Qormaatawwan sadii kan ilmi mootii Saawudii darbuu hin dandeenye maal fa'i?

Yeroon amma kunis mootummaa Saawudii keesumaa ilma mootii Mahammad biin Salmaan waan mijatu miti.

Maqaa gabaajee MBS jedhamuun kan beekamu ilmi mootii Saawud Arabiyaa, uummata isaa biratti fudhatamummaan qabaatulleen, hawaasa addunyaa biratti mudannoowwan maqaasaanii gaarii irratti godaanisa buusan qabu.

Waggaa lamaan dura qonsilaa Saawudii kan Tarkiitti argamu keessatti gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii ajjeefamuu isaatiin walqabatee addunyaan MBS ija shakkiitiin akka ilaalu taasise.

Yeroo ammaa Ameerikaatti pireezidantiin haaraa filamuun Joo Baayidan, ilma mootii kanaaf mataa bowwaa ta'u jedhamee eegama.

Pireezidanti Baayidan ijjannoowwan Saawudii muraasa irratti ejjennoo jabaa akka qabatan gamanumaa beeksisaniiru.

Dhimmoonni kanaa gaditti tarreefaman sadan michooma Waashingitaniifi Riyaad gidduu kanneen qaawwa uumuu malan jedhama. Boodas qormaata MBS tahanii itti fufu tahaa?.

1. Waraana Yeman

Waraanni Yeman qaamoolee waraanicha irratti hirmaatan maraaf daafii fidee dhufe. Qormaata hin tilmaamne keessa isaan buuseera.

Waraanicha Saawudii miti kan jalqabe. Wal waraansa Yeman kan jalqabsiise warra Huutiidha.

Bara 2014tti finciltoonni Huutii gara magaalaa guddoo Yeman Sana’aatti duuluun mootummaa seera qabeessa tahe fonqolchuun biyyattii wal waraansatti galchan.

Warri Huutii naannolee Yeman tulluun baay’atu keessa kan jiraatan yoo tahu uummata waliigalaa biyyattii keessaa harka 15 bakka bu’u.

Bara 2015tti Mahaammad biin Salmaan warra Huutuu waraanuuf biyyoota Arabaa qindeessuu jalqaban.

Kanaanis finciltoota kunneen ji’oota muraasa keessatti jilbeeffachiisuuf kaayyeffachuun ka’an.

Oppireeshiniin ji’oota muraasa keessatti goolabama jedhame, waggoota jaha lakkoofsisuun dhuma otoon hin argatiin jira.

Waraana waggoota lakkoofsise kanaan namoonni nagaa ajjeefamniiru, qe’eerraas buqqa’aniiru. Morkattoonni gama lamaaniyyuu yakka waraanaa raawwataniiru.

Humni Saawudiin hogganamu, finciltoota Huutii Sana’aa fi naannoo namni baayyee jiraatu lixa biyyattii keessaa baasuu hin dandeenye.

Gareen finciltootaa Huutii Iraaniin deeggaraman misaa’elii fi dirooniiwwan furguggisan buufata boba’aa Saa’udii rukutuun kasaaraa qaqqabsiisaa turan.

Saa’udiin waraana kana keessaa of baasuuf fedhii jabaa qabdi. Finciltoonni Huutii battala Sana’aa to’ataniin waraana keessaa of baasuun garuu filannoo gaarii hin taanedha.

Finciltoonni Huutii aangoorra akka turan eeyyamuu jechuun Iraan Yaman keessatti hidda akka gad-faggeeffattu eeyyamuu dha. Kana immoo Saa’udiin ni gooti jechuun waan hin yaadamnedha.

Riyaad waraana Yeman irratti hirmaannaa qabduuf bulchiinsa Tiraamp irraa deeggarsa argachaa turteetti. Kun garuu bara aangoo Baayidanitti kan itti fufu hin fakkaatu.

MBS’dhaaf waraana kana dhiisanii bahuun filannoo miti. Injifannoo barbaadanis fiduu hin dandeenye. Ameerikaarraa gargaarsa argachuunis gaaffii tahee jira.

2. Dubartoota mana hidhaa Saa’udii jiran

Hidhaan dubartoota mirgaaf falmanii, Mahammad biin Salmaan ija gaariin akka hin ilaalamne dhimmoota taasisan keessaati.

Falmitoonni mirgaa 13 mana hidhaa Saa’udii erga bu’anii bubbuleera.

Sababii dubartoonni kunneen itti hidhaman immoo dubartoonni konkolaataa oofuun haa eeyyamamuufi bahanii galuuf dhiira irraa eeyyama agachuu hin qabnu kan jedhudha.

Falmitoonni mirgaa kanneena akka Laawujeen al-Haataalool ammallee mana hidhaa jiru. Saawudiin dubartiin kun humnoota alaarraa maallaqa fudhatteetti jechuun ishee himatti. Kanaaf garuu ammallee ragaa hin dhiyeessine.

Hiriyyoonni ishee kora mirga namoomaa irratti hirmaachuu fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qacaramuuf iyyata galchuun alatti balleessaa hin qabdu jedhu.

Laawujeen al-Haataalool

Hidhaan falmattoota mirgaa kunneen yeroo bulchiinsa Baayidan akkasumaan dhimma darbamu hin tahu.

Gaazexeessaan BBC Baha Gidduugalaa Firaank Gaardinar, feetu mootummaan dubartoota Saa’udii hidhaa buusee ragaa dhiyeessuu waan hin dandeenyeef ‘dhiifama’ godheera jechuun gadi lakkisuu danda’a jedha.

3. Qoqophaa Kuwaataar

Kuwaataar biyyoota ollaatiin qoqoophhaa irra ka'ameer ture. Kanaaf warreen shira xaxaa turan keessaa biyyi ijoo Saawudii dha.

Kuweet immoo qoqqphaa irra kaa'amee kana furuuf duubaan tattaafachaa turte. Garuu waan salphaatti hiikamu miti.

Bara 2017tti Tiraamp Riyaaditti erga daawwannaa taasisaniin guyyoota lama booda Saawudii Arabiyaa, UAE, Baahireeniifi Masriin ollaa isaanii Kuwaataariin keessaa fo’an.

Kanaaf immoo sababiin isaanii Kuwaataar garee finxaaleyyii Islaamaa deeggarti jedhu. Kunimmoo shororkeessummaa gargaaruu dha jedhan. Haa ta'u malee Kuweeti himmanicha hinfudhattu.

Yuunaayitid Arab Imireetis shororkeessitoota Kuwaataar jiraatu jette tarree maqaa baastee turte.

Biyyoonni kunneen Kuwaataar shororkeessitoota deeggaruu dhaabuu qabdi, loltoonni Tarkii Kuwaataarii bahuu qabu, hariiroo Iraan waliin qabdu haa dhaabdu akeekkachiisa jedhuun dabalataan Aljeeziraan Kuwaataar jiru haa cufamu jechuun yaadachiisa kennaniiru.

Kuni yoo hin raawwatamne biyyattii irra qoqqobbii diinagdee keenya jechuun akeekkachiisaniiru.

Akkuma waraana Yaman yeroo gabaabaa keessatti bu’aa barbaachisu argamsiisna jechuun garuummoo milkaa’inarraa hanqatan Kuwaataar irrattis shallagani kun hin hojjenne.

Kuwaataar dhibbaa isaanii dandamachuu dadhabuun harka kenniti jedhanii haa yaadaniyyuu malee, hin milkoofne.

Kuwaataar qabeenyi uumamaa qabdu, invastimantiin UK keessatti qabduu fi deeggarsi Tarkii fi Iraanii irraa argattu waan biyyooti Arabaa xaxan akka hin milkoofne taasiseera.

Yeroo dhihootii asi Baha Gidduugalaatti gareen lamni uumameera.

Biyyoota Suunii galoo galaanaa Saa’udii Arabiyaa, Yuunaayitid Arab Imireetis, Baahireeniifi Masriin garee tokkorra yoo hiriiran, Tarkii, Kuwaataar fi gareewwan kan akka Muuzliim Biraazarhood, Hamaasiif warraaqsoti Islaamaa garee biraa uummataniiru.

Ergamaan addaa Donaald Tiraamp Jaareed Kuushnar dhimma kana mariin hiikuuf garas imalanii turan.

Ameerikaan Kuwaataar keessatti buufata waraanaa guddaa waan qabduuf bulchiinsi Baayidan rakkoo kana hiikuuf hojjechuun waan hin oolle dha.