Obomboleettiin Ana jedhamu Maalaawii, Maadagaaskaar fi Mozaambikitti lubbuu hedduu galaafate

A woman looks for her belongings, after the Tropical Storm Ana hit the district of Tete, Mozambique, 27 January 2022.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Mozaambikitti dubartiin kun jijjiigaa keessaa meeshaa jalaa bade barbaadaa jirti

Obomboleettiin Ana jedhamu biyyootii kibba Afrikaa erga rukutee lolaa uumameen namootni 70 ol lubbuun isaanii darbe.

Madagaskaar keessatti yoo xiqqaate namootnii 48 yoo du’an namootni 130,000 ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’uuf dirqamaniiru.

Maalaawii keessatti ammoo yoo xiqqaate namootni 11 yoo du’an, guutummaa biyyattiitti rakkoon ibsaa addaan cituu qunnamuun, naannoleen tokko tokko zoonii balaa jedhamaniiru.

Mozaambik keessatti namootni 18 du’uun isaanii gabaafameera. Obomboleettiin Ana, Mozaambik keessatti manneen jireenyaa 10,000 fi manneen barumsaa akkasumas hospitaalota hedduu barbadeesseera.

Obomboleettin kun erga darbeeyyuu roobni fi buubbeen cimaa nannoolee tokko tokko rukutuu itti fufeera.

Ministirii Muummee Mozaambik Karlos Agostiino do Rosariyoo, biyyattiin gargaarsaaf kadhachaa hin jirtu – garuu rakkoon kun dandeetti biyyaa kamuu olidha jedhaniiru.

Dabaluunis balaan uumamaa dabalaa deemaa akka jiru ibsaniiru.

“Nuti jijjiirama qilleensaa uumamuu irratti hedduu hin gumaachinu, ta’us garuu dhiibbaa kanaan biyyoota hedduu miidhaman keessaammo tokkodha,” jedhan.

A view on destroyed house after Tropical Storm Ana hit the district of Tete, Mozambique, 27 January 2022

Madda suuraa, EPA

Gargaarsi idil addunyaa akka godhamuuf kan gaafatan yoo ta’u – Unicef, biyyattiitti namoota 45,000 gargaarsa namoomaa barbaadan gargaaruuf hojjattoota akka ergaa jiru ibseera.

Maalaawiin labsii balaa uumamaa biyyaaleessaa labsiteetti. Lolaan manneen hedduu barbadeessuun sarara elektirikii yemmuu jijjigseetti magaaloota hedduu dukkana keessatti hambisee ture. Guyyootii hedduuf ibsaan addaan citee erga ture amma bakka hedduutti deebi’uu eegaleera.

Wiirtuleen hatattamaa 44 namoota madaa’aniifi namoota kumaatamaan qe’ee isaanirraa buqqa’an gargaaruuf hundeeffamaniiru.

“Kun baayyee nama gaddisiisa. Ilaalaa, obdiin boqqollookoo guutummaatti liqimfameera. Heektaara tokkoo fi wallaakkaa ta’u dhaabee ture. Qonnaankoo guutummaatti badeera,“ jechuun qonnaan bulaa Chikwawa, Maalawii keessa jiraatu, Rooben Mifaasa Reuters’tti himeera.

“Jireenyakootti balaan uumamaa lama na qunnameera. Inni kun garuu isa hamaadha.”

Locals look at a wreck washed away during tropical storm Ana on the flooded Shire river, an outlet of Lake Malawi at Thabwa village

Madda suuraa, Reuters

Maadagaskaar biyya jalqaba Wiixatarra obomboleetti kanaan ruukutamtedha. Manneen barnootaa fi wiirtuuleen ispoortii magaalaa guddittii Antananarivo, namootni qe’ee isaanii irra buqqa’aniif gara wiirtuu hatattamaatti geeddaramaniiru.

“Qabeenya keenya barbaachisoo ta’an qofa qabannee dhufne,” jechuun Bertiin Razafiyarisowaa, kan miseensota maatii isaa 10 waliin wiirtuulee gargaarsa qubate, miidiyaa Agence France Press’tti himeera.

Tajaajilootni haala qilleensaa hedduun obomboleettiin biraa Garba Indiyaa irratti uumamaa akka jiruufi guyyootii muraasa keessatti naannicha rukutuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.