Chaayinaa keessatti 'walabummaan miidiyaa saffisa guddaan gad-deebi'aa jira'

Madda suuraa, Getty Images
Walabummaan miidiyaa Chaayinaa saffisa guddaan gad-deebi'aa jira jedhe gareen ogeeyyii miidiyaa biyyoota alaa kan Chaayinaa keessa hojjetan bakka bu'u.
Waldaan 'Foreign Correspondents Club'(FCC) ogeeyyiin miidiyaa Chaayinaa keessa jiran reebicha, butamuu, duula miidiyaa hawaasummaafi viizaa dhorkamuu fa'aan rakkachaa akka jiran ibseera.
Gaazexessitootni biyya keessaa kan Chaayinaafi Hoongkoong keessa jiranis miidhaaf saaxilamuu isaanii waldaan kun ibseera.
Chaayinaan waldaa ogeeyyii miidiyaa biyyoota alaa kana(FCC) dhaabbata seeraan ala ta'e ittiin jedhee beekamtee dhorkatee jira.
Ogeeyyiin miidiyaa biyyoota alaa hedduun Chaayinaa keessa jiran mootummaarraa dhiibbaa irra gahu sodaachuun biyyattii kan bahan yeroo ta'u kaan isaanii ammoo of eeggannoof jecha karoora yeroo rakkoo tolfatanii hojjechaa jiruu jedha waldaan kun gabaasa baaseen.
Gaazexessitoota biyya alaa qofa osoo hin taane wahillan isaanii Chaayinaallee aanga'oota mootummaan akka hiraarfamaniifi maatiin isaaniis akka dorsisfaman waldichi ibseera.
Lammiin Awustiraaliyaa Cheeng Lii fi lammiin Chaayinaa Haazee Faan ammoo icciitii mootummaatti buutan sababa jedhuun erga hidhamanii waggaa tokkoo ol ta'eera.
''Imaammatni zero-Covid, dhimmi hojjettootaa, muddamni siyaasaa naannoo, wal-amantaan dhibuun fi takka takka ammoo jibbi Chaayinaa keessatti miidiyaalee warra Lixaaf jiru balaa guddaadha'' jedha gulaanaan gabaasa waldaa kanaa keessatti waabeffatame tokko.
Ogeeyyii miidiyaan cinaatti namootni ykn maddeen ogeeyyii miidiyaaf odeeffannoo kennan ni hiraarfamu, gaaffiifi deebiif beellama qabataniis yoo ta'e sa'aa isa dhumaarratti dhiibbaa aanga'ootaan yaada keennuuf dhisuuf dirqamu.
Gaazexessaan biroon gabaasa kana keessatti waabeffatame ammoo maddii odeeffannoo isaa tokko suura iskiriiniirraa kaase eerga ergeefii booda qabamee hidhaan itti muramuu himeera. ''Haalaan nama rifaasis yoom akka gadhiifamu hin beeku'' jedha.
Covid akka sababaatti fayyadamuun hayyama hojiif gara dirree akka bahan kennamu irrattis dhorkaan kaahamuu gabaasni waldaa kanaa ibseera.
Naannolee Chaayinaakeessaa bulchiinsi Shinjiyaang bakka jireenyaa musliimota Uyihuguur taateefi sarbamani guddoon gaheera jedhamutti ogeeyyiin miidiyaa hayyama argatanii yeroo hojiif bobba'an aanga'ootni namoota isaanii duukaa akka hordofsiisan ogeeyyii miidiyaa qorannoo waldaa kanaaf yaada kennan keessaa dhibbeentaan 88 himaniiru.
Bara 2021'tti rippoortarri BBC Chaayinaa ture John Sudworth haala bulchiinsi Shinjiyaang erga gabaasee Taayiwaanitti yoo ce'u poolisoonni huccuu dambii hin uffanne hanga buufata xiyyaaraatti hordofaa turan.
Chaayinaan amma dura miidhaa ogeeyyii miidiyaa biyya alaarra gahu irratti himata waldaa kanaan dhiyaate fudhatama dhabsiifteetti.
Dubbii himtuun Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa Hu'ii Chuunyiing ''gaazexessitootni biyya alaa Chaayinaa jijran akka abbaa carraatti of ilaaluu qabu'' jedhanii turan.













