Lafa taphaa Chaayinaa: Obomboleettiin lafa taphaatti ijoolle lama ajjeesee 20 madeesse

Danaa kutaa biyya Chaayinaa Henaan jedhamtu

Giddi-gala Chaayinaa kutaa Henaanitti godoon afuuffee irraa tolfame ijoolleen keessa taphattu sababii obomboleettiitiinh jalaan dhohee samiitti ol ka'uun balaa uumameen ijoolleen lama du'anii 20 ammoo madaa'aniiru.

Oboboleettiin bakka tokkoo dhukkee samiitti ol kaasaa ture tokko uumamee pilaastika qilleensi guutamee ijoolleen keessa taphataa turte lafaa ol kaasuun ture kan rakkoon sun dhalate.

Maatiin tokko miidiyaa biyyaa keessaatti akka himanitti ijoolleen osoo oboboleettii kanaan gara samiitti meetira 20 fudhatamanii booda lafatti kukkufanii argaan ture jedhu.

Aanga'aan Kutaa Biyyattii South China Morning Postitti akka himanitti "harki namaa" keessa jiraachuu ifa miti jedhan.

Aanga'oonni naannichaa dabalanii akka ibsanitti ijoolleen biroo 18 ta'aniifi namoonni ga'eessonni lama wallaansaaf gara hospitaalaa geeffamaniiru. Daa'imni tokko haala yaaddessaa keessa kan jiru yommuu ta'u kanneen biroo ammoo miidhaa salphaatiif yaalamaa jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Obomboleettiin kun Dilbata waaree booda ture kan balaa kana qaqabsiise.

Wanti waraabamee miidiyaalee hawwaasummaa irratti gadi dhiifame akka agarsiisutti, namoonni yeroo pilaastika afuufamee balali'u yeroo obomboleettii kanaan fudhatamuuf jedhuu qabuudhaaf wallaansoo qabanidha.

Oboombolettii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo kanatti pilaastikoota qilleensaan guutamanii akka balali'an ta'an bubbee kanaan ol butamanii qilleensa irra akkuma jiraniin tarsa'an.

Maqaan ijoollee warra du'aniifi madaa'anii ammallee gadi hin dhiifamne. Poolisiin abbaa qabeenyaa pilaastika afuufamee dirraa taphaa ijoollee kana irratti tajaajiluu akka to'annaa jala oolche gabaasni ni agarsiisa.

Obomboleettiin yeroo baayyee awwaara/dhukkee tibba gogaafi ongee kan samiitti ol keesudha.

Balaan qaqqabsiisuu danda'an baayyee xiqqaa ta'us, hanga meetira 10tti babal'achuufi meetira dhibba tokko dheerachuu ni danda'u.