Yukireeniin weeraruuf Raashiyaan %70 qophofteetti jedhan maddeen US

Loltuu Raashiyaa Batinaakulaariin naannoo isaa ilaali

Madda suuraa, TASS/Getty Images

Rashiyaan weerara guutuu Yukireen irratti torbanoota dhufan keessatti gaggeessuuf qophii dandeetti humna waranaa ishee %70 irra geesseetti jedhan qondaaltonni US.

Guraandhala keessa halli qilleensaa jijjiirame lafti cabbiin jabaachuu isaa waan hin oolleef, Moskoon meeshalee gurguddoo yeroos fiduu malti, jedhu qoondaltonni US eenyummaan isaani hin ibsamne.

Raashiyaan daangaa Yukireen irratti loltoota 100,000 ol qabdi jedhame yaadamus, weerara karoorfachaa jiraachuu garuu ni haalti.

Qondaaltonni US kun himata isaanii kanaaf ragaa hin dhiyeessine.

Odeeffannoon kun hordoffii tikaa irratti kan hunda’e ta’uu himuun, dhimmichi waan rakkisaa ta’eef garuu odeeffannoo dabalataa kennu akka hin dandeenye eeruun, miidiyaan US gabaaseera.

Dabaluunis qondaltonni US kun, pireezdaantiin Raashiyaa Viladmiir Putin, Yukireeniin weeraruuf karoorsuu isaa akka hin beekneefi ammayyuu furmaata dippiloomasii irra ga’amuun akka danda’amu ibsaniiru.

Haalli qilleensaa jiru Raashiyaan Guraandhala 15 hanga dhuma Bitootessaa gidduutti meeshalee ishee akka sochooftuuf eeyyamuu mala jechuun qondaaltonni US lamaan Reuters’tti himaniiru.

Akka gabaasaaleen eeranitti, weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessituun namootni nagaa 50,000 ta’an du’uu akka danda’an, qondaaltonni kun akeekkachiisaniiru. Dabaluunis, weerara kanaan magalaan gudditti Yukireen, Kiyeev guyyoota muraasaa gidduutti akka kufuu dandeessuu fi kunis namootni miiliyoonaan lakkaa’aman waraanaa irraa baqatanii Awuroppaa keessatti rakkoon baqattoota uumamuu akka malu tilmaamaniiru.

Humnoota Nato naannicha jiran waliin waraanni Lixaa akka dhabbaatu agarsiisuuf looltoonni US dabalataa Pooland qubbachaa jiru.

Gartuun loltootaa jalqabaa kibbaa-lixaa biyyatti Rizeszoow Sanbata seeneera. Bulchiinsi Baayden guyyoota muraasa dura akka beeeksisetti looltoota dabalataa 3,000 ta’an gara lixa Awuroppaatti ni erga.

Mooskoon looltonni ishee naannicha kan qubatan leenjiif akka ta’e himus, Yukireenii fi waayilootni ishee Lixaa garuu biyyattiin haleellaa gaggeessuuf akka qophaa’aa jiru yadda’uu itti fufaniiru.

Waldhabdeen kun dhufe erga Raashiyaan bulchiinsa Yukireen Kirimiyaa foxxoqsuun, warraaqsa hamaa Donbas keessa ture deeggarte gara waggootii saddeet booda dhufe.

Raashiyaan mootummaan Yukireen, waligalteee Miniskii hojiirraa hin olchine jechuun himatti. Waligalteen idil addunyaa kun, baha keessatti bakka finciltoonni Raashiyaan deeggaraman naannolee tokko tokko to’atanii fi bara 2014 irraa eegalee yoo xiqqaate namootni 14,000 itti ajjeefaman keessatti nagaan akka bu’u kan eerudha.

Raashiyaan, Yukireen miseensa Nato akka taatuuf eeyyamamuu hin qabdu jechuun falmiti.

Morkiin Raashiyaa fi US gidduu jiru, kan lameenuu meeshaa waraanaa nukilarii addunyaa guddaa qaban, yeroo waraanaa ‘Cold War’ jedhamuu kan jalqabedha. Yukireen qaama ijoo bulchiinsa komunistii Soveet Yuniyeeni turte.