Shamarree tiruu ishee hanga tokko nama biraaf arjoomuun haadha ishee du’a oolchite-Devezaa

Madda suuraa, ALIANA DEVEZA
Aliyaana Devezaa jedhamti, umriin ishee ganna 19 wayita ture lubbuu haadha ishee du’a oolchuuf wal’aansa baqaqsanii yaaluu qindeessite, wal’aansi baqaqsanii yaaluu isheerrattis gaggeeffameera.
Aliyaanaan yeroo jalqabaatiif Ameerikaatti hospitaalatti namoonni qaama arjooman qaamoota wal hin fakkaanne waliif arjoomuu akka danda’an amansiisuu dandeesse.
Aliyaana Devezaa akkas jette;‘’jalqaba akkan wal’aansarraa dammaqeen haatiikoo wayyaa qabdii ? maal keessa jirti? jedheen gaafaadhe’’jette.
‘’Waa’een koo kana booda nan yaaddeesine, dhukkubbiin keessa darbe irrattin waanin xiyyeeffadhe natti fakkaata. Namni hundi wal’aansa baqaqsanii yaaluu keessa darbuu isaanii wayitan dhaga’u irra deebi’ee harganuu danda’e’’ jette.
Aliyaanan namni kamiyyuu wayita jettu waa’ee ishee fi kan haadha isaa dubbataa hin jirtu.
Sababni isaas dubartoonni lama waliif obbolaa ta’an wal’aansi baqaqsanii yaalu taasifameefi jira.
Qaamni Aliyaanan arjoomtu tokko dubbartoota obbolaa lamaan keessaa ishee tokkoof kennama. Kaleen dubartoota obbolaa lamaani keessaa kan ishee tokko immoo haadha Aliyaanaf kennama.
Namoonni lamaan kunneen, kanneen biroo miseensa maatii isaanii du’aarraa baraaruuf qaama isaanii arjooman.
Wal’aansii kun dhamaatii waggaa lamaa booda milkaa’e. Aliyaanan haadha ishee Erosaliyiin jedhamtu diyaalisisii kalee waggaa dheeraa, dhukkubbii fi du’a yeroo malee irra qaqqabuu danda’uurraa baraarte.
Kaleen keenya qaama namni lubbuun jiru tokkosaa nama biraaf kennuu danda’u.
Baayyeen keenya kalee lama waliin dhalannee,garuu akka hojjatuuf kan barbaadamu tokkoo isaati.
Namoonni kaleen argachuu barbaadan si’a heddu nama jaalatan irraa fudhachuu hin danda’an, otoo namtichi arjoomuuf fedha qabu.
Bara 2019 addunyaarratti qaamotni 150,000 baqaqsanii wal’aanuun namootaa biroof bakka buusuun danda’ameera. Sirni namoota kale arjoomaniifi barbaadan walitti fidu dhibaa ture.
Alvin Rooth bara 2012tti badhaasa Noobeelii karaa ikonoomiksii kan argate [qooddate] sirna namoonni akka kalee isaanii arjoomanii fi namoonni kalee argachuu barbaadan ittiin argatan irratti hojjatee badhaasaaf gahe.
Alvin Rooth akkas jedhe;’’qaamonni yoo garaa garummaa qabaatanillee, kalee nama jalaataniif arjoomuun du’aarraa oolchuun ni danda’ama’’ jedha.
Haata’u malee, yeroo tokko tokko fayya-buleessaallee ta’anii namoonni kalee isaanii nama jaalatan biraaf gumaachuun yeroon hin danda’amne akka jiru hime.
Kanaaf jecha Alvin Rooth sirna namoonni kalee arjooman qaama arjooman wal geeddaruu danda’an (kidney swaps) hiriyoota isaa waliin ta’uun akka bal’atu taasise.
Haata’u malee, qaama wal geeddaruun iddoo hundumatti seera qabeessa miti.
Namoonni arjooman cimdii, cimdiin qofa ta’uu hin qabani, yeroo kaan kalee walsimu argachuuf caaseffamni namoota hedduu walitti fidu yeroon itti uumamu jira.
Yeroo tokko namoonni gara garaa 70’n walitti dhufan turan.
Isaan keessaa namoonni 35 kalee isaanii arjoomu, namoonni 35 immoo namoota eenyummaan isaanii hin beekamne lubbuun isaanii akka dheeratu kale barbaadanidha.
Aliyaanaan haadha isheef kalee kan ishee arjoomuu hin dandeenye, sababiin isaammoo hakiimonni rakkoon kalee haadha ishiitii qaccee dhalootan walqabachuu mala yaaddoo jedhu qabu turan.
Kanaafuu Aliyaanaan haatii ishee kalee haaraa kan biraa akka argattuu yaadde, garuu yeroo gahaa hin arganne.
Kanaaf qorannoo gaggeessuun, tiruu ishee irraa qaama hanga tokko arjoomuun, kalee arjooman argamu bakka buusuufiin akka danda’amu hubatte.
Aliyaanaan akkas jette;’’ Gosa qaamaa namni tokko otoo lubbuun jiruu arjoomuun danda’amuun qoradhe. Tiruun kan baayyee eeraman keessa jira ,’’jette.
Aliyaanaan sadarkaa himamsaatti yoo ta’e malee wal’aansa baratameen garuu akka hin kenname hin beektu turte.
Hospitaalotatti bilbiluun tiruu isheerra hanga tokko nama biraaf kennuun, eega isaammoo nama haadha isheef kalee arjoomu gaafataa turte.
Hospitaalonni muraasni waan isheen gaafatte hubachuuf rakkachuu himte. Adeemsa keessa garuu ogeessa sirnaan ishee hubatu argatte.
Joon Roobert sarjinii Yuunvarsitii Kaalifoorniyaa, Saan Firaansiiskootti argamuti. ‘’Yaadan ani kaaseef narkatti hin busheessine’’ jetti.
Aliyaanaan maatiin koo dhimma kanaaf balaa keessa akkan seenu hin barbaadani ture jetti. Deeggarsa hospitaalichaatiin obboloota durbaa lama arganne jette.
Obboloettiin dubartoota obbolaa lamaanii keessaa tokko tiruu Aliyaanaa hanga tokko argatti, haatii Aliyaanaa immoo kalee obboleettii dubartoota lamaanii keessaa ishee tokko argatte.
Aliyaanaan kana raawwachuu isheetti gaabbii akka hin qabne himteetti.
‘’Namoonni qaama arjoomuurraa kan baqataniif sababa sodaan dhimma kanaan walqabatu jiruufi,’’jette Aliyaanaan.
‘’Wal’aansa baqaqsanii yaaluu guddaa ture, waanti balaaf nama saaxiluus tureera, garuu kana hubatanii garee si degggaruu waliin adeemsa kana keessa darbuutu fayidaa qaba,’’ jette.















