himan.

Dhimmicha jaarsummaan furuuf qabatanii kan Jiran pireezidant Maakiroon, Puutiin loltoonni Raashiyaa muddama jiru akka hin hammeessine naaf mirkaneessaniiru jedhanis, Raashiyaan nuti waadaa akkasii hin seenne jette.

Jaarsummaan Maakiroon mudda Yukireen hammaataa jirutti furmaata ni fida jedhamee eegama.