Yaman: UN haleellaa qilleensaa mana hidhaatti lubbuu galaafate balaaleeffate

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii-UN haleellaa qilleensarraa mana hidhaa Yamanitti raawwateefi lubbuu 70 ol galaafate balaaleffate.

Wiirtuun to'annoo kun bakka Saada jedhamtuufi kaaba-lixa Yaman naannoo finciltoonni Huutii to'atanitti kan argamtudha.

Haaleellaa gaafa Jimaataa raawwatame kana ilaalchisuun Barreessaan Olaanaa UN Aabba Antooniyoo Gutereez ibsa baasaniin, ''haala hammeessuun kun dhaabbachuu qaba,'' jedhan.

Qindoominni Saa'udiin hoogganamuufi finciltoota Huutii wajjiin walwaraanu ibsa Sambata baaseen, haleellaa kana tasumaa hin raawwanne jechuun haaleera.

Qindoominni kun erga warri Huutii haleellaa dirooniifi misaayelaa hin baramne UAEtti raawwachuu hordofee haleellaa qilleensarraa cimseera.

Haleellaa biyya Emirootaatti raawwateefi biyyattiitti isa hamaadha jedhame kanaan lammiileen nagayaa sadii ajjeefamaniiru.

Qindoominni kun dabalauun, bakki kun iddoowwan rukutamuu hin qaban jedhamanii UN wajjiin waliigalaman keessa hinjiru jedheera.

Humnoonni qindoomina Saa'udiin hoogganamanii 2015 irraa kaasee finciltoota Huutii wajjiin walwaraanaa jiru.

Sababa waraana kanaan daa'imman 10,000 ol dabalatee lammiileen nagaa kuma kurnatti lakka'aman du'aniiru yookaan miidhamaniiru.

Kanneen miiliyoonaan lakka'aman ammoo qe'eerraa kan buqqa'an yoo tahu, ummanni garri caalu fiixee beelaarratti argamu.

Haleellaa xiyyaararraan sa'aatii muraasa boodas, lubbu-baraartonni reeffa namootaa jijjigaa jalaa baasaa jiru.

Kanneen lubbuun hafan argachuufis abdiin carraaqaa jiru jechuun rippoortarri BBC Baha Giddu Galeessaa Anaa Foostar gabaaste.

Lakkoofsi namoota du'anii inni sirriin hanga ammaatti ifa miti. Dhaabbanni Médecins Sans Frontières (MSF) akka jedhutti, yoo xiqqaate namoonni 70 ajjeefamaniiru - lakkoofsi kunis ni dabala jedhamee eegama.

Miidiyaan finciltoonni Huutii to'atan, wayita namoonni harkasaaniitiin waan jijjige haran, akkasumas kanneen miidhamanii hospitaala ciciisan mul'iseera.

Akka MSF jedhutti, hospitaalli tokko qofa miidhamtoota 200 simatee yaalaa jira.

''Bakka haleellaan dhaqqabetti ammallee reeffa hedduutu jira, namoonni hedduunis dhabamaniiru,'' jechuun Yamanitti hoogganaan MSF Ahimad Mahaat AFPtti himeera.

''Namoonni meeqa akka ajjeefaman beekuun hin danda'amu. Kuni haleellaa gara jabinaa hamaa fakkaata.''

Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Aabba Antonii Bilinkenis gamasaaniin muddamni kun akka qabbanaa'u gaafatan.

Wayita haleellaan kun raawwatutti harka caalaa biyyattiitti intarneetiin adda citee ture. Kana hordofees miidiyaan Huutii wiirtuun telekomunikeeshinii haleelamuu himate.

Saa'udii Arabiyaan waan jettu, humnoonni qindoominaa bakka Hudayday jedhamu qilleensarraa haleeluu himte.